'Piriimiyeer Liigiin jijjiirraa gara liigii Arabaatti godhamurra uggura kaahuu qaba'

Madda suuraa, Getty Images
Gaarii Neevil Piriimiyeer Liigiin jijjiirraa taphattootaa gara Sa'udii Arabiyaatti godhamu dorgomtummaa haqaarratti dhiibbaan qabu hanga adda bahutti dhaabsisuu qaba jedhe.
Kiristiyaanoo Ronaaldoon taphattoota maqaa guddaa gara proo Liigiitti fiduu kan eegalte Sa'udiin, Kariim Benzeemaafi Nigoloo Kaantee ofitti fudhatteetti.
Liyooneel Meesiniis gara Miyaamii galuu isaa dura gara Sa'udii imala jedhamee hedduu dubbatamee ture.
Taphattootni kunniin harki caalu gara xumura bara kubbaa miilaa isaaniirra jiru.
Garuu ammoo taphattootni gahumsa isaanii olaanaarra jiranis gara Sa'udii godaanuuf dabaree eeggataa jiran jiru.
Dursaan taphattootaa Woolviz Ruuben Neevas, ittisni Chelsii Kalidoo Kulibaalii, Hakiim Ziyaachiifi Obaamiyaang akkasumas Arsenaal irraa Toomaas Paartee warra fiixeerra jirani.
Kun Liigichi fedha liigota jajjaboo shan addunyaarra jiran keessaa tokko ta'uuf qabuuf agarsiistuudha.
Neeviil adeemsi kun marti wanta akeeku kan biraa qabaataa jechuun ija shakkiin ilaala.
Waxabajjii darbe Fandiin Investimeentii uummataa Sa'udii Arabiyaa kan kilaba Ingilaand Niiwkaastil bitate liigii Saawdii keessatti Kiristiyaanoo kan mallatteessifate Al-Nassir dabalatee kilaboota jajjaboo jedhaman afur of jala galfateera.
Abbummaa Kilaba Cheelsii keessaa qooda qabaachuufi dhiisuun isaas hedduu ifa miti. Maddeen Cheelsii garuu qooda qaba yaada jedhu ni busheessu.
Neevil ''Piriimiyeer Liigiin jijjiirraa taphattootaa gara Saawdii Arabiyaa godhamu irratti haqummaa tapha kanaa balaarraa eeguuf jecha yeroof qoqqobbii kaahuu qaba'' jedha.
Taphataa duraanii amma kubbaa miilaa xiinxalu Neevil yaada BBC'f kenneen ''jijiirraa taphattootaa irratti maallqani Saawdiirraa bahaa jiru sirrii ta'uun isaa mirkaneeffamu qaba'' jedha.
Haala amma jiruun jijjiirraa taphattootaa gara Saawdii godhamu irratti uggurri kaahamee wantootni qulqulleefamuu qaban qulqullaa'uu qabuu jedha.
Dhimma maallaqaa fi haqummaa sochii maallaqaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaadni Neevil kun kan dhaagahame kilabootni Saawdii kubbaa miilaa irratti baasiin godhan wayita akkaan dabaluufi kilabootni Ingilaand gariin ammoo baasiifi bu'aa isaanii walmadaalchisuuf wayita rakkachaa jiraniidha.
Cheelsiifi Woolvez tibba jijjiirraa taphattootaa kanatti seera haqummaa sochii maallaqaa liigiin Ingiliz kun qabu eeguuf jecha murtee gochuuf rakkachaa jiru. Kilabootni waggoota walitti aanan sadiif kasaaraa paawundii miiliyoona 105 ni galmeessisu taanaan akka seera kanaatti liigicha keessa turuuf ni rakkatu.
Taphataan sarara gidduu Woolviz gara Baarseloonaa godaana jedhamee osoo eegamuu maallaqa guddaa kilabni Saawdii dhiyeesseen mo'amee garasitti imalaa jira.
Qaamni kubbaa miilaa Awurooppaa bulchu Uefa'n ammatti qaamni tokko kilaboota hedduu dhuunfachuu seera dhorku hin qabu. Piriimiyeer liigiinis sirna ittiin haqummaa gabaa jijjiirraa taphattootaa itti madaalu hin qabu. Gatiin jijjiirraa taphattootaa gabaa taphataa saniirratti hundaa'a.
