Ajjeechaa Jamaal Kaashogjiin: Kaadhimaan gaazexeessaa ajjeefamee ilma mootii Sa’udiirratti himannaa bante

Madda suuraa, Reuters
Ajjeechaa gaazeexessaa Jamaal Kaashoogjii waliin wal qabatee ilma mootii Sa'ud Arabiyaa Mohaammad Biin Salmaan irratti himannaan baname.
Himanni kun kaadhimaa gaazixeessaa Jamaal Kaashogjii kan taatee Haatije Jengeez fi garee mirgoota namoomaatiif falmu Kaashogjiin osoo hin du'iin hundeesseen ilma mootii Sa’udii Mohaammad biin Salamaan fi namoota 20 biroo irratti kan baname.
Kaashogjiin gareewwan tikaa Saa’ud Arabiyaaatiin qontsilaa Sa’udii Tarkii Isaambuliitti argamu wayita dhaqeetti bara 2018 keessa ajjeefame.
Ajjeechaa gaazexeessaa kanaa ilmi mootiichaa ajajaniiru jedhamanillee isaan garuu wakkataniiru.
Kaashogjiin mootummaa Sa’udii qeequun nama baay’ee beekamu yoo ta’u, biyyaa bahee Ameerikaa wayita jiraateettis Waashingitan Poostiif barreessaa ture.

Madda suuraa, EPA
Himannaa seera Waashingitan DC'tti Kibxata banameerratti lammii Tarkii kan taate Ms Jengeezi du’a Kaashogjiitiin walqabatee miidhaan dhuunfaafi maallaqa dhabuu isheerra gahuu himatteetti.
Gareen mirga namoomaa Kaashogjii 'Democracy for the Arab World Now (DAWN)' jedhamuun beekamu, hojiin isaas gufachuu ibse.
Himannaan banames Kaashogjiin ajaja Mohaammad Biin Saalmaaniin akka ajjeefame ibsa.
‘’Kaayyoon ajjeechaa kanaas ifaadha- innis duula Kaashogjiin jijjiramni dimokraasii biyyoota Arabaa keessatti akka dhufuuf gaggeessaa ture dhaabuuf,’’ jedha.
Abbootiin seeraa Ms Jeegiziifi dhaabbata isaa kara vidiyoo konfireensiitiin Kibxata akka jedhaniitti, xiyyeeffannaan himannichaa manni murtii Ameerikaa ajjeechaaf ilma mootichaa itti-gaafatamaa akka taasisuufi sanadawwan dhugaa baasan akka argatu ta'uu gaazexaan Waashingiteen Poost gabaaseera.
‘’Kaashogjiin Ameerikaatti waanti kamuu akka danda’amu amana, sirni haqaa Ameerikaa dhimmisaa haqa akka argatuufi itti-gaafatamummaa akka mirkaneessuu abdiin qaba,’’ jette kaadhimaan isaa.
Jamaal Kaashogjiin eenyu?
Gaazixeessaan beekamaa Sa’udii kun dhimmoota jajjaboo hedduu gabaasuun beekama.
Sooviyeet duraanii biyya Afgaanistaan wayita weerartutti ka'umsaafi seenaa hogganaa duraanii al-Qaeda Osaamaa Biin Laaden dabalatee wantota hedduu miidiyaalee Sa’udiif gabaasuun gurra gaarii horatee ture.
Kaashogjiin nama ganna 59 kan ture yoo ta’u, maatii warra mootii Sa’uditti dhiyeenya kan qabuufi gorsaa mootummaa biyyattis ta’ee waggoota kudhanitti lakka’amuuf hojjateera.
Bara 2017 biyyattii keeessaa bahuudhaan Ameerikaatti kan qajeele ture.
Sana booda Waashingteen Poost gubbatti imaammata ilma mootii Sa’udii Mohaammad Biin Saalmaan qeequun barreessaa ture.
Barreeffama isaa jalqaba bara 2017 keessatti tarkaanfii ilmi mootii Sa’udii yeroo sanatti fudhataa tureen walqabatee, hidhamuun danda’a jedhee yaaddoo akka qabu ibsee ture.
Kaashogjiin akkamitti kan du’e?
Bara 2018 qontsilaa Sa’udii Tarkii Istaanbulitti argamu deemuun kaadhimaa isaa fuudhuuf waraqaa seeraa mijeeffachuuf deemee ture.
Wayita sanatti haasaa qotsilaa kana keessaa waraabame dhaga’uun booda ergamaan addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Ajinis Kamard, ‘’Kaashogjiin haala sukanneessaan ajjeefamuu,’’ yaada xumuraa guyyaa sana kennaniirratti ibsaniiru.
Abbaan alangaa Sa’udii garuu ajjeechaan raawwatame itti yaadamee akka hin taane dubbatan.
Ajeechaan kun gartuu ‘mariidhaan’ Kaashogjiin biyyatti akka deebi’u h taasisuuf Istaanbulitti ergametu ajaja kana kenne jedhe.
Gaazixeessaan kun ajjeefamuu booda garuu reeffi isaallee hin argamne.
Abbootiin alangaa Tarkii akkuma qontsilaa kana seeneen ukkaamfamee reeffi isaallee dhabamsiifamuu ibsaniiru.
Muddee bara 2019tti manni murtii Riyaad namoota shan ajjeecha kana keessatti qooda qabu jedhe du’aan adabee ture.
Namoonni sadimmoo ‘’yakkicha dhoksuufi seera cabsan’’jedhamanii hidhaa waggaa 24n adabamanii turan.
Ittaanaa damee tika biyyattii Ahmad Asirii dabalatee namoonni sadii balleessaa hin qaban jedhamanii turan.
Ji’a darbe garuu midiyaan biyyattii akka gabaasetti, namoonni shanan duuti itti muramee ture murtoon isaanii du’arraa gara hidhaa waggaa 20tti hir’achuufiif gabaasanii turan.












