Jamaal Kashoogjii: US ilmi mootii Saawudii Kashoogjiin akka ajjeefamuuf eeyyameera jette

Crown Prince Mohammed bin Salman at a summit in Buenos Aires, Argentina, 30 November 2018

Madda suuraa, Reuters

Gabaasni basaasaa US akka bira gahetti, 2018tti ilmi mootii Saawudii Mohaammad bin Salmaan gaazexeessaan biyyaa ari’ame Jamaal Khashogjii akka ajjeefamu eyyameera.

Gabaasni bulchiinsa Baaydeniin ba’e kun karoora Kashoogjii “qabuu ykn ajjeesuu” jedhu ilmi mootii kun eeyyamuu isaa hima.

US lammiilee Saawudii hedduurra qoqqobbii keessuus, ilma mooticharra garuu hin keenye.

Gabaasa kana Saawudii Arabiyaan “sobaa fi kan fudhatama hin qabne” jechuun haalteetti.

Ilmi mootii Mohaammad, bulchaa biyyatti kan ta’e, ajjeechaa kana keessatti ga’ee tokkoyyuu akka hin qabne hima.

Kashoogjiin kan ajjeefame yeroo Embaasii Saawudii biyya Tarkii, Istaanbul keessa jiru seenee turetti yoo ta’u, reeffi isaas kukkutameera.

Gazexxeessan ganna 59 yeroo tokkotti gorsaa mootummaa Sawudii kan turee fi maatii moototaa waliin hariiroo gaarii kan qabu ture ta’us, boodarra waldhabdee uumameen ofiin biyyaa baqate bara 2017tti US seene.

Sana booda qajeelfama Ilma Mootii Mohammad qeequun ji’a ji’aan miidiyaa Washigton Post’f gabaasa barreessuu eegale.

Gabaasni kun maal argate?

“Ilmi Mootii Saawudi Arabiyaa Mohaammad bin Salmaan karoora Instaanbul keessatti gazexeessaa Jamaal Kashoojii qabuuf ykn ajjeesuuf qophaa’e akka eeyyame arganneerra,” jedha gabaasni waajjira basaasaa biyyaalessa US.

Ilma Mootii Saawudii Salmaan bin Abdullaaziiz al-Saud kan ta’e ilmi mootii kun, akka bulchaa biyyattii tahetti fudhatama.

Gabaasni basaasa kun ilmi mootii kun ajjeechaa eeyyameera jedhe kan amanuuf sababoota sadan armaan gadiifi.

  • Bara 2017 irraa eegalee bulchiinsicha keessatti murtee dabarsuuf to’annoo qabaachuu isaa
  • Ajjeechaa kana keessatti hirmaannaan kallattii gorsaa isaa tokkoo fi eegdota isaa jiraachuu
  • ''Mormiitoota biyya biraa jiran callisiisuuf tarkaanfiiwwan hamoo fudhachuu deeggaruu'' isaa

Gabaasi kun dabalataan namoota ajjeechaa Kashoogjii keessaa harka qaban ykn itti gaafataman maqaa ni dha’a. Ta’us garuu namootni kanaratti hirmaatan isa miidhuuf “hangam dursanii akka qophaa’an hin beeknu” jedha.

Anga’onni Saawudii ajjeechaa kana “gochaa fincilaa” gartuun qondaaltota akka Kashoogjii biyyatti deebisuuf ergaman raawwatanidha jedhu.

Manni murti Saawudiis namoota shan ajjeechaa kanaan himatee jalqaba adabbii du’aa itti murteessus boodarra, Fulbaana darbe hidhaa waggaa 20’n akka adabamaniif murteesseera.

Kun hariiroo US - Saawudii irratti dhibbaa akkamii qabaata?

Composite picture of President Biden and King Salman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Joo Baayidan waa'ee gabaasichaarratti Mootii Salmaan wajjin mari'taniiru

Erga gaabasi kun ba’ee takka turee, Ministeerri Dhimma Alaa US Antonii Bilinken uggura imalaa “dhorkii Kashoojii” jedhamee waamam labseera.

Dhorkiin kun kan ilaallatu “namoota kallattiin gocha hamaa mormiitoota biyyaa ba’anii irratti geessisuu keessatti hirmaatu jedhamanii yaadaman,” ta’uu hima.

Dabalataanis namoota naannoo ilma mootichaa jiran: gargaaraa isaa tokko, itti aanaa hogganaa basaasaa kan ture Ahmad Asiirii, akkasumas humna eegumsaa isaa kan ajjeechaa kana keessatti ga’ee qaban irraa Dameen Maallaqaa US qoqqoobbii kaa’eera.

Sawuudii Arabiyaan, addunyaaf biyya boba’aa gurgurtu ishee guddaa yoo taatu, biyyoota Baha Gidduu galeessaa keessaa waayilaa US ishee ijoodha.

Kamisa Mootii Salmaan waliin haasaa bilbilaan taasisaniin Pireezidaant Joo Baayiden “dhimmi mirga namoomaa fi olaantummaa seeraa US biratti barbaachisummaa guddaa akka qabu,” dubbachuu isaanii Waayit Hawuus ibseera.

Madda adda adaa eeruun Reuters akka gabaasetti, bulchiinsi Baayideen waligaltee gurgurtaa meeshaa waraanaa Saawudii Arabiyaa waliin qabu kan mirga namoomaa irratti yaaddoo uumu akka haquu fi gara fulduraattis gurgurtaa waraanaa meeshaalee “ittisaaf” ta’an irratti akka xiyyeeffatu gochuuf yaada jira.

Gabaasa US kana haaluun ministirri dhimma alaa Saawudii namootni yakka kana irratti hirmaatan seeraan qoratamanii haqi barbaachisuus rawwaatamuu hima.