Saawdii Piroo liig gabaa taphattootaa irratti dhiibbaa madaala hin eegne godha yaaddoo jedhutu jira.
Liigiin Sa'udii akkam jira?

Madda suuraa, Getty Images
Sa'udii Arabiyaan yeroo marayyuu kubbaa miilaaf fedha guddaa qabdi, Liigiin ishees dorgommii jabaa keessummeessa.
Gareen biyyaalessaa Saawdii waancaawwan addunyaa saddeet darban keessaa jahan irratti hirmaachuuf hiree argateera. Waancaa Kubbaa miilaa Eeshiyaa yeroo sadii injifateera. Jaappaan malee kan hedduu injifachuun isa caalu hin jiru.
Waancaa Addunyaa Kaataar bara darbee irratti taphattootni Saawdii bakka bu'an 26'nu liigii biyya keessaaf taphatu turan.
Chaampiyoonsi Liigii Koonfedereeshinii Kubbaa Miilaa Eeshiyaan qophaa'u yeroo afur injifachuudhaan riikardii kan harkaa qabu kilaba Saawdii Al Hilaali.
Dhiyeenya kana Sa'udiin ta'iiwwan ispoortii keessatti mul'achaa jirti. Dorgommii Formula 1 keessummeessiteetti. Dorgommii bunyaa fi golfiis keessummeessiteetti. kilaba Niiwkaastil Yunaayitidiin bitachuuniifi bara 2030'tti waancaa addunyaa qophaa'u Masrii fi Giriik waliin qopheessuuf kan dorgomtu ta'uunis agarsiisuu fedha guddaa kubbaa miilaarra jiruuti.
Mana barnootaa biizinasaa Skema kan Paarisitti argamu keessatti piroofeesara sport and geopolitical economy kan ta'anSaayiman Chaadwiik ''Saawdii Arabiyaan sirna haaraa biyyoota addunyaarratti dhiibbaa uumanii keessatti handhuura gochuun of ilaalti. Ispoortiirratti maallaqa baasuun ammoo bakka akka biyyaatti sirna haaraa keessatti qaban jabeessuuf gargaara'' jedhu.
Taphattoota maqaa guddaa qabanitti fayyadamuun liigii biyyattii fooyyessuun ammoo karoora isaaniiti.
Taphataan sarara fuulduraa duraanii Liidsiifi Woolviz Helder Costa, taphataan intarnaashinaalaa Arjantiinaa duraanii Ever Banega akkasumas taphataan sarara duraa Maanchistar Yunaayitiid Odion Ighalo bara dorgommii darbe kana Al-Ittihaad waliin shaampiyoonaa ta'aniiru.
Awurooppaan godaansa taphattoota ciccimoon yaaddofteettii?
Piroo Liigiin Sa'udii jabaachuun kubbaa miilaa Awurooppaaf qormaata ta'a.
Taphattoota ciccimoo dhabuun kilaboota Awurooppaaf waan haaraa miti. Liigiin Chaayinaafi kan US amma dura taphattoota gaggaarii saammachuu barsiisaniiru.
Amma akka mul'atu kana miindaan gurguddaan warri Sa'udii kaffalan kan itti fufu yoo ta'e, kilabootni Awurooppaa akkamiin deebii kennuuf?
Chaampiyoonsi Liigiinoo taphattoota guguddaa ni dhaba yoo ta'e kilaboota liigii biyyoota Awurooppaan ala jiranii affeeruu malaa?
Pireezidantiin Uefa Aleksaander Keferiin gara kanatti waan adeeman akka hin taane dubbatu.
''Sirni taphattoota barri taphaa kubbaa miilaa isaanii xumuramaa jiru bitachuu sirna kubbaa miilaa guddisu miti. Dogoggora akka Chaayinaan hojjetteeti. Waayee maallaqaa qofa miti. Tpahattootni dorgomiiwwan gurguddaa injifachuu fedhu. Dorgommiin jajjabaan ammoo Awurooppaa keessa jira.''












