Seenaa Piriimer Liigii keessatti taphattoota cimdii 10 goolii hedduu lakkoofsisan

Sarara gidduu gara duubaarraa kaasee hanga taphattoota sarara walakkaatti, akkasumas cabsaa bitaafi mirgaarraa kaasee jifataa waliin dabalatee akka addaatti cimndaa'uun taphattoonni seenaa kubbaa miilaa keessatti yoomiyyu hin dagatamne jiru.
Seenaa Piriimer Liigii keessatti taphattoota warra kamitu cimdaa'auun goolii hedduu lakkoofsise?
Taphattoonni Tootenhaam Harii Keeniifi Saan cimdaa'uun goolii hedduu lakkofosisuun akka dursaa jiran eenyuyyu ni beeka.
Haata'u malee, qindoominni taphattoota kanaa Baayer Muniik dabalatee kilaboonni gurguddoon Harii Keen ganna kana fudhachuuf gujoma'aa waan jiraniif cimndaa'inni milkaa'aa kun addaan cituuf jiraa laata?
BBC Sport bara 1992/93 keessa yeroo jalqaberraa kaasee seenaa Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti cimdii taphattootaa goolii hedduu lakkoofsisuun dursan 10 adda baaseera.
Akka armaan gadiitti sadarkaa 10ffaa irraa kaasee hanga sadarkaa tokkoffatti akka itti aanutti tarreeffameera.
Isinis taphattoota cimdaa'anii goolii hedduu lakkoofsisuun yaadataman keessaa eenyuun akka yaadattan ibsaa? Eenyuufi eenyu, kilaba isa kam keessaatti akka addaatti yaadattu?
10ffaa. Mohaammad Saalaah fi Saadiyoo Maanee- waliin ta'uun Liiverpuuliif goolii 22 lakkofsisan

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumaan yeroo ilaalan taphattoonni kunneen waliin yeroo taphatan kan hedduu itti hin gammadne fakkaatu, garuu Mohaammad Saalaah fi Saadiyoo Maanee waliin qindaa'uun turtii waliin Liiverpuul keessatti dabarsaniin milkaa'aniiru.
Jarri kun guyyaa jalqaba Liiverpuuliif bara 2017/18 waliin hiriiranii tapha Waatfoord waliin ture irratti 3-3 xumurame. Guyyaa sanarraa kaasee taphattoonni kunneen leenjisummaa Yaargen Kiloop jalatti Liiverpuul waancaawwan gurguddoo afur akka mo'atu taasisaniiru. Keessumaa dheebuu waancaa Liiverpuul waggoota 30 eegaa ture baasuun bara 2019/20 waancaa Piriimer Liigii 19ffaa isaa akka mo'atu taasisniiru.
Gooliiwwan 22 waliin ta'uun lakkoofsisan keessaa 12 kan Saalaah'n lakkoofsise yoo ta'u 10 ammoo kan Maaneeti.
Cimndii kun Maaneen turtii isaa Liiverpuul keessatti goolii 90 erga lakkoofsisee booda ganna bara 2022 keessa Baayiren Muniik deemuu hordofee diigame.
Saalaah'n garuu ammallee Anfiilditti hafee goolii lakkoofsisuu itti fufeera. Bara amma xumurame kana keessa gooliiwwan 29 Liiverpuuliif lakkofsisuun walumaa galatti goolii kilabichaaf lakkoofsise 137 qaqqabsiiseera. Kun ammoo taphataa kilabichaaf goolii hedduu lakkoofsise isa shanaffaa isa taasiseera.
9ffaa. Alaan Shiirar fi Nolbertoo Solanoo - waliin ta'uun Niiwukasiliif gooliiwwan 22 lakkofsisaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Piriimer Liigii keessatti carraan goolii hedduu lakkofosisuu kan milkaa'u taphattoonni lama waliif ta'an ykn akka ta'utti cimdaa'an yeroo uumamanittidha.
Alaan Shiirar Bilaakbarn fi Niiwukasiliif gooliiwwan 260 lakkoofiseera. Goolii hedduu kana akka lakkofsisuuf kan isa gargaare ammoo Noolbertoo Soolanoo waliin baroota taphaa torba waliin qindaa'uu isaati.
Soolanoon karaa cinaa mirgaa irraan hiriiruun kubbaa dhiyeessuun Shiirar goolii hedduu akka omishu gargaareera.
Bara 2006 keessa Shiirar soorama bahuu isaa hordofee qindoominni isaanii kun xumuramee Soolanoon boodatti hafee bara dorgommii lama irratti hirmaachuun gooliiwwan saddetti lakkoofsisuun kubbaawwan sagale mijeessee kenneera.
7ffaa. Roobii Foowular fi Istiiv Maak-manaamaan - waliin ta'uun gooliiwwan 24 Liiverpuuliif lakkoofsisaniiru

Madda suuraa, Getty Images
Taphatoonni lama ijoollummaa irraa kaasanii ramaddii gajjallaa irraa kaasanii waliin taphachaa yoo guddatan hariiroo cimoo uummatu.
Roobii Foowular fi Istiiv Mak-manaamaan baroota 1990 keessa taphoota 250 Liiverpuuliif taphataniin carraa waliin taphachaa guddachuu isaanii fayyadamuun bu'aa seenaan yaadatu buusaniiru.
Mak-maanaan bara 1990 irraa kaasuun Liiverpuuliif gooliiwwan 66 lakkofosisuun kubbaawwan gooliif ta'an 86 mijeesseera. Foowular waggaa sadiin booda itti makamee turtii isaa keessatti gooliiwwan 128 kilabichaaf lakkoofsiseera. Mak-maanaan baayyinaan dhiyeessuun kan beekamu yoo ta'u, gooliiwwan Foowular 24 lakkoofsise keessaa kubbaa 20 kan kenne isadha.
Foowular gaaffiifi deebii bara 20220 BT Sport waliin taasiseen Mak-maanaanan bara 1998/99 isa dhiisee Riyaal Maadiriid akka deemu yeroo itti himetti boo'uu isaa dubbate.
7ffaa. Fireedii Luungibarg fi Teerii Henerii - waliin ta'uun gooliiwwan 24 Arsenaaliif lakkoofsisaniiru

Madda suuraa, Getty Images
Bara 1999 osoo Teerii Heneeriin kilabichatti hin makamiin dura Fireedii Luungibarg Arsenaal keessatti turtii abdachiisaa dabarseera.
Isaan booda waggoota saddetiif taphataan sarara gidduu lammii Siwiidiniifi taphataan lammii Firaans duraan cinaarra taphataa turee booda jifataa ta'e cimdaa'uudhaan tapha ija namaa duraa hin badne agarsiisuurra darbanii goolii hedduu waliin Arsenaaliif lakkoofsisaniiru.
Jarri kun waliin ta'uun waancaa Piriimer Liigii lamaafi FA CUP sadii argataniiru. Kana keessatti Luungibarg gooliiwwan 46 lakkoofsisee kubbaawwan 31 ammoo mijeessee kenneera. Teerii Heneeriin ammoo gooliiwwan 175 lakkoofsisuun kubbaa 80 ammoo warri kaan akka lakkoofsisaniif mijeessee kenneera.
Taphattoonni lamaanuu bara 2007 Arsenaal kan gadhiisan yoo ta'u Luungibarg gara West Haam, Heneriin ammoo gara Baarseloonaatti qajeelan.
6ffaa. Mohaammad Saalaah fi Roobertoo Firmiinoo - waliin ta'uudhaan liiverpuuliif gooliiwwan 25 lakkoofsisaniiru

