Benjaamin Mendii kubbaatti deebi'e, Hendarsan fi Maahrez kilaboota Saa'udiitti makaman

Mendii waancaa Pirimeer Liigii qabatee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mendii waancaa Pirimeer Liigii sadii Siitii wajjin injifateera

Ittisaan duraanii Maanchistar Siitii Benjaamin Mendii, yakka gudeeddii itti himatamerraa bilisa erga bahee booda, kilaba Liigii Firaans Lorient jedhamuf mallatteesse.

Taphataan ganna 29 kun kontiraanni isaa Siitii wajjin qabu obbahuu hordofeeti, waliigaltee waggaa lamaa kilaba Ligue 1 kana wajjiin kan mallatteesse.

Torban dabre keessa Manni Murtii Chester Crown Court taphataa kana yakka dubartii tokko gudeeduu fi dubartii biraa ammoo yaalii gudeeddii jedhan irraa kan bilisa jechuun mure.

Dhimmi isaa mana murtiitti yeroo ilaalamaa ture dhaddacha gubbaa 'dubartoota 10,000 waliin ciisuusaa' dubbachuun gabaafamee ture.

Mendii bara 2017 kilaba Monaakoo irraa paawundii Miiliyoona 52'n Siitii wayita seenu, taphataa sarara ittisaa addunyaarra isa gatii olaanaa baase ture.

Jordaan Hendarsan erga 2011'tti Livarpuul seenee, Istiivan Geraard wajjiin taphateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jordaan Hendarsan erga 2011'tti Livarpuul seenee, Istiivan Geraard wajjiin taphateera

Livarpuul dursaa gareesaanii Jordaan Hendarsan, paawundii miiliyoona 12n kilaba Saa'udii Arabiyaa Al-Ettifaq jedhamuuf kennuuf waliigalaniiru.

Hendarsan leenjiif kilabicha wajjiin gara Jarmaniitti imalus, tapha michummaa Karlsruher wajjiin taphatan irratti garuu hin hirmanne.

Tapha kana Liivarpuul 4 fi 2n mo'ateera.

Taphataan Ingilaad umuriinsaa 33 tahe kun, Liivarpuul wajjin kontiraata waggaa lamaaf turu qaba.

Taphataan beekamaa duraanii kilabichaa Istiivan Jeraard, dhiyeenya kana kilaba Al-Ettifaq'tti leenjisaa tahuun muudameera.

Kana malees Liivarpuul kilabicharraa taphataa utubaasaanii Faabinihoo fudhachuuf, gaaffiin paawundii miil 40 dhiyaateeraaf.

Jifataan kilabichaa duraanii Robertoo Farmiinoo kilaba Saa'udii Al-Ahliitti dhiyeenya makameera.

Riyaad Maahirez

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Gama kaaniin Maanchistar Siitii fi kilabni Liigii Saudi Pro Al-Ahli, taphataa lammii Aljeeriyaa Riyaad Maahrez mallatteessisuuf paawundii miil 30n waliigalan.

Taphataan Siitii ganna 32 kun, taphoota barichi hin eegalamin dura Jaappaan fi Kooriyaa Kibbaatti taasifaman irraa akka hafuu danda'us heeyyama argateera.

Maahrez ammallee Siitii wajjin kontiraata waggaa lamaa qaba.

Siitiin bara 2018 keessa Maahrez bituuf paawundii miil 60 baase.

Bara taphaa dhiyoo obba'ee fi Siitiin waancaa sadii kaaserratti, Maahrez taphoota 47 irratti galchiiwwan 15 lakkoofsiseera.

Yeroo boqonnaa kana keessa taphattoonni maqaa gugurdaa qaban hedduun gara liigii Saa'udiitti imalaa jiru.

Isaan keessaa jifataan Riyaal Maadrid duraanii Kaarim Benzeemaa fi utubaan duraanii Cheelsii Nigooloo Kaantee isaan muraasa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan duraanii Arsenaal fi kan Cheelsii ammaa Piyer-Emerik Obaamayaang, erga kilaba Maarsee wajjin waliigalamee booda, Cheelsii gadhiisuuf.

Taphataan ganna 34 kun, taphoota 22 irratti hirmaachuun galchii sadii callaa lakkoofsisuu danda'e.

Obaamayaang Cheelsitti kana makame baasii miil £10.3 taheen Baarseloonaa irraa ture.

Jijjiirraa taphattootaa baranaan taphattoota hedduutu Cheelsii keessaa godaane - Kaayi Haavertiz, Mesan Maawunt fi Nigooloo Kaantee isaan ijoodha.

Oduu biraan, Maanchistar Yunaayitid gadhiisuun Haarii Maaguwaayariif "tarkaanfii isa filatamaadha" jedhe taphataan duraanii kilabichaa Weeyin Ruunii.

Taphataan ganna 30 kun, dhiyeenya kana gaheen dursaa garee kilabichaa irraa mulqameera.

Taphataan miil £80'n Yunaayitid bite kun hanga 2025'tti kilabicha wajjin kontiraata kan qabu ogguu tahu, tarii West Haam deemuu mala oduun jedhu ni dhagahama.

"Isaaf wanti gaarii, gara biraa deemuudha," jechuun marsariitii Athletic'tti hime.