Iraan Poolisii Naamusaa uffannaan Musliimaa sirnaan akka uffatamu to'atu diigufi -Abbaa Alangaa

Madda suuraa, Getty Images
Iraan Poolisii Naamusaa kan biyyattii keessatti akkaataan (koodiin) uffannaa Musliimaa sirnaan hojiirra akka oolu hojjetu diigaa jiraachuu abbaan-alangaa biyyattii beeksise.
Yaadni abbaa-alangaa Mohaammad Jaafar Montaazarii kan ejensiiwwan birootiin ammatti hin mirkanaa'iin jiru kun qophii ta'e tokkorratti Dilbata kan dubbatamedha.
Iraan harka Poolisii Naamusaa kanatti lubbuun shamarree Mahaasaa Amiinii darbuu hordofee ji'oota muraasa darban keessatti mormiitiin raafamaa jirti.
Mahaasaan haguuggii mataa sirnaan hin haguugganne jedhamuun Poolisii Naamusaatiin erga to'atamteen booda osoodhuma to'annoo isaanii jala jirtuu lubbuun darbe.
Mohaammad Jaafar Montaazarii yeroo Poolisii Naamusaa diigamuu danda'aa?jedhamee gaafatamee yaada kana kennetti konferaansii amantii tokkorra jira ture.
"Poolisiin Naamusaa sirna haqaa waliin waan hojjetu hin qabu waan ta'eef bakkuma hundeeffamanii jiranitti cufamu," jedhan.
To'annaan humna kanaa kan ilaalatu ministeera dhimma keessooti malee, haqa miti.
Dilbata Mohaammad Jaafar Montaazarii Paarlaamaa Iraanitti akka dubbatanitti, seerri dubartoonni akka hijaaba uffatan gaafatu ni iaalama.
Poolisiin Naamusaa ni cufama jechuun ammoo seerri waggoota kurnan baayyee lakkoofsise ni jijjiirama jechuu miti.
Mormiiwwan dubartootaan gaggeeffaman kan aanga'oonni biyyattiitii "jeequmsa" ittiin jedhan Fulbaana wallakkaaraa kaasee biyyattii raasaa jira.
Hokkarri kun Shmarree umuriin ishee waggaa 22 taate Mahaasaa Amiinii Poolisii Naamusaan to'atamtee guyyoota sadiin booda osoo harka isaanii jala jirtuu Tehiraan keessatti Fulbaana 16 lubbuun darbeen boodada kan dhalate.
Du'uun ishee kun hokkarri kun akka dhaltuuf ka'umsa ta'eera garuu mormii iyyummaa, hoji-dhabdummaa, walqixxummaan dhibuufi malaammaltummaas hordofsiiseera.
'Waanti nuti qabnu warraaqasa'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mirkanaa'ee jennaan, Poolisii Naamusaa kana diiguun deebii ni ta'a garuu mormiiwwan jiran kan mormitoonni osoo hin hafiin uffata mataa ittiin haguuggatan guban dhaabuudhaaf gahaa ta'uu isaatiif wabiin hin jiru.
Mootummaan Poolisii Naamusaa sababa dhaabsisuu murteesseef jecha mormiin ni dhaabbata jechuu miti," jechuun dubartiin Iraan tokko BBC World Service Sagantaa oduutti himteetti.
"Osoodhuma mootummaan hijaaba uffachuun filannoo dhuunfaati jedheeyyuu gahaa miti. Namoonni mootummaan kun hanga aangoorra jirutti egeree akka hin qabnde beeku. Namoota dabalataa kutaa hawaasaa Iraan gara garaa irraa, warra ilaalcha giddu-galeessaafi kan aadaa durii qaban mirgoota isaanii caalaa deebifachuuf gadi bahanii dubartoota yoo deeggaran arguuf jirra.
Dubartiin biraa ammoo akkas jette: "Nuti, mormitoonni, waa'ee hijaabni hin jiruu kan jedhurraa dhimma hin qabnu. Guyyoota 70 darban keessa osoo hin godhatiin turreerra.
"Waanti nuti qabnu warraaqsa. Hijaabni ka'umsa isaati waan ta'eef nuti wanta kanaa gadi ta'e hin barbaannu. Nuti du'a abbootii hirreefi jijjiirama mootummaa barbaadna."












