'Waancaa kanatti ni deebina' - Kiliyaan Mibaappee

Madda suuraa, Getty Images
Xumura Waancaa Addunyaa Kataar irratti taphattoota ga’umsa ajaa’ibsiisaa agarsiisan garuu milkiin biraa fagaatte keessaa tokko - Kiliyaan Mibaappeedha.
Mibaappeen sadii galche, irra-deddeebbiin biyyi isaa Arjantiinaatti akka qixxaattu taasisuus waancaa guddicha biyyoonni 32 irratti wal morkan ol kaasuu hin dandeenye.
Duubaa ka’anii sadii galchanii sanuu waancaa dhabuun laphee Mibaappee cabseera.
Dallansuu isaa booda pirezidantiin Faransaayillee dirree seenanii isa jajjabeessaa turan.
Taphataan xiiqeeffate kuni tapha booda yaada isaa ibseera. ‘’Ni deebina’’ qofa jechuun Afaan Faransaayiin fuula tiwiitara isaarratti katabe.
Taphataan waancaa guddicha dhabe garuu taphattoota kaan caalaa galchiiwwan 8 galchee kophee warqiin faayamte fudhate.
Yeroo xumuraaf taphataan xumura waancaa Addunyaarratti galchiiwwan sadii galche Geoff Hurst dha. Innuu bara 1966 galmaa’e.
Waancaan Addunyaa Kataar irratti badhaasa guddicha Arjantiinaafi Liyoneel Mesiitu fudhate. Waggaa afur dura waancicha kan kaase Mibaappeen garuu gaabbiin dirree keessaa bahe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ga’umsi garee isaa xumura waancaa Addunyaa irratti agarsiisaan akka qeeqaman taasisuus, ga’umsi isaa dhuunfaa garuu hedduu biratti jajame.
Yaadi Mibaappee erga Peleen bara 1962 ganna 21’n waancaa addunyaa yeroo lammataaf ol kaase booda, taphataa biraa yeroo lammataaf waancaa guddicha kaase ta’uf yaaluus hin milkoofne.
Boqonnaa dura taphichaan Arjantiinaatu olaantummaa fudhate. Mibaappeen mataan isaa kubbaa si’a 11 qofa tuquu kan yaale.
Haalli kuni garuu boqonnaa booda fooyya’e.
Yeroo jalqabaaf taphataan kuni kubbaa karra Arjantiinaatti rukutuu kan danda’e daqiiqaa 71 irratti ture. Kubbaan karra galchii gubbaarra baate.
Badii Nikolaas Otaamendiin Randaal Koloo Muwaani irratti dalage garuu Faransaay penaalitii akka argattu taasise. Galchii jalqabaas daqiiqaa 80 irratti galche.
Mibaappeen sakandii 97 gidduutti Faransaayiif lama galchuun Arjantiinaatti akka qixxaatan taasise.
‘’Ga’umsa taphataa maqaa guddaa qabu kanaa gaaffii keessa galchuu hin dandeessu’’ jechuun ibse xiinxalaan BBC Jermayiin Jenaas.
‘’Taphataa ajaa’ibaadha. Yeroo kana eegaa ture. Gareen isaa isa waliin hin turre inni garuu humna itti horee gareetti amantee hore.’’
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Yeroo dabalataa daqiiqaa 30 kenname keessattis galchii Mesii booda penaalitii argame galchuun irra deebiin biyya isaa Arjantiinaatti qixxeesse.
Kuni hunduu garuu waancaa inni fedhu kan fideef hin turre.
Faransaayiifi Arjantiinaan yeroon dabalataa dabalamees 3fi 3'n waan xumuraniif penaalitiin adda bahuun dirqama ture.
Penaalitii kenname keessaa innis galchuus Arjantiinaan 4fi 2’n Faransaay injifattee waancicha fudhatte.
Karri eegaa Arjantiinaa Maartineez ga’umsa isaatti fayyadamuun Arjantiinaaf oolmaa guddicha oole.
Waancaa Addunyaa waggaa afur dura Pool Pogbaa fa’i waliin kan injifate Mibaappeen, waancicha irra-deebiin fudhachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Injifatamuu keessas garuu Mibaappeen goota biyya isaa ta’u wanti dhorke hin turre.
Reefu ganna 23 kan ta’e Mibaappeen, waancaa itti aanu Mesiifi Ronaaldoon keessatti hin jiran jedhamee eegamurratti seenaa hojjetinnaa?












