Sa’ud Arabiyaan istaadiyeemii lafarraa bakka meetira 350 ol fagaatutti ijaaruuf

Madda suuraa, Saudi 2034
Sa’ud Arabiyaan Waancaa Addunyaa bara 2034 keessummeessuuf jecha istaadiyeemii 11 ijaaruuf karoorfatte.
Istaadiyeemota kana keessaa tokko lafarraa bakka meetira 350 ol fagaaturratti ijaarama.
Istaadiyeemii Nihoom, magaalaa hanga ammaatti hin ijaaramne, kan kaaba dhiha biyyattii keessatti argamtutti ijaaruuf yaadame liiftii guddaa qabuufi konkolaataa konkolaachisaa hin qabne qofaan dhaquun danda’ama.
Dirreen dorgoommiin ispoortii kun qaama pirojektii 'The Line' jedhamuu biyyattii dinagdee galii boba'aarraa hirkate heddummeessuuf yoo ta'u, tapha marsaa xumuraa keessummeessuuf oola.
Caalbaasiin Saawud Arabiyaa dorgommii kan hin qabne yoo ta'u, biyyattiin karoora ishee hanga guyyaa xumuraa ji’a Onkoloolessa 2024tti dhiyeessuuf qabdi turte.
Istaadiyeemota haaraa 11 Sa’udiin ijaartu keessaa saddeet magaalaa guddoo biyyattii Riyaaditti ijaaramu- Istaadiyeemii Idil-addunyaa mootii Saalmaan kan daawwattoota 92,760 qabachuu danda'u dabalatee istaadiyeemonni tapha baniinsaa fi xumuraa keessummeessan Riyaaditti ijaaramuuf jiru.
Waancaa addunyaa bara 2034 Sa’udiin keessumeessitu magaalonni Jiddaa, Al- Kobar fi Abhaa jedhamanitu keessummeessuuf jira.
Hirmaattonni Waancaa Addunyaa erga gara 48ttiitti guddate Sawudiin biyya jalqabaa qofaa ishee waancicha qopheessitu tahuufi.
Fifa'n bara 2034 biyya kamtu Waancaa Adunyaa keessummeessa kan jedhu Mudde 11, 2024 kora taa’ee mirkaneessa.
Bu'uuraalee misoomaa kana hojjachuuf maaltu barbaachisa?

Madda suuraa, Saudi 2034
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Magaalaan haaraan guutummaa Nihoomitti ijaarama.
Pirojektiin guddaan, The Line jedhamu kun, magaalaa konkolaataa hin qabne, bal'inni isaa meetira 200 ta’e, dheerinni isaa km170 ta'uun ijaarama.
Haa ta’u malee pirojekticha keessaa km 2.4 bara 2030tti guutummaatti xumurama.
Pirojeeektiin ‘The Line’ jedhamu kun gamoo ‘Empire State’ caalaa dheeraa fi fageenya Biristooli fi Landan gidduu jiruun walgita.
Sanadni caalbaasii istaadiyeemii haaraan Nihoom akka ibsutti "guutumaan guutuutti anniisaa haaromfamuu danda'uun" kanneen akka madda qilleensaa fi aduutti gargaarama.
Buufata xiyyaaraa idil-addunyaa haaraa Nihoomomitti ijaaruuf karoorfameera,
Sanadni caalbaasii kun akka ibsutti, bara 2034tti buufanni xiyyaaraa kun waggaatti daawwattoota biyya keessaa fi alaa miliyoona 12 keessummeessa.
Buufatni xiyyaaraa magaalota dorgommii waancaa addunyaa keessummeessan
biroo hunda keessattis ni babal’ifamu.
Buufanni xiyyaaraa Riyaaditti argamu bara 2034tti waggaatti imaltoota miliyoona 100 akka akka simatutu eegama.
Buufanni xiyyaaraa Abhaa imaltootaa miliyoona 1.5 simachuu danda’urraa imaltoota miliyoona saddeet simachuutti yeroo dorgoommiin kun gaggeeffamu guddachuuf jira.
Sa'ud Arabiyaan daandii baaburaa fi daandii konkolaataa bal'isuufillee karoorfattetti.