Madda suuraa, Getty Images
Mohaammad Saalaah'n sadarkaa kana keessatti si'a lamaffaa jiraachuun isaa leenjisumma Kiloop jalatti taphataa Liiverpuul biroo, Roobertoo Firmiinoo waliin cimdaa'ee bu'aa ajaa'ibaa buusuun isaa akka jajamu isa taasiseera.
Taphataa lammii Biraazil kan ta'e Firmiinoon leenjisaa lammii Jarman kan ta'e Yaargen Kiloop Liiverpuul dhufuu isaa ji'a afur dursee seene. Booda leenjisaa kana jalatti taphataa murteessaa ta'uun turtii isaa keessatti gooliiwwan Piriimer Liigii 82 lakkoofsisuun kubbaa 55 ammoo mijeessee kenneera.
Akkuma cimdaa'ina Maanee waliin tureetti, isaan kunneen lamaanis turtii waliin taasisanitti goolii walqixa qooddataniiru-Saalaah'n 13, Firmiinoon ammoo 12 lakkoofsisaniiru.
Akkuma Maanee Firmiinoon Saalaah Liiverpuul keessatti dhiisee kilaba Sa'ud Arabiyaa Al-Ahliitti makameera.
Amma Mohaammed Saalaah Anfiilditti hafeera.
5ffaa. Daareen Anderton fi Teedii Sheriingihaam - waliin ta'uun Tootenhaamiif gooliiwwan 27 lakkoofsisaniiru

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonni kunneen lamaan Teedii Sheringihaam bara taphaa afur dhiisee Maanchester Yunaayitid yoo deemellee, Daaren Andertoon ammoo irra deddeebiin yeroo dheeraa miidhamaan taphaa ala akka ture galmeen jiru kan agarsiisu ta'ullee cimdaa'inni isaanii Tootenhaam keessatti baayyee bu'a qabeessa akka ta'e agarsiisa.
Bara taphaa torba keessatti waliin qiddaa'uun ga'humsa hawwataa agarsiisaa turaniin sarara ittisaa garee morkataaf yaaddoo ta'uurra darbanii gooliiwwan 27 waliin lakkoofsifataniiru. Kana keessaa gooliiwwan gara caalu (20) kan lakkoofsise Sheerigihaam ture. Jarri kun lamaan bara taphaa 1994/95 ture kan walitti dhufan. Taphattoonni kunneen lamaan biyya Ingilaandiifillee si'a 15 waliin taphataniiru.
3ffaa. Roobert Paayiras fi Teerii Henerii - waliin ta'uun Arsenaaliif gooliiwwan 29 lakkoofsisaniiru

Madda suuraa, Getty Images
Akkuma Mohaammad Saalaah, Teerii Heneriinis sadarkaa kana keessa si'a lamaffaa mul'ateera. Taphataan lamaffaa Heneriin waliin cimdaa'uun Arsenaaliif seenaa gaarii hojjete hiriyyaa isaa garee biyyaalessaa biyyasaanii Firaans keessatti waliin turan Roobert Paayiras ture.
Leenjisummaa Arsen Winger jalatti taphattoonni kunneen lamaan waliin qindaa'uun Arsenaaliif milkaa'ina yeroo mara yaadatamu argamsiisaniiru.
Bara milkaa'inaa Arsenaal yeroo Winger leenjisaa turetti ka'uuf cimdiin kun addatti yaadatamu.
Turtii bara taphaa ja'a waliin Arsenaal keessatti dabarsaniin Piriimer Liigii keessatti Paayiras gooliiwwan 63 lakkoofsisuun kubbaa 42 ammoo gooliif mijeessee kenneera. Piriimer Liigii bara 2003/04 dabalatee waliin ta'uun waancaawwan gurguddoo shanis mo'ataniiru.
Kana malees, cimdoominni taphatattoota lammii Firaans kun biyyi isaanii Waancaa Addunyaafi Shaampiyoonshippii Awurooppaa akka mo'attu godheera.
3ffaa. Daavid Silvaa fi Serjihoo Aguweeroo - waliin cimdaa'uun Maanchester Siitiif gooliiwwan 29 lakkoofsisaniiru

