Imbaappeen garee PSG Jaappaaniifi Kooriyaa Kibbaatti taphaaf imalu keessaa hambifame

Kiliyaan Imbaappee

Madda suuraa, Reuters

Kilaba Paaris Seen Jermeenif galii heddu galmeessun rikardii kan qabu Kiiliyaan Imbaappee tapha michummaaf imala kilabichi gara Jaappaniifi Kooriyaa Kibbaatti taasisu keessaa hafeera.

Taphataan colleen kun kontiraatasaa kilaba wajjin qabu haaressuu didee ture. Kanarraa ka’uunis garee tapha michummaaf gara Jaappaanifi Kooriyaa Kibbaa deeman keessaa akka hafu kan godhame.

Kilabni PSG taphataa lammii Faransaayi kana gurguruu barbaada.

Imbaappen garuu osoo kontiraanni kilabicha keessa hin dhumiin waggaa tokko turuu akka barbaadu ibseera. Bara taphaa ittaanu kilaba Ispeen, Maadriid seenu fedha jedhamee odeeffama.

Imbaappen bara 2017 baasii Yuuroo milyeena 165.7 itti baasuun PSG'n fudhate. Seenaa kilabichaa keessatti gatii guddaan taphataa bitame sadarkaa lammaffaadha.

Monaakoo irraa erga PSG seenee Imbaappen taphoota 260 irratti hirmaachuun galchiiwwan 212 lakkoofsiseera.

Kilabni PSG haala amma jiruun Kiiliyaan Imbaappee fuudhee tapha michummaa taphachiisuu waan hin dandeenyef manumatti hambiseera.

Gaggeessaan kilabichaa Naasir Al- Khelaifi bara 2024tti Kiliyaan Imbaappen bilisaan gadi lakkifamuu akka hin dandeenye ibse.

Kilaboonni heddu Imbaappee fudhachuuf gaaffii kan dhiyeessan yoo ta'u PSG'n gurguruu ni barbaada.

Bara dhufu Riyaal Maadiriid seenuuf affeerraa dhiyaatuuf kamiyyuu ni fudhata jedhamee eegama.

Kilabni PSG waancaa Liig 1 fudhatee ture. Haa ta'u malee kilaba Baayer Muunikiin mo'amee Shaampiyoonsi Liigii keessaa bahee ture.

Dursaan kilabichaa Kiriitofar Gaaltar ari'amuun dursaa Baarsaafi AS Roomaa kan ture Luwiis Enrikeen bakka bu'e.

Liyoonel Meesinis baruma kana kilaba PSG gadhiisee gara US imaluun kilaba Intar Miyaamitti makameera.

Kiiliyaan Impaabbee garuu hanga ammaa eessa akka dhaqu jala muramee hin baramne.