Maan Yunaayitid gooli-eegaa Intar Miilaan Andiree Onaanaa fudhachuuf waliigale

Andiree Onaanaa bara darbe waancaa kilaba Itaalii nyaate, yeroo sadi ammoo kilabasaa duraanii Ayaaksi waliin nyaate

Maanchistar Yunaayitid gooli eegaa Intar Miilaan Andiree Onaanaa paawondii miiliyoona 47.2 ta'uun fudhachuuf waliigale.

Taphataa lammii Kaameeruun kanaaf Ooldi Tiraafoordi kaffaltii jalqabarratti kaffalu paawondii miiliyoona 43.8 kaffala, booda ammoo paawondiin miiliyoona 3.4 dabala.

Warri yunaayitid taphatichi sagantaa daawwannaa isaanii Ameerikaatti taasisan irratti akka isaanitti makamu abdatu.

Kanaaf ammoo dursanii dargaggeessa ganna 27 kanaaf viizaa mijeessuu qabu.

Wayita Andiree Onaanaa kilaba Ayaaksi ture waliin hojjetaa kan turan leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Erik Ten Haag, xumura dorgommii bara kanaarratti ture taphicha ija keessa kan galfatan.

Taphataan kun kontiraata waggaa shaniin yunaayitid seena, carraan waggaa ja'affaas jira.

Onaanaan yunaayitiditti ida'amuun kilabicha akkaan gabbisa jedhanii kan amanan Erik Ten Hag, inumaa gooli eegaa haaraa fiduurratti xiyyeeffachuun isaanii, Deeviid De Hiyaa akka kilabicha gadhiisu dhiibe jedhama.

Lammii Ispeen kan ta'e karra eegaan waggoota 12 darbaniif Maanchistar Yunaayitid tajaajilaa ture De Hiyaan, kontiraati isaa barana kan xumurame yoo ta'u haaressuuf fedhii hin agarsiifne.

Bara leenjisaa Sar Aleksi Fargusan Maanchistar Yunaayitid kan seene De Hiyaan kilabichaaf taphoota 545 irratti hirmaateera.

Taphoota 190 irratti ammoo gooliin itti hin galle, kanaanis lammiin Ispeen kun rekardii harkaa qaba.

Andiree Onaanaa waggaa torbaa fi walakkaa Ayaaksi keessa turee bara 2022 ji'a Waxabajjii keessaa bilisaan Intar Miilaan seene.

Taphootaa Serie A 24 keessaa taphoota saddeet irratti gooliin osoo itti hin galin xumure.

Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii bara darbee irratti taphoota 13 taphatan irratti kilabni goolii irratti galche hin jiru.

Kun ammoo dorgommii kana keessatti isa olaanaadha.

Jijjiirraa taphattootaa bara kanaan Yunaayitid Maason Maawont Chelsiirraa paawondii miiliyoona 55n erga bitee booda Onaanaan taphataa lammaffaarratti kilaba kana seene ta'eera.