Al Hilaal Imbaappee fudhachuuf £259m PSG'f dhiyeesse

Kiiliyaan Imbaappee

Madda suuraa, Getty Images

Kilabni Saawdii Arabiyaa Al Hilaal maallaqa riikardii addunyaa ta'e, paawundii miiliyoona 259 PSG'f dhiyeessuun Kiliyaan Impaabbee kan ofii godhachuuf gaafate.

Pirees Asooseeshiin akka gabaasetti, jifataan lammii Faransaay hegeereen isaa PSG'tti danqamee jiru bara 2024 kontiraatni kilaba Faransaay waliin qabu wayita xumuramu bilisaan kilaba fedhutti godaanuu akka barbaadu ibsee ture.

Kilbani isaa, Shaampiyoonaa Faransaay ta'e, PSG'n garuu taphataa collee kilabni hedduun hawwu kana tola dabarsee hin kennuu jechuun gabaa baaseera.

Imbaappeen kontiraata haaraa kilaba isaa kanatti mallatteessuu waan dhabeef muddama kilabicha waliin keessa galerraa kan ka'e, tapha qophii liigiif miseensota kilabichaa gara Jaappaan imalan keessaa hanqifameera.

Mallaqni Al Hilaal dhiyeesse jedhamee gabaafamu kun riikardii addunyaa ta'eera. Amma dura jijjiirraa Neeymaartu isa qaaliidha.

Neeymaar bara 2017 Barseloonaa irraa gara PSG kan jijjiirame maallaqa ammallee riikardii addunyaa ta'e paawundii miiliyoona 200'n ture.

Imbaappeen gara Saawdii kan imalu yoo ta'e taphataa ganna 24 riikardii addunyaan jijjiirame ta'a.

Imbaappeen bara kana PSG turee bara dhuftu bilisaan gara Riyaal Maadriid godaanuu akka fedhu ifa godhee ture.

Dhimma isaarrattis abbaa qabeenyaa kilaba PSG lammii Kaataar Nasser Al-Kehaliifi mariyatanii taa'anii turan. ''Namni kamuu kilaba kanaa ol miti'' jechuun ibsa kennanii turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ejjennoon kilabichi qabus Imbaappeen kontiraata haaraa akka mallatteessuu yeroo kenname keessatti hin mallatteessu yoo ta'e bara dhuftu tola isa gaggessuurra ammumma akka isa gurguratan himanii turan.

Bara 2024 Imbaappee bilisaan gaggeessuun ''wanta ta'auu hin dandeenye'' jechuun jala sararanii ibsan.

Liigotni Saawdii tibba jijjiirraa alanaa kana Kirsistiyaanoo Ronaaldoo dabalatee taphattoota urjii Awurooppaaf maallaqa nama gojomaasisu dhiyeessuun mallatteessifachaa jiru.

Goal akka gabaasetti Al-Hilal bara dorgommii 2024 qofaaf Imbaappeen akka isa bira turu waggaatti miindaa paawundii miiliyoona 604 kaffalla.

Achiis jifatana colleen kun dhuma bara 2024'tti kilaba yeroo mara taphachuufi barbaadu Riyaal Maadriiditti bilisaan godaana.

PSG'n Imbaappeen baroota 10 dhufaniif Paaris yoo tura ta'e paawundii miiliyoona 864 ykn doolaara biiliyoona 1.1 akka qopheessuuf itti himee akka jirus gabaafameera.

Amma dorgommii qophii liigiif garee Jaappaaniitti imale keessaa kan hambifame Ibaappeen gara Saawdii deemuu fi dhiisuu irratti murtee dabarsutu eegama.