Jamaal Kaashogjii: Turkiin ajjeechaa gaazexessaan walqabatee lammiilee Sa'udii 20 himatte

Jamaal Kaashogjii

Madda suuraa, POMED

Ibsa waa'ee suuraa, Jamaal Kaashogjiin mootummaa Sa'udii Arabiyaa qeequun beekama

Ajjeechaa gaazexxessaa Sa'udii Jamaal Kashoogjiin Onkoloolessa 2018 raawwateen walqabatee Turkiin shakkamtoota 20 irratti himannaa bante.

Abbaan alangaa akka jedhetti Hogganaa itti aanaa Tikaa Sa'udii kan ture Ahmad Asiriifi gargaaraa durii moototaa Sa'uud al-Qahtaniii yakkaa ajjeechaa qindeessuun himatamaniiru.

Shakkamtoonni 18 hafan immoo "ajjeechaa sukkanneessaafi karoorfame" Imbaasii Sa'udii keessatti rawwachuun himatamani.

Dhaabbileen basaasaa biyyoota Lixaa ajjeechaan kun ilma mootii Sa'udii Mohaammad bin Salmaaniin ajajame jechun amananis, ilmi mootii garuu himata kana balaaleeffateera.

Gazexessaan "miidhamaa ajjeechaa karoorfameeti" kunis murtii ajjeechaa kan bulchiinsi Sa'udii Arabiyaa itti gaafatamu qabudha jedha raapportarri Biyyoota Gamtoomani.

Yeroo ajjeefametti umrii waggaa 59 kan ta'eefi gaazexxessaa 'Washington Post' kan ture Kashoogjiin mootummaa Sa'udii qeequun beekama ture.

Muddee keessa manni murtii Sa'udii ajjeechaa Kashoogjiif namoota maqaan isaanii hin ibsamne shan irratti murtee du'aa, sadii irratti ammo hidhaa murteesseerra.

Ajjeechaa kana raawwachuun namooti himataman 18 keessa eegaan mootota Sa'uudii, ogeessa qorannoo du'aafi qondaalli tika Sa'udii kanaan dura ilma mootii Mohaammad waliin imalee beeku ni argamu.

Himannaan kun kan baname himannaa ragaa baatootaa, qorannoo meeshalee dijitaalaa Kashogjiifi ragaalee namoota Turkii galanii irratti hundaa'uun akka ta'ee ibsameera.

Sa'udii Arabiyaan dhimmaa himannaa kanaa irratti ammatti homaa hin dubbanne.