Gara Sawdii godaanuu taphattoota Awurooppaa duuba kan jiru, PIF maali?

Ilma mootii, Mohaammad bin Salmaan

Madda suuraa, Getty Images

PIF gabaajee dhaabbata Fandii Inveestimentii Ummataa Saawdii Arabiyaati.

Fandii kun dilbii maallaqaa quuddaadha jechuun ni danda'ama. Mirkanatti dubbachuuf Fandii kana keessa maallaqa paawundii biiliyoona 514 ta'utu kuufamee jira.

Dhaabbati kuni kan hundeeffame bara 1971 dha. Mootummaan Saawdii Arabiyaa invastimantiiwwan adda addaarratti akka hirmaatuuf jecha akkaawuntii qusannaa maallaqaa biyyattii banamedha.

Fandiin kun maallaqa akkaan guddaa kan inni qabaachuu danda'eef ammoo biyyattiin galii guddaa gurgurtaa boba'aa irraa sababa argattuufi.

Jaarmiyaan kun invastimantii gurguddaa damee garaagaraan hojjetuun alatti ispoortii irrattis hirmaanna qabu akkaan dabalaa dhufeera.

Baasii guddaa damee tapha goolfii irratti hojjeteen maqaan isaa ni ka'a. Dabalataan, ammoo Kilaba Ingiliz Niiwkaasiil Yunaayitiid bitatee bulchaa jira.

Fandiin ummataa kun Caamsaa darbe ammoo kilaboota liigii kubbaa miilaa biyyattii keessa jiran afur of jalattii akka bulchuu eegale ifa godhe.

Kilabootni kun kan urjii kubbaa miilaa addunyaa Kiristiyaanoo Ronaaldoo hunda dursee mallatteessifate Al-Nassir, Al Itihaad, Al- Ahlii fi Al-Hilaalidha.

Tibba jijjiirraa taphattootaa ganna kana irrattis hunda caalaa oduu guddaa kan ta'eefi taphattoota hedduu saammachaa kan jiru liigii Saawdii kana yeroo ta'u, addatti ammoo kilaboota afran harka PIF galaniidha.

Kilabootni kunniin maallaqa qaqqaaliin taphattoota maqaa guddaa akka Riyaad Mahireez, Eduward Meendii, Saadiyoo Maanee, Kariim Benzemaa, Robeertoo Firmiinoo, Joordaan Heenderson, fa'a kan ofii godhataniiru.

Liigiin Saawdii, Saawdii Piroo Liig, akka jaarmiyaawwan kubbaa miilaa Awurooppaa keessa jiranii seera ittiin bulmaata maallaqaa fi jijjiirraa taphattootaa hin qabu.

Kanaafis bittaa taphattootaa fi miindaa isaanii hanga ni feesisa jedhaniifi itti amanan kilabootumaafi fandichatu raawwata.

Kiristiyaanoo Ronaaldoo kan taphattoota maqaa guddaa keessaa ji'oota dura gara Al-Nassir imale, Liigiin Saawdii kun liigiiwwan gurguddaa addunyaa akkanaa shan keessaa tokko ni ta'aa jechuun ji'a tokko dura dubbateera.

Ji'a tokko darbe keessattis taphattootni gara Saawdii imalan xiqqaa miti.

Al-Hilaal maallaqa riikardii addunyaa ta'e paawundii miiliyoona 259 qacalee waggaa 24 Kiliyaan Imbaappee PSG irraa fudhachuuf gaaffiin dhiyeessee hin milkoofne.

Ta'us, dubbii ijoo sababa Fandii Inveestimantii Ummataa Saawdii, PIF, kanaan dhagaahame keessaati.

Kariim Benzeemaa

Madda suuraa, Getty Images

Eenyutu PIF bulcha?

Fandii kana kan bulchu ilma mootii Saawdii Mohaammed biin Salmaan Al Sa'uudi.

Mohaammed bin Salmaan bara 2017 ilma mootii mootii ta'uuf adeemu ta'uun isaa labsame. Bara 2018 keessa barruu Forbes baaseen addunyaa kana gubbaatti namoota dhiibbaa guddaa uuman keessaa sadarkaa saddeettafarra kaaheera.

Namni kun sadarkaa idila addunyaatti fudhatamni qabu walkeessa.

Ameerikaan namni kun gaazexessaa beekamaa Saawdii Jamaal Kaashoogjii akka ajjeefamu kan ajaje isaa jechuun himatti. Bin Salmaan himannaa kana fudhatama dhabsiisa.

Maallaqni jaarmiyaa kanaa maalirra oola?

PIF Saawdiidhaan alattis biyyoota adda addaa keessaa inveestimeentii qaba. Akka gabaasaaleen jedhanitti qabeenya jiru keessaa dhibbeentaan 60 sochiile biyya keessa jiran deeggaruuf oola. Maallaqni hafe ammoo addunyaa bakka adda addaatti hojii hojjeta.

Sochiin isaa gara kubbaa miilaa kan bahee mul'ate bara 2021'tti kilaba Ingiliz Niiwkaastil Yunaayitiidiin paawundii miiliyoona 300 wayita biteedha.

Kanaan cinaatti dorgommii goolfii addunyaarratti maqaa guddaa qabu qopheessuunis beekama.

Adeemsa dorgommii goolfii guddaa addunyaa kanaa qopheessuu keessatti warra abbamuudhaan isa mormachaa tures of jalatti bulchuu danda'eera.

Sarbama mirgaa sochii ispoortiin haguuguu

Eduwaard Meendii

Madda suuraa, Getty Images

Sochii PIF gama ispoortiin gochaa jiru, keessumaa ammoo taphattoota kubbaa miilaa gurguddaa gara Saawdiitti fichisiisuun isaa qeeqas kaasaa jira.

Warra dursee qeeqe keessaa tokko dhaabbata mirgaaf falmu Aministii Intarnaashinaali. Jaarmiyaan sochii liigii Saawdii keessa jiru kanaan ''ispoortiidhaan sarbama mirga namoomaa haguuguuf duula godhamuu'' jedhee mormee ture.

Wantoota dubartootni gochuu danda'an irratti dhorkaa kaahuun sarbamoota mirgaa biyyattiin ittiin hamatamtu keessaa tokko. Kan biraa ammoo biyyoota Lixaa keessatti kan baratame fuudhaafi jaalala saala walfakkaataaf beekamtuu kennuu dhabuu Saawdiiti.

Saawdiin warreen jaalala fi fuudha saala walfakkaataa raawwatan seera du'aan adabu qabdi.