Kiliyaan Imbaappee biyya abbaasaa Kaameeruun daawwachuutti akka boone hime

Kiliyaan Imbaappeen wayita Kaameeruun daawwatu abbaasaa waliin ture

Madda suuraa, AFP

Taphataa colleen Firaansi Kiliyaan Imbaappee biyya dhaloota abbaasaa kan taate Kaameeruun daawwachuusaan akka boonuu fi kabaji guddaan akka itti dhagahamu ibse.

''Iddoo kanatti argamuu koon akkaan gammachuun qaba,'' jedhe Imbaappeen.

Uummanni biyya koos jaalalaa fi kabaja naaf qaban agarsiisaniiru jedhe.

Osoo Imbaappeen Kaameeruun hin ga'in BBCn dhimma daawwannaa Imbaappee irratti jaallattoota kubbaa miilaa miira isaanii gaafateera.

''Hundi keenyayyuu guyyattii kana gammachuudhaan eegaa turre. Dhumarrattis guyyattiin geessee milkoofne,'' jechuun namni taphataa kana akkaan jaallatu tokko BBC sagantaa raadiyoo Newsday jedhamutti hime.

''Kaameeruun qofaaf osoo hin taane guutummaatti Afrikaaf kabaja guddaadha,'' jedhe namni kun dabaluun.

Imbaappeen gara Kaameeruun imalee biyya hundeesaa taate kana daawwachuun yoomiyyuu taanaan biyyi kee biyyuma kee ta'uu kan agarsiisuudha kan jedhu namni kun, ''dhumarratti garuma qe'ee keetti deeb'iuu qabda,'' jechuun dhaama.

Taphataan umrii waggaa 24 dursaa garee kubbaa miilaa Firaansi fi jifataa PSG ta'e Imbaappeen, kan dhalatee guddate magaalaa Paaris keessatti.

Abbaan isaa lammii Kaameeruun, haati isaammoo lammii Aljeeriyaati, Kiliyaan Imbaappee.

Imbaappeen turtii isaa Kaameeruun kanaan Ministira Muummee biyyattii Jooseef Nigutee dabalatee qondaaltota mootummaa olaanoo hedduu waliin walargeera.

Imbaappeen erga guddatee of baree yeroo jalqabaaf Kaameeruun daawwate.

Wayita Imbaappeen Kaameeruun daawwatutti qondaaltonni mootummaa isa arguun gammadan

Madda suuraa, AFP

Taphataa collee idil-addunyaa kan ta'e Kilyaan Imbaappee, qondaaltota mootummaa arguun cinaatti, namoota kubbaa miilaa keessatti beekaman kanneen akka Firaansis Nigaannuu waliin wal arguu isaa suuraan maxxane mul'iseera.

Taphataa collee kubbaa kachoo kilabii Chikaagoo Buulsi Joo Akiim Noohaa waliin adda babayii Noohaattii osoo kubbaa kachoo taphatanii namoota hedduun marfamanii mul'ataniiru.

Isa booda ammoo kilaba kubbaa miilaa Kaameeruun Vent d'Etoudi faallaa dhaabbachuun kubbaa taphachuusaa Rooyitarsi gabaaseera.

Imbaappeen daawwannaasaa kanaan faawundeeshinii gargaarsa namoomaa maqaa isaan hundaa'e bakka bu'uun gargaarsa namoomaa taasisaa jira.

Faawundeeshiniin kun dargaggoonni galmasaanii akka ga'aniif kan gargaaruudha.