Imbaappeen hegeree isaarratti murteessuuf torban lama qofti kennameef

Kiliyaan Imbaappee Hagayya 2017 PSG seene

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaa isaa duraanii Kiristoofer Gaatliyeer gaggeessee Liiwiis Eneriikee kan leenjisummaan simate PSG'n Imbaappeen murtee isaa isa dhumaa akka beeksisu yaroo qabe.

Pireezidantiin kilabichaa Naasir Al-Kelaa'ifii Liwiis Eneriikee akka leenjisaa haaraatti wayita beeksisan waayee Imbaappee dubbatan.

Imbaappeen PSG turuu barbaada yoo ta'ee kontiraata haaraa mallatteessuu qaba jedhan.

Ji'oota dura kontiraata PSG waliin qabu bara 2024 olitti akka hin haaressine kan dubbate dargaggoon ganna 24 kun, tibba kana kilabni haaraan isa mallatteessifachuu barbaadu miindaafi fayidaa walumatti paawundii 206 akka qopheessuu dubbachuun isaa gabaafamee ture.

''Eejjennoon keenya ifadha. Imbaappeen PSG turuu yoo barbaade-nutis akka turu barbaanna- kontiraata haaraa mallatteessuu qaba'' jedhan pireezidantiin kilabichaa.

''Ammaan tana addunyaa irratti taphataa collee ta'e kana bilisaan hin dhiisnu. Kuni ta'uu hin danda'u.''

Imbaappeen kontiraata haaraa hin mallatteessu taanaan bara dhuftu taphataa bilisaan garee barbaadutti makamu ta'a. PSG garuu tola gadhiisuurra tibba jijjiirraa kanatti gatii gaariin gurgurachuu barbaada.

Imbaappeen waggaa jaha dura kilaba Monaakoo irraa jalaqaba ergisaan PSG erga seenee taphoota 260 irratti hirmaatee, goolii 212 lakkoofsisee, kubbaa goolii ta'an 98 ammoo mijeessee kenneera.

Kilaba kana waliin Faransaay keessatti waancaa liig 1 shan dabalatee, waancaa 13 injifateera.

Pireezidantiin Kilabichaa waayee Imbaappee kan dubbatan jalqaba leenjisaa haaraa PSG kan Baarselonaa leenjisaa turan Liwuus Eneriikee ifa gochuuf sagantaa qophaaye irratti.

Eneriikeen PSG leenjisuuf kontiraata waggaa lamaa mallatteessan. Gaatliyeer liig 1 injifatanis kilbaicha waliin dhimmoota irratti walii hin galle waan qabaniif kilabichaan ari'amaniiru.

Leenjisaa garee biyyaalessaa Ispeen kan turan Eneriikeen, Muddee darbe Ispeen Morokoon injifatamuu booda hojii leenjisummaarra hin turre.

Hojiin isaanii inni dhuma leenjisummaa kilabaa Baarseloonaa ture.

Bara 2014-2017 gidduutti Baarseloonaa waliin Chaampiyoonsi Liigii dabalatee waancaa sagala injifataniiru.

Bara jalqaba hojii kana Baarseloonaatti fudhataniin bara tokkotti waancaa sadii injifatan, Laa Liigaa, Koppaa deel Reey fi Chaampiyoonsi Liigii.