Imbaappee kan egereen PSG waliin qabu ofiifu wallaalame kilabii isaa qeeqe

Imbaappeen waliigaltee kilaba isaa waliin qabu dheeressuu hin fedhu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Imbaappeen waliigaltee kilaba isaa waliin qabu dheeressuu hin fedhu

Jifataan kilabii PSG Kiliyaan Imbaappee kilaba isaa Paaris Sent-Jermeen ''kan qoqqoodu'’ jechuun qeeqe.

Dubbiin isaa kuni yeroo egereen isaa ittuu wallaalame jiru kanattidha.

''PSG’f taphachuun waan gatii qabu miti jedheen yaada. Sababiin isaa garee qoodinsa uumu,’’ jechuun barruu Faransaay lequipe jedhamuuf dubbate.

Dursaan taphattoota Faransaay kuni waliigalteen PSG waliin qabu waggaa booda xumurama.

Ammoo waliigaltee isaa kana dheeressuu hin feene.

Kilaba PSG‘f galchii hedduu galchuun taphataan biraa itti qixxaatu hin jiru.

Pirezidantiin PSG Naasir Al-Kelaafi torban darbe Mibaappeen erga kontiraati isaa xumurame booda tolaan kilabii kaan akka seenu akka hin eeyyamne cimsanii dubbataniiru.

Imbaappeen erga bara 2017 Monaakoorraa dhufee booda waancaa Liigii Faransaay Liig Waan jedhamu PSG waliin si’a shan ol kaase.

Bara dorgommii darbe taphoota hunda irratti walumaagala galchiiwwan 41 lakkoofsise.

Kunis kilabiin isaa yeroo 11ffaaf liigicha akka ol kaasu taasise.

Haa ta’u malee, waancaa guddicha Awurooppaa - Chaampiyeens - Liigii ol kaasuu hin dandeenye.

Baranas Baayer Munikiidhaan mo’amanii keessaa bahan.

Gareen Faransaay kan Imbaappeen keessa ture Waancaa Addunyaa irratti Arjantiinaan mo'amee waancaa dhabe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Faransaay kan Imbaappeen keessa ture Waancaa Addunyaa irratti Arjantiinaan mo'amee waancaa dhabe

''Waan dandeenyu goonerra,’’ jedha Imbaappeen. ''Warra garicha ijaare, kilabicha hundeesse gaafadhu,’’ jechuun deebise.

Tarbanuma darbe leenjisaan duraanii Ispeeniifi Baarseloonaa Luwis Enirikeen kilabii PSG leenjisuu eegalaniiru.

PSG’n Liyoonel Mesiin, ganna 36, kilabii US Intar Miyaami akka seenu eeyyameera.

Egereen taphataa lammii Biraazil, Neeyimaar, kan amma PSG keessa jirullee shakkii keessa jira.

Waa'ee Imbaappee kana beektuu?

Biyya Faransaay, qarqara Magaalaa Paaristti kan dhalate Kiliyaan Imbaappee garee naannawa itti dhalateef taphachuun kubbaa eegale.

Taphataa pirofeeshinaalaa ta'un kubbaa kan eegale garuu bara 2015 kilaba Moonaakoo seenuuni.

Umrii waggaa 16 fi guyyaa 347tti kilaba kana seene. Kunis seenaa kilabichaa keessaatti taphataa umrii xiqqaati.

Ji'oota sadi booda kilabichaaf goolii galche, goolii Tiroyes irratti lakkoofsiseen taphataa umrii xiqqaa jalqabaa goolii galche ta'ee galmaa'eera.

Duraan rikardii kana kan harkaa qabu taphataa cimaa Faransaay fi Arsenaal kan ture Tiyerii Heneriidha.

Imbaappeen qarqara magaalaa Paarisitti kilaba Bondi jedhamuuf taphatuun eegale.

Madda suuraa, Bondy/AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Imbaappeen qarqara magaalaa Paarisitti kilaba Bondi jedhamuuf taphatuun eegale.

Taphataan kuni bara 2017 ture kilaba Faransaay biraa PSG kan seene.

Yeroos reefu dargaggeessa ganna 18 ture. Jalqaba ergisaan erga seenee booda boodarra maallaqa guddaan mallatteesse.

Gatiin inni ittiin PSG seene kun isa guddinaan addunyaarratti lammaffaarra jiruudha.

Kan isa caalu taphataa Biraaziil Neymaar qofa. Neymaar bara 2017 Baarseloonaa irraa yuuroo miiliyoona 222'n PSG seene.

PSG keessattis guddaa milkaa'e. Walitti aansuun liigii kubbaa miilaa biyyattii ol kaase, Waancaa Addunyaa 2018 garee biyyaalessaa Faransaay waliin kaaseera.

Waancaa Addunyaa 2022 irratti xumura gahee milkaa'us baatu ga'umsa cimaa agarsiise.

Taphi xumuraa Arjantiinaa waliin taphatame garuu qalbii isaa kan cabse ture.