Dargaggoo Iraan: 'Akka duuti natti murtaa'e harmee kootti hin himiinaa'

Madda suuraa, WANA/REUTERS
Mormii guutummaa Iraanitti dhohee tureen wal-qabatee ji'oota afran darban keessatti dargaggoonni afur duuti itti murtaa'ee ajjeefamaniiru. Dargoota 18 ammoo du'i itti murtaa'ee guyyaa itti ajjeefaman eeggataa jiru.
Mohammad Mahadii dargaggeessa ganna 22 yoo ta'u, dorgommii karaatetiin shaampiyoonaa ta'ee ture. Shaampiyoonaa ta'uun isa hin oolchine; Amajjii gaafa 7 fanniffamee ajjeefame.
Maddoonni BBC Pershiyaatti akka himanitti, Mohaammad himata du'aa isarratti dhiyaate ofirraa ittisuuf daqiiqaa 15 qofatu kennameef.
Dhaaddachi akkasii kan agarsiisu angawoonni lammiile Iraan mirga isaanii gaafatan maaltu akka isaan eeggatu itti agarsiisuf kan itti fayyadamaniidha.
Iraanitti mormiin kan eegale dubartiin ganna 22 Maahsa Amiinii rifeensa mataa ishee hin haguugganne jedhamtee poolisiin to'atamtee erga duutee boodha.
Mormii kana hordofee tarkaanfii mootummaan fudhateen namoonni 481 du'aniiru.
Karami namni jedhamu qaamni nageenyaa mormii irratti magaala Karaajii jedhamtu du'uun wal qabatee hidhame. Boodarra ijoollee sadi dabalatee namoota 16 wajjin himanni nama ajjeechaa irratti baname.
Iraanitti himatamaan tokko himata irratti dhiyaate ofirraa akka ittisu seerri ni hayyamaaf. Garuu dhimmoota akka himannaa kanaafi yakka biyya ganuu fa'aa irratti mirgi kun eegamaa miti.

Madda suuraa, WANA/REUTERS
Gaazexeessitoonnifi maatin himatamaas mana murtii seenanii dhimmicha akka hordofan hayyamamaa miti. Carraan jiru mana cufaa keessatti viidiyoo manni murtii waraabee erga soroorsee booda gadi lakkifamuudha. Viidiyoowwan bifa kanaan dhiyaatan irratti Karaamin miirri isaa cabee dhuguma qaama nageenya mootummaa du'e sana dhagaadhan mataa keessa akka rukute osoo amanuu mul'ata. Abukaaton mootummaan ramades isaaf hin falmus, inumaayyuu manni murtii dhiifama akka godhuuf gaafate. Karaamin ammoo "gowwoomfamee" kana keessa akka gale dubbatee taa'e.
Gaafa Mudde 5, 2022, Karaami irratti adabbiin du'aa murtaa'e. Namoonni isa waliin himataman afuris adabbiidhuma wal-fakkaatatu itti murtaa'e. Warra wajjin himataman keesssaa ijoollen sadaniifi namoonni biroo saddeet hidhaa waggaa dheeratu itti murtaa'e.
Gama biroon ammoo maatin himatamtootaa akka callisan aangawoota irraa dhiibbatu irra gaha.
Karaamii abbaan isaa Mashallan daandii irratti 'sooftii' gurguree jiraata. Gaazexaa Etemad jedhamutti akka himetti ilmi isaa waamee, imimmaanin hudhamaa duuti itti murtaa'uu akka itti hime dubbata. "Abbaa koo, nutti murteessaniiru. Anatti du'a murteessan. Haadha kootti waa tokkoyyuu akka hin himne," jedha ilmi isaa yakka homaatuu akka hin qabne yoo ibsu.
Seenaawwan gaddisiisoo
Boodarra gareen aktivistii 1500 Tasvir jedhamu Karaamin gidirfamee yakkamaa ta'uu akka amanu godhamuu dhugaa jiru maxxanse. Mana hidhaa keessatti eegdotaan hanga of-wallaalutti akka reebamee ture maatii isaatti himuu gareen kun ibse. Egdonni mana hidhaa erga reebaniin booda du'e se'anii bakka namni hin agarretti geessanii gatan.
Boodarra deebi'anii akka hin du'in baranii dhaqanii fuudhan. Akkasumas yeroo mana hidhaa keessatti gidirfamaa ture qaamonni nageenyaa "qaama saalaa isaa guyyaa hunda tuttuquun isa gudeeduf sodaachisaa akka turan" maatii isaatti himee ture.

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA
Akka seera Iraanitti manni murtii sadarkaa gadii murtii du'aa yoo murteesse raggaasisuuf mana murtii olaanatti ergamuu qaba. Manni murtii olaananuu murtii du'aa raggaasisa taanan, oliyyannoo gaafachuun ni danda'am.
Abbaan Karaamii murtee du'aa ilmasaarratti oliyyannoo gaafachuuf abbaa seeraa mootummaa qunnamuuf yaalus deebii hin arganne.
Maatin isaa Iraanitti abukaatoo beekamaa kan ta'e Mohammad Hoseeyin Aghasi jedhamu dubbisuuf yaalaