Dubartoota hijaaba hin uffanne adda baasuuf Iraan kaameera fanniste

Madda suuraa, EPA
Angaa’onni Iraan, dubartoota hijaaba hin uffanne adda baasuuf, bakkeewwan hawaasaa adda addatti kaameeraa fannisuu isaanii, poolisiin beeksise.
Dubartoonni rifeensa isaanii utuu hin haguugiin argaman, “akka adabbiitti ergaa barreeffamaa bilbilaan akeekkachisi” akka ergamuuf poolisiin himeera.
Kun “seera hijaabaa irratti mormii” ka’u hir’isuuf gargaara jedha poolisiin.
Bara darbe shamarreen Mahsaa Aminii jedhamtu, seeraa hijaabaa cabsite jedhamuun to’annoo jala oolfamte booda, lubbuun ishee erga darbee biyyatti keessatti mormiin guddaa ka'eera.
Erga Aminii ajjeefamtee booda, keessumaa magaalaa gurguddoo biyyatti keessatti, to’annoo jala oolfamuu utuu danda’anii dubartoonni hedduun hijaaba uffachuu dhiisuun mormii isaanii agarsiisa turani.
Ibsi poolisii miidiyaa mootummaa Islamic Repablic News Agency irratti ba’e akka eerutti, sirni kun kaameera “ogeessa” jedhamu fi maloota biroo fayyadamuun “kanneen seericha cabsan adda baasuun ragaa fi ergaa akeekkachisaa erga.”
Bara 1979’tti Warraaqsi Islaamummaa hiikkaa seeraa amantaa ciccimoo erga hojiirra oolcheerraa eegalee, dubartoonni hijaabaan rifeensa isaanii akka haguugan seeraan tumeera.
Dubartoonni seericha cabsan addabbii maallaqaa ykn hidhaatu isaan eeggata.
Ibsi poolisii Sanbata ba’e kun, hijaabni “hundee guddina Iraan” keessaa tokko akka ta’ee ibsuun abbootiin daldalaa seera kana “sakkata’umsa cimaa” taasisuun akka hojiirra oolchan gaafateera.
Dubartoota hijaaba hin uffanne irratti haleellaan hawaasaan raawwatamuus jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torban darbe, viidiyoon yemmu namichi tokko dubartoota hijaaba hin uffanne lamatti ittituu darbatu mul’isu hedduumminaan qoodamaa ture.
Dubartoonni kun akka seera hijaabaatti to’annoo jala olfamanii, namichiis to’annoo jala olfameera.
Muddee irraa eegalee mormitoonni kumaatamaan lakkaa’aman to’annoo jala oolfamanii, afur ammoo murtee du’aan adabamaniiru.
Ta’us seera kana hojiirra oolchuuf tarkaanfiin kanarra darbe fudhatamuu akka qabu kanneen gaafatan jiru.
Sambata darbe, Pirezidantiin Iraan Ibraahim Rayiisii, dubartoonni Iraan akka “qabxii barbaachisaa amantaatti” hijaaba uffachuu qabu jedhaniiru.
Hogganaan ministeera Haqaa Iraan Golamhusseen Mohseni-Ejii garuu, tarkaanfiin bal’inaan fudhatama jiru kun dubartoonni seera kana akka hordofaniif jajjabeessuuf mala sirri ta’uu dhiisuu mala jechuun Jimaata akeekkachiisan.
“Rakkoon aadaa mala aadaan furamuu qaba… rakkoo kana to’annoo jala oolchuu fi hidhaan furuu feena yoo ta’e, baasiin dabalaa deema akkasumas bu’aa feenu hin argannu,” jedhan.












