Ajab! Baayern Muunik tapha tokkorratti 27 galchuun mo'ate

Madda suuraa, Getty Images
Akka tapha Baayern Muunik gaafa Kibxata taphatametti, jifataan Totanihaam Haarii Keen isaan waan barbaachisu miti - kilaba Rottach-Egern jedhamu 27 fi 0'n irra aanan.
Taphni kun silaa tapha michummaa ture, garuu akkas hin turre. Muunik gara laafina tokkollee hin agarsiisne.
Taphattoonni 13 garagaraa galchii kan lakkoofsisan ogguu tahu, Jamaal Musaaliyaa, Maatis Tel fi Maarsel Saabitzar hunduu shan shan galchaniiru.
Maanchistar Yunaayitid keessa ergisaan bara taphaa dabre keessa taphataa kan ture Saabitzar, daqiiqaa 22 gidduutti goolii shan lakkoofsiseera.
Hanga boqonnaatti kilabni liigii gadaanaa 9ffaarra taphatu Rottach-Egern galchiin 18 irratti lakkaa'ameera.
Boqonnaan booda garuu waan cimanii seenan fakkaata - goolii sagal callaatu irratti gale.
Sarj Ginaabrii goolii sadii galche. Alfoonsoo Deevis, Konraad Leyimar, Nuseeyir Maazraawii, Uppaamekaanoo, Saanee, Gureeroo, Giraavanbarch, Koomaan fi Saadiyoo Maanee hundisaanii tokko tokko galchan.
Kilabni jifataa Ingilaand Haarii Keen ofitti fida jedhamee haasawamu Muunik, gareedhuma kana bara 2019 keessa 23 fi 0n injifateera.
Tapha lamaan 50 fi 0 jechaadha.