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoota kanneen lamaan keessaa tokko seenaa Piriimer Liigii keessatti goolii lakkoofsisuun sadarkaa afraffaa kan qabatedha. Inni kaan ammoo kubbaa mijeessee kennuun Pirimmer Liigii keessatti sadarkaa torbaffaa qabateera. Jarri kun lamaan waliin ammoo kilaba Liigicha keessatti baayyee milkaa'aa ta'e Maanchester Siitii keessa taphataniiru.
Serjihoo Aguweeroo fi Daavid Silvaa milkaa'ina waliin cimdaa'anii taphataniin sadarkaa 3ffaa qabataniiru.
Taphataan lammii Arjentiinaa Aguweeroo fi taphataan lammii Ispeen Silvaan goolii waliin argamsiisaniin yoo yaadataman kana keessaa 21 Aguweeroon lakkoofsiseera.
Erga bara sagal Siitiif waliin taphatanii waancaawwan gurguddoo 11 argamsiisanii booda, David Silvaan bara 2020 Riyaal Soosidaaditti makamuu isaa hordofee cimndoomminni isaanii addaan citeera.
Aguweeroon ammoo waggaa tokko boodatti hafee yeroo gabaabduuf Baarseloonaatti makamee booda soorama baheera.
2ffaa. Diidiyeer Diroogbaa fi Firaank Laampaard - Waliin ta'uun Chelsiif gooliiwwan 36 lakkoofsisaniiru

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonni sarara duraa irraa jifachuun baayyee beekaman yeroo waliin ta'anitti seenaan Piriimer Liigii kan yaadatu isaan kanadha. Jarri kun lamaan akkuma waliin jifatan, kubbaa waliif laachuunis ni beekamu.
Laampaard gooliiwwan Liigichaa 240 keessaa gahee qaba ( gooliiwwan 147 lakkoofsisuun kubbaawwan 93 ammoo mijeessee kenneera). Diroogbaan ammoo gooliiwwan 104 lakkoofsisuun kubbaa 64 gooliif ta'u mijeessee kennuun milkaa'ina Chelsii keessatti seenaa galmeeffateera.
Kilabicha keessa turtii waggaa saddet dabarsaniin gooliiwwan 36 waliin argamsiisaniiru. Kana keessaa gooliiwwan 24 kan lakkoofsisa taphataa lammii Ayivorii Kost Diroogbaatu lakkoofsise.
Qindoomminni isaanii milkaa'aan kun bara 2012 yeroo Diroogbaan Chelsii gadhiisee gara Chaayinaatti qajeeluun kilaba Suppar Liigii Chaayinaa kan ta'e Shangaa'i Shiinuwaatti makameetti diigame.
1ffaa. Harii Keen fi Saan Heung-min - waliin qindaa'uun gooliiwwan 47 Tootenhaamiif lakkoofsisaniiiru

Madda suuraa, Getty Images
Baroota dhiyoo kana keessa cimdiin kun Piriimer Liigii keessatti cimdii jifachuun milkaa'aa ta'edha.
Keenii fi Saan walitti cimdaa'uun goolii hedduu lakkoofsisuun sadarkaa tokkoffaa qabatanii jiru.
Jarri kun lamaan waliin ta'uun gooliin lakkoofsisan 50 guutuuf xiqqooma sodaata. Gooliiwwan 47 Tootenhaamiif lakkoofsisaniiru.
Gooliiwwan 47 waliin ta'uun lakkoofsian keessaa saan 24 yoo lakkoofsisu, Keen ammoo 23 lakkoofsiseera.
Haata'u malee, qindoominni taphattoota kanaa Baayer Muniik dabalatee kilaboonni gurguddoon Harii Keen ganna kana fudhachuuf gujoma'aa waan jiraniif cimndaa'inni milkaa'aa kun addaan cituuf jira jedhamaa jira.
Isinis taphattoota cimdaa'anii goolii hedduu lakkoofsisuun yaadataman keessaa eenyuun akka yaadattan ibsaa? Eenyuufi eenyu, kilaba isa kam keessatti akka addaatti yaadattu?












