Sa'ud Arabiyaa: Ameerikaan iccitii ajjeechaa Jamaal Kaashogjii irratti gabaasa baasuuf

Madda suuraa, Rooyitars
Ameerikaan odeeffannoo basaasaa Ilmi Mootii Sa’udii ajjeechaa gaazixeessaa Jamaal Kashogjii bara 2018 keessaa qooda qabaachuu akeekurratti gabaasa baasuuf.
Pirezedant Joo Baayidan ammoo gabaasicha erga dubbisanii booda mootii Sa’udii wajjiin haasaa taasisaniiru.
Pirezident Joo Baayidan, 'michuu bara dheeraa' Ameerikaa kan taate Sa'u Arabiyaa waliin hariiroo haaromsachuu barbaadaniiru.
Joo Baayiden hariiroo Sa’ud Arabiyaa wajjiin Ameerikaan qabdu irra deebii toora qabsiisuu/haaromsu barbaadu.
Baayidan ejjennoo Ameerikaan "kabajamuu mirgoota namoomaafi seeraa idil-addunyaa" irratti qabdu cimsanii dubbachuu Waayit Hawus Kamise ibseera.
Icciitii ajjeechaa Jamaal Kaashogjii ilaallatu dhiyeenyatti gadhiifama jedhamee kan eegamu yoo ta'u, harki Ilma Mootii Sa'ud Arabiyaa keessa jiraataa kan jedhu ni ifoomsa jedhamee eegama.
Kaashogjiin haala sukanneessaa ta’een Qoontsilaa Sa’ud Arabiyaa Istaanbul, Tarkii jiru keessatti ajjeeffame ture.
Ilmi mootii Sa’udii ajjeecha kana keessaa qooda hin qabuu jechuun waakkate.
Qondaaltoonni Sa’udii Kaashogjiin kan ajjeefame gartuu tikaa biyyattiin ta’uu amanuun, akka Sa’uuditti deebisanii ergamanii, otoo qondaaltoonni biyyattii olaanoon hin beekne ajjeessan jedhu.
Manni murtii Sa’ud Arabiyaa namoota ajjeechaa Kaashogjii keessatti qooda qabu jedhaman du’aan adabee, Fulbaana darbemmoo gara hidhaa ganna 20tti gadi hir’iseef.
Gabaasichi maal jedha?
Gabaasichi ilmi mootii Sa’udii Mohaammad biin Saalman Kaashojiin akka ajjeefamu mirkaneessuufi ’ajaje fakkaata’ jechuun qondaaltonni Ameerikaa Rooyitarsitti himan.
Gabaasicha gumaachuu keessatti CIA’n qooda ijoo qabachuun himameera.
Mohaammad bin Saalman fi Abbaan alangaa biyyattii wayita Kaashogjiin ajjeefamu akka hin beekne dubbatan.
Haata’u malee, akka hogganaa Sa’udiitti‘’itti gaafatamummaa guutuun fudhadha, namoonni ajjeesan mootummaa Sa’udiif hojjatu waan ta’eef’’jechuun bara 2019 dubbatee ture.
Tajaajilli oduu NBC garuu gabaasni basaasa kun waan haaraa miti, CIA’n kan bara 2018 baase pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp haalanii turanii jedha.
Akka gabaasichatti’’dhukaasni qawwee dhaga’ame’’hin turre.
Qondaaltonni Ameerikaa yeroo sanatti tarkaanfii akkasii fudhachuuf ilmi mootii biyyattii mirkaneessuu barbaachisa jedhanii akka yaadan himaniiru.
Barruun Kaashojiin barreeessaafi ture Waashingten Poost gamasaatin, sakatta’iinsi CIA bilbila obboleessi ilma mootii Sa’udii Kaalid bin Saalman yeroo Kaashogjiin ajjeefamu bilbilaafi ture ka’uumsa ta’u ibse.
Ilmi mootii biyyattii Kaaliid Saalman, Ameerikattii Ambaasaddara Sa’udii kan ture wayita ta’u, amma Deetaa ministira Ittisa Sa’uuditi.
Kaalid Kaashogjiirra miidhaan homtuu akka hin qaqqabne waadaa seenufiin gara Qonstilaa Sa’udii Istaanbulitti argamu akka dhaqu bilbilaan itti himeera jedhame himatama.
Ilmi mooti Kaalid garuu gaazixeessicha wajjin haasa’uu haaleera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ergamaan Addaa Aginas Kalamaard, bara 2019 Sa’ud Arabiyaan ‘’itti yaadde Kaasgjii ajjeeste’’ jechuun himachuun, dhaddacha mana murtii Sa’udiille‘’haqaa dabe’’jechuun fudhatama dhabsiiste.
Amma maaltu dalagamaa jira?
Gabaasonni akka agarsiisanitti, imaammanni Joo Baayiden hariiroo Sa’udii wajjin qaban fooyyeessurratti kan Doonaald Tiraamp hordofan caala jabaa ta’u akeeka.
Dubbi himtuun Waayit Haawus Jiin Sakiin akka himetti, Baayideen kallattiidhaan mootii Sa’udii Saalman wajjin haasa’uuf jiru.
Sakiin akka jettetti, Baayideen erga pirezedantii ta’aani erga muudamanii yeroo jalqabaatiif mootii Sa’uudi Saalman wajjin haasa’uuf jiru.
Pirezedant Baayideen lola Yaman keessatti gartuun walta’iinsaan Sa’uudiin durfamutti deeggaruu diduun, meeshaaleen waraanaa Sa’ud Arabiyyaatti akka hin gurguramne dhorkataniiru.














