PSG'n Kiliyaan Imbaappee bilisaan gaggeessuurra gurguruuf murteesse

Kilabiin Firaansi-PSG taphataa sarara fuulduraa Kiliyaan Imbaappee tola kennuu mannaa ganna kana gurguruuf murteesse.
Kilabichi murtee kanarra kan ga'e erga jifataan PSG kun waliigaltee haaressuuf fedhii akka hin qabne ibseeti.
Waliigalteen taphataan kun kilabicha waliin qabu silaa hanga xumura bara taphaa dhufuutti itti fufa, haala kanaan Imbaappeen carraa waggaa tokko kilabicha waliin turuu qaba ture.
Taphataan umrii waggaa 24 Imbaappeen hanga bara 2025tti PSG waliin turuuf fedhii qabaachuu fi dhiisuu akka ibsuuf yeroon kennameef hanga Adoolessa 31tti ture.
Yeroo dheeraaf erga waliin dubbatanii booda akka turuu hin barbaanne xalayaadhaan ibseera.
Imbaappeen osoo hanga xumura bara dhufuutti PSG keessa turuu bilisaan deemuu danda'a ture.
Xalayaan Imbaappeen barreesse dursee ba'uun miidiyaaleedhaan tamsa'uutti kan mufate kilabichi, taphataa collee kana bilisaan gadhiisuu akka hin barbaanne beeksiseera.
Taphattoota collee addunyaa hedduu bitachuun kan beekamu Chaampiyoonaan Firaansi kun, gurmuu taphattoota collee fi gatii qaalii kanneeniin guddoo deemuu waan hin dandeenyeef adeemsa isaa geeddaruu irratti argama.
Kilabiin Ispeen Riyaal Maadriid Kiliyaan Imbaappee akkaan fedha ture, taphataan kun garuu bara darbe garas imaluuf fedhii akka hin qabne ibsuun PSG keessa turuu filate.
Amma garuu jifataan beekamaa kilabichaa Kariim Beenzeemaa waan gadhiiseef, kilabichi taphataa collee nama kana bakka buusu argachuuf dirqama.
Riyaal Maadiriid bakka Beenzeemaa taphataa sarara duraa Tootanhaam Haarii Keen jalqabarratti qabatee jira.
Bara 2017 Hagayya keessa ergisaan Monaakoo irraa PSG kan seenee boodarra Yuuroo miiliyoona 180'n guutummaatti kan PSG kan ta'e Kiliyaan Imbaappee, taphoota 260 kilaba kanaaf taphaterratti gooliiwwan 212 galcheera.
Tapahataan kun Waancaa Addunyaa Qataaritti gaggeeffame dabalatee, biyyasaa Firaansiif tapha 68 taphaterratti goolii 38 galcheera.
Imbaappeen PSG keessatti waggaa shaniif walitti aansuun taphataa goolii olaanaa lakkoofsise ta'eera.
Waggoota ja'a PSG waliin ture keessatti waancaa shan mo'ateera.
PSG'n waancaa Ligue 1 baranaa mo'atus, dorgommii Chaampiyoonsi Liigii garuu Baayer Muunikiin mo'atamuun nuusa xumuraaf osoo hin darbin hafeera.
Kiliyaan Imbaappee taphataa sarara fuulduraa Liyoonel Mesiitti aanuun taphataa collee kilaba PSG gadhiiseedha.
Mesiin koniraatasaa waggaa lamaa PSG waliin xumuruun gara kilaba Intar Mayaamii imaleera.
Taphataa colleen PSG kan biraan Neymar ammoo gara Sa'uudii Arabiyaa imaluuf jedhamaa jira.












