Dubartoonni Iraan rifeensa hin dhokfanne jedhaman qabeen itittuu itti darbatame, hidhaas bu'an

Maahsaa Amiinii

Madda suuraa, Getty Images

Dubartoonni lama Iraan keessa erga itittuun itti naqamee booda to'annoo jala oolfaman. Kunis sababa hijaaba hin uffannefi jedhameera.

Viidiyoo dhiyeenya gadhiifameefi ijoo dubbii ta'e irratti namichi tokko dubartii mataashee hin haguuggannetti qodaa itittuu baatu yeroo itti darbatu agarsiisa.

Gochaa nama kanaan dubartoonni fi dhiirooti kaan rifaatuu ibsaniiru. Taatee kanaan booda dubartoonni lama hidhaa bu'aniiru.

Manni murtii Iraan dubartoonni lameen kan to'annoo jala oolan rifeensa isaanii addabaabaayitti gatii agarsiisaniifi jedhe.

Namichi qodaa itittuu itti darbates ummata jeequun sababa jedhu to'atameera.

Qondaalotni Iraan dubartootaaf hijaaba uffachuun dirqama akka tahu gochuu irratti kutannoo isaanii ifatti himaa jiru.

Murtoon kunis mormii ji'ootaaf dhimma hijaabaan wal-qabatee biyyattii keessatti adeemsifamaa tureen booda kan dhufe dha.

Miseensi paarlaamaa tokko ibsa baasuun manni murtii sa'atii 48 keessatti murtoo kennuun dubartoota seera hijaabaan duuba deeman akka dhaabsisu gaafataniiru.

Mormiin jabaa Fulbaana keessa jalqabe bakka baay'eetti babal'atee ture tarkaanfii humnoota nageenyaan dhaabateera.

Haa tahu malee, dubartootni tokko tokko seera addabaabaayiitti hijaaba uffachuu dirqisiisu faallaa adeemaa jiru.

Viidiyoowwaniifi suuraaleen onlaayinii gadhiifamaa jiran hawaasa Iraan keessa dhorkaan kuni yaaddoo akka uume agarsiisu.

Fulbaanatti shamarreen ganna 22 Maahsaa Amiinii hijaaba sirnaan hin haguugganne jedhamuun poolisii naamuusaa Teeraaniin to'annoo jala ooluun erga duute booda Riippaabliikni Islaamaa Iraan mormiin raafamteetti.

Ergasii namonnii kumaatamaan lakkaa'aman yoo hidhaa bu'an, namoota mormitti bahan keessaa afur immoo Mudde keessa mootummaan ajjeefamaniiru.

Ergasiis aangowwoonni homaa gaabbii hin agarsiisne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerri biyya keessaa dhimma kanarratti of dubbatti akka hin deebineefi obsa akka hin qabne torban kana himaniiru.

Hijaabni seera bu'uuraa Islaamaa tahuun itti fufa, biyyattiinis kana hordofuu itti fufti jedhan.

Hogganaan Ministeera Haqaa biyyattii Gholamhossein Mohseni-Ejei, dubartoonni hijaaba hin uffanne marartee malee tarkaanfiin seeraa irratti fudhatama jedhanii turan.

Miseensi paarlaamaa tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu, ''ajaja qulqullaa'aa'' hijaabaa hojiirra oolchuufi jechuun dubbatan.

Miseensi paarlaamaa Alii Hajii Deeliganii jedhaman yoo manni murtii sa'atii 48 keessatti murtoo hin kennu tahe wixinee seeraa akka qopheessan himan.

Seerri kunis gabaasa paarlaamaan ''saal-quunnamtii gaa'elaan ala gochuu dhiisuu fi hijaaba,'' irratti baase waliin kan adeemu dha.

Mormiin ture Riippaabliika Islaamaa akka haaraatti ijaaruu kan dabalatu tahus dhimmi guddaan garuu dhimma hijaabaati.

Suuraan Maahsaa Amiinii mallattoo jabaa mormii kanaa tahuun itti fufeera, yeroo muraasaafis bu'uura bulchiinsa Isalaamaa waggoota 40'f ture raaseera.