Kaadhimaan Jamaal Kaashogjii Sa'udiin Niiwuukasiliin 'fudhachuu hin qabu' jette

Aadde Hatisee Sengiiz

Madda suuraa, AFP

Kaadhimaan gaazexeessaa bara darbe ajjeefame, Jamaal Kashoogjii, kilabiin kubbaa miilaa Niiwuukasiil Yunaayitid Sa'ud Arabiyaatiin akka hin fudhatamneef akka itti cufamu gaafatte.

Aadde Hatisee Sengiiz Sa'udiin kilaba Niiwuukasil akka hin fudhanneef akka itti cufamuuf kan gaafatteefis sababii kaadhimaa ishee jalaa ajjeesaniif jedhameera.

Jamaal Kashogjii gaazexeessaa mootummaa qeequun beekamu bara 2018 qoontsila Sa'ud Arabiyaa Tarkii keessatti argamu keessatti ajjeefame.

Dhaabbileen tikaafi basaasaa biyyoota Lixaa ajjeechaa Jamaal Kashoogjii kana Ilma Mootii Mohaammad bin Salmaan ture kan ajaje jedhanii amanu. Ilmi mootichaa garuu ni waakkate.

Fandiin Invastimantiin Ummata Sa'ud Arabiyaa, kan Ilma Mootichaatiin durfamu, kilaba kubbaa miilaa sana keessaa %80 dhuunfachuuf ilaalaa jira.

Abokaatoowwaniifi gorsitoonni seeraa Aadde Hatisee bakka ishee bu'uun dubbatan, kilabicha fudhachuun sababa ajjeechaa sanaaf itti cufamuu qaba jedhan.

Isteediyeemii Jaamsi Paark

Madda suuraa, Getty Images

Waa'ee kilabichi fudhatamuu maal beeknaa?

Kilabii Niiwuukasil kana bara 2007 irraa kaasee Maayik Ashiliitu abbummaan qabaatee ture. Garuu bara 2017 irraa kaasee ammoo gurgurtaaf dhiyeesseera. Sa'udiin ammoo maallaqa Paawondii miliyoona 300 baasuun kilaba kana fudhachuu barbaada.

Haata'u malee, kilabiin kun dabarfamee gurguramuun isaa mormii uumeeraa.

Mootummaan Sa'udii hanna daldala Piriimer Liigii mijeessuudhaan kan himatamaa jiru yoo ta'u, Aministii Internaashinaal ammoo galmee seenaa mirgoota namoomaa sarbuu hamaa biyyattiin qabdurraa kan ka'een bittaafi gurgurtaan waliinuu ta'uu hin malu jechuun qeeqa.

Kana malees Sa'ud Arabiyaan kabaja addunyaa irratti qaban tolfachuufi maqaa ergachuudhaaf jecha gareewwan gurguddoofi taatewwan ispoortii gurguddoo qopheessuudhaan karaa hin malle deemaa jirti jedhama.

Jecha gochi akkasii kun ittiin ibsamus "sportwashing" jedhama.

Haata'u malee, himannaan kun mootummaa Sa'udii biratti fudhatama hin qabu. Sababii biyyattiin ispoortii irratti baayyee baasii guddaa ramadaniif ummanni biyyattii akka ispoorii keessa seenan gochuuf jedha mootuummaan.

Kaadhimaan Jamaal Kashoogjii maal jettee?

Gorsitoonni seera Aadde Hatisee Sengiiz xalayaa ishee bakka bu'uun maqaa isheetiin barreessaniin Piriimer Liigiin kilabiin kun gara Sa'udiitti naanneffamuun cufamuu qaba jedhan.

"Kun shakkii tokko malee tarkaanfii sirrii, qajeelaafi seera qabeessa ati (gaggeessaa ol-aana Riichaard Maasters)fi Piriimer Liigiin fudhachuu maltanidha, keessumaa ajjeechaa gara jabeenyaa kaadhimaa Aadde Hatisee Sengiiz waliin yeroo ilalamutti," jedha xalayichi.

Kubbaa miilaa Ingliiz keessatti nama "hojii jibbisiisaa akkasii kana keessatti hirmaate" kamiifiyyu bakki jiraachuu hin qabu, jedha xalayichi.

"Wanta gaarii Piriimer Liigiiniifi kubbaan miilaa Ingilaand dhaabbatuuf hafee warreen akkas yakka sukkaneessaa kana hojjetan waliin hariiroo qabaachuun maqaa gurraachessa. Isaan kubbaa miilaa Ingilaand kana fayyadamuudhaan of qulqulleessuudhaan maqaa isaanii bade foyyeeffachuufi badii fokkisaa raawwatan dhukfachuudhaaf."

Gaazexeessaa Jamaal Kaashogjii maaltu mudate?

Gaazexeessaa Jamaal Kaashogjii gaazexaa bebbeekamiirratti barreessuun kan beekam yoo ta'u yeroo baayyee mootummaa Sa'udii qeequun beekama. Bara 2017 irraa kaasee ammoo Ameerikaatti baqatee jiraata ture.

Haata'u malee, Onkoloolessa 2, 2018 ammoo kaadhimaa isaa waliin gaa'ela raawwachuuf jecha waraqaa ragaa isa barbaachisu argachuuf gara qoontsilaa Sa'ud Arabiyaa magaalaa Tarkii Istaambul jiru deeme.

Qorattoonni yakkaa akka jedhanitti, wayita kaadhimaan isaa kun karra alaan dhaabattee isa eegaa jirtuu gaazexeessaa umuriin ganna 59 ta'e kun ajjeefamuun qaama isaallee kukkutanii miliqsan. Kanaaf, Jamaal Kaashogjiin reeffi isaallee hin argamiin hafeera.

Ajjeechaan gara jabina akkanaan raawwatme kun guutummaa addunyaa kan rifaasise yoo ta'u Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN)tti Ergamaan Addaa Anges Kalamaard ajjeechaa kana keessatti Ilmi Mootichaa Mohaammadiifi aanga'oonni ol-aanoo Sa'udii keessaa harka waan qabaniif itti gaafatamuu qaban jedhan.

Bara darbe manni murtii Sa'ud Arabiyaa yakka kanaan walqabatee namoota shanitti du'a murteessee sadii ammoo yaa hidhaman jedheera.

Tarkiin ammoo addatti shakkamtoota 20 ajjeechaa Jamaal Kashogjii waliin walqabteen himannaa irratti banteetti.