Warraaqsa Ronaaldoon Sa'udiitti jalqabe taphattoota ciccimoo hawwachaa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan addunyaarratti gurra guddaa qabu Kiristaanoo Ronaaldoo kilaba Sa'ud Arabiyaatti erga makamee kaasee sochiin kubbaa miilaa ardii Eeshiyaa dadammaqsaa jira.
Kilaboonni Sa'udii Piroo Liig ganna kana taphattoota Awurooppaa irraa osoo hin hafiin fudhachuudhaan mata-duree oduu ta'aa jiru.
Taphattoota cocollee addunyaarratti bebbeekamoo ta'an akka Karim Beenzemaa, Nigooloo Kaantee fi Ruuben Deeves Kiristaanoo Ronaaldoo hordofanii kilaboota Sa'ud Arabiyaatti makamaniiru.
Sa'ud Arabiyaa Pablik Invastimant dhiyeenya kana kilaboota gurguddoo biyyattii keessaa afur dhuunfatee irratti hojjechuun taphattoota gurguddoo akka hawwatan taasisaa jira.
Kilaboonni afran dhaabbati kuni fudhate kunis - Al-Ittihad, Al-Nassr, Al-Hilal fiAl-Ahli jedhamu.
Kilaboonni kunneen afran kilaboota Sa'udii Arabiyaa keessaa warra ciccimoodha.
Kilaboonni Sa'udii Piroo Liig gurguddoon biroo 14 akkuma kana taphattoota ciccimoo maqaa gaarii qaban Awurooppaa irraa osoo hin hafiin fudhachaa jiru.
Amma taphattoonniifi manaajarrri gurgoddoo Sa'ud Arabiyaatti godaanaa jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kun ammoo maallaqa hawwataa ta'een waan guurrachaa jiraniif dura dhaabbachuuniyyuu danda'amaa hin jiru.
Kilaboonni Piriimer Liigii Ingiliiz taphattoota ciccimoo qabna jedhan gara Sa'ud Arabiyaatti godaanuun isaanii waan isaan quqquuqe fakkaata.
Magaalota Sa'ud Arabiyaa akka Riyaad fi Jiddaa, akkasumas biyyoota Baha Giddu-galeessaafi Eeshiyaa biroo keessatti deeggartoota kubbaa miilaaf taateen kun ajaa'iba ta'aa jira.
Dura kan faggeenyarratti, Awurooppaatti kan ta'u hordofan amma manatti dhufaaf jira. Taphattoonni dura ilaalatti dinqisiifatan qe'ee dhufaa jiru.
Kiristaanoo Ronaaldoo Mudde keessa ture Maanchistar Yunaayitid keessaa bahee warra ciccimoo afran jedhaman keessaa tokko kan ta'e Al-Nasirirri kan makame.
Erga Kiristaanoo Ronaaldoon gara Sa'ud Arabiyaa deemee as kilaboonni Sa'udii Arabiyaa dadammaqaniiru.
Keessumaa uffata taphattoota bifa keellootiin kan beekamu Al-Naasir Awurooppaafi kutaa addunyaa birootti beekamtiin qabu guddachaa dhufeera.
"Uffata taphattoota kilaba koo [keelloo]n guutummaa addunyaa irratti guddatee mul'achuu isaa gammachuu guddaa namaaf kenna.
''Taphattoonni baay'een gara Liigii Sa'ud Arabiyaatti yeroo dhufan arguun miira gammachuu adda ta'e qaba," jedha deeggaraan Al-Naasirii Jaanaa Mohaammad.
Si'a 18 Liigii Sa'udii Arabiyaa kan mo'ate Hilaal ammoo Liyooneel Mesii fi Aleksaandar Mitirooviich mallatteesifachuuf yaalee milkaa'uufiif baatus Kaaliiduu Kuliibaalii, Tuuban Neeves fi Milinkooviic-Vaachiinaa fudhachuu danda'eera.
Gama biraan Roobeertoo Firmiinihoo fi Ediwaardoo Mandiin Piriimer Liigiin Ingilizii nu gaheera jechuun Al-Ahiliitti makamaniiru.
Taphataan Maanchister Siitii Riyaad Mahaarez ammoo kilaba Sa'udii kanaaf mallatteessa jedhamee eegamaa jira.
Sa'udii Liiigiin kan bara haaraa Hagayya dhufu kana keessa jalqaba.
"Taphattoonni maqaa guddaa qaban Sa'udii Liigiitti makamuun isaanii cimina Liigichaatiif gahee qabu," jedha deeggaraan Hilaal Ayiman Al-Hataamii.
Kiristaanoo Ronaaldoon ammoo Liigiin Sa'udii kun liigiiwwan addunyaa kanarratti gurguddoo ta'an shan keessaa tokko ta'uudhaaf humna qaba jedhee amana.

Madda suuraa, Getty Images
Kun tarii kan falmisiisu ta'ullee Liigiin biyya Sa'ud Arabiyaa kun biyyoota Baha Giddu-galeessaa keessaa gurra guddaa kan qabu ta'uun isaa hin shakkisiisu jedha.
"Awurooppaan taphattoota ciccimoo baayyee dhabdeetti," jedha taphataan lammii Poorchugaal Kiristaanoo Ronaaldoon.
"Yeroo ammaa gaariidha kan jedhamu Piriimer Liigii Ingiliizidha. Ispeen sadarkaa isaa dhabeera.
''Kan Poorchugaal ammoo sadarkaa cimaarra hin jiru. Jarmanillee akkuma kanadha. Kan US hoo? Kan Sa'udii Ameerikaarra ni caala.
''Waggaa tokko keessatti qofa taphattoonni ciccimoodha jedhaman gara Sa'udii dhufaa jiru. Yeroo dhiyoo keessatti Liigii Daach fi Turkiin caalee argama."
Baha Giddu-galeessaafi Kaaba Afrikaa
Kilaboonni gurguddoo Sa'udii afran Fandii Invastimanii Ummata Sa'uudii harka galuun carraa isaan maallaqaan of comsuu uumaaf.
Kilaboonni sadarkaa olaanaa keessatti dorgoman 16 irraa gara 18'tti ol guddataniiru.
Gareewwan kunneen addunyaa Arabaa keessatti dandeettiin wal dorgomuun isaanii dabalaa dhufeera.
Leenjisaan duraanii kilaboota Reenjarsiifi Aston Viilaa kan ture Istiivan Jeeraard kilaba sadarkaa giddu-galeessaarra jira jedhamu Itifaaqih leenjisa.
Dursaan taphattoota Livarpuul Jordaan Hendersanis yeroo dhiyoo keessatti Itifaaqih'f mallatteessa jedhamee eegama.
Kilabni Sa'udii Arabiyaa keessaa sadarkaa giddu-galeessarra jiru tokko dursaa taphattoota Livarpuul mallatteesifachuun dandeenyaan, kun Baha Giddu-galeessaafi Afrikaa Kaabaaf ergaa guddaa qaba.
Kilaboonni warra Masirii Al-Ahilii fi Zamaaleek, akkasumas kan warra Morookoo Widaad, Kaazaa Bilaankaa darbee kilaboonni Tuniiziyaafi Aljeeriyaa deeggartoota baayyee hedduu kan qabanidha.
Haata'u malee, kilaboonni Arikaa Kaabaa kunneen taphattoota ciccimoo qabna jedhan kilaboota Sa'udiitiin jalaa fudhatamaa jiru.
Wanti biraan hafee kilaboota Piriimer Liigiitiif kan taphatan taphataan lammii Morookoo Hakiim Ziyaach fi taphataan lammii Aljeeriyaa Riyaad Mahaareezillee maqaan isaanii kilaboota Sa'udii waliin malee kilaboota biyya isaanii waliin ka'aa hin jiru.
Gareen biyyaalessaa Sa'udii si'a ja'a Waancaa Addunyaa irratti hirmaateera.
Si'a lama ammoo Waancaa Eeshiyaa mo'ateera. Kilaboonni Sa'udii ammoo si'a ja'a Shaampiyoons Liigii Eeshiyaa injifataniiru.
Eeshiyaa keessatti kilabiin tokkoffaadha jedhamu kilaba Kooriyaa Kibbaa K-Liig jedhamudha.
Haata'u malee, kilaboonni Kooriyaan qaba jettu garuu hanga kana kiisa hin dhiita'an.
Liigiin Chaayinaa ammoo yeroo tokko taphattoota gurguddoo Awurooppaa irraa maallaqa guddaa baasuun fudhachaa turus, kilaboonni baay'een bara kana keessa idaa guddaa keessa galanii gatantaraa jiru.
Miseensi liigii Eeshiyaa kamiyyuu akka Sa'udii Arabiyaatti maallaqaafi abdiidhaan guutamee kan mula'te hin jiru.
'Warraaqsa Ronaaldoo'
Taphattoonni collee bakkalcha ta'an bu'aa qofa osoo hin taane deeggartoota, ispoonsara akkasumas gurgurtaa T-shartii fidanii dhufu.
Kaayyoon Sa'udii bara 2030'tti Sa'udii Liigiin galii isaatiin warra addunyaarraa filataman 10 keessaa tokko ta'uudha.
Ammuma irraayyuu ammoo bu'aan abdachiisaan argamaa jira.
Ji'a gannaa kana keessa Al-Naasiriin Benefikaa, PSG fi Inter Miilaan waliin taphata.
Kanarra darbee kilabiin Sa'udii kun kampaanii meeshaa ispoortii omishu guddicha Nike waliin waliigalteerra gaheera.
Kampaanichis uffata taphattoota Al-Naasirii addunyaa irratti gurguruudhaaf waadaa seeneera.
Sadaasa darbe uffata taphattootaafi meeshaalee ispoortii biroo bitachuudhaaf namoonni fuula marsariitii AL-Naasirii daawwatan kuma 10 ture.
Ji'a Ronaaldoon mallatteesse keessa garuu lakkoofsi namootaa marsariiticha daawwatanii takkaamatti kuma 300'tti ol guddate.
"Kiristiyaanoo Ronaaldoon kan warri kaan waggoota eeganii beeksisaafi karaawwan birootiin taasisan yeroo gabaabaa keessatti milkeessuu danda'eera," jedha Jaanaa Mohaammad.
"Wixata darbe wayita Seltaaviigoo waliin taphannetti deeggartoonni hedduun uffata taphattoota Al-Naasir maqaafi lakkoofsa Ronaaldoo qabu uffatanii turan. Kun fooyya'insarra darbee [warraaqsadha]."












