Namtichi 'ani Meesiidha' ofiin jedhee dubartoota baay'ee gowwoomse eenyu?

Reezaa Paraastesh yeroo nama wajjiin suura ka'u

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Reezaa Paraastesh yeroo nama wajjiin suura ka'u

Addunyaarratti namni kan isa fakkaatu torba qaba ilaalchi jedhu durii kaasee jira.

Tarii ilaalchi kun dhugaa ta'uu dhiisuu baatus Liyoonel Meesiin namoota isa fakkaatan torba keessaa tokko waan argate fakkaata.

Meesiin taphataa collee addunyaa lammii Arjentiinaati. Namni maqaansaa Reezaa Parasteesh jedhamu Meesii fakkaachuusaatin beekamtii argateera.

'Meesii sobaa' ykn fake Messi jedhamuun beekama. Meesii fakkaachuusaarran kan ka'e 'ani Meesidha' jechuun dubartoota heddu gowwoomseera.

Dhiyeenya kana 'Meesiin inni sirriin anuma' jechuun dubartoota 23 wajjin 'saal-quunammtii raawwachuu' erga dhagahamee, miidiyaa hawaasarratti mata duree ta'ee ture.

Ofii namni 'Meesii sobaa' ta'e kun eenyu?

Reza Parastesh

Madda suuraa, Getty Images

Reezaa Parasteesh lammii Iraan yoo ta'u nama ganna 30ti.

Taphataa lammii Arjentiinaa Liyoneel Meesii fakkaachuusaatiin qalbii namoota hedduu hawwachuu eegale.

Reezan taphataa Meesii fakkaachuu isaa kanatti fayyadamee miidiyaa hawassarratti hordoftoota heddus horachuu danda'e.

Insitaagiraamiirratti Reezaa Parasteesh hordoftoota miliyeena tokkoo ol qaba.

Beekamtiin Reezaa Parasteesh kan dabale abbaansaa uffannaa kilaba Barseloonaa - kan Liyoonel Meesin waggoota dheeraaf keessa taphataa ture - akka kennaatti kenneefii boodadha.

Addumatti yeroo uffannaa taphattoota kilaba Barseloonaa uffatu, Reezaa Parasteesh fi Liyoonel Meesii adda baasun rakkisaadha.

Suuraansaa miidiyaa hawaasummaarratti erga gadi lakkifamee booda 'Meesin biraa argameera' kan jedhu baay'ee odeeffame.

Kanarraa ka'uun Reezaan akkuma Meesitti rifeensa sirreeffachuu, uffachuufi waan baay'ee irraa ilaalee gochuu eegale.

Yeroo tokko namoonni Meesidhuma isa dhugaa se'anii itti tuuchofnaan namootatti jecha hin taane dubbachuusaatiin poolisiin isa to'atee ture.

Boodarra himanni homaa irratti hin banamin mana hidhaatii bahe.

Ergasii beekamtii argataa beeksisa garaa garaa hojjachuufis carraa argataa dhufe.

Maal balleessee argame?

Reza Parastesh dinqisiifattoota isaa wajjin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Reezaa Paraasteesh dinqisiifattoota isaa wajjin
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiin Iraan 'Meesii sobaa' jedhamu kun beekamtiisaatti fayyadamuun dubartoota 23 wajjiin saal-qunnamtii raawwachuunsaa bara 2019'tti dhagahame.

Gabaasaaleen akka ibsanitti Reezaa Paraasteesh 'ani Meesiidhuma isa dhugaati' jedhee dubartoota gowwoomsuun amansiisee saal-qunnamtii wajjin raawwataa ture.

Meesii fakkaachuusaa fayyadamee namoota gowwomsee fedhiisaa raawwataa ture jedhame.

Himanni Reezaa Paraasteesh irratti dhiyaatu kun erga Meesiin dhiyeenya kilaba Ameerikaa Intar Miyaamii seenee irra deebiin jabaatee ka'ee jira.

Haa ta'u garuu, Reezaan himannaa irratti dhiyaatu kana hin fudhatu.

Inistaagiraamiirratti himanni kun hunduu maqa balleessiifi beekamtiisaa xureessuuf kan godhameefi gochaasaa akka hin taane barreesse.

Inumaayyuu warra maqaa koo balleessanirratti tarkaanfii seeraan fudha jedhee jira.

Osoo yakka akkasii dubartootarratti raawwatee Iraan keessatti silaa yoona hidhaan akka itti murtaa'e kaasun, oduun akkasii jireenya namaa hangam akka miidhu ibse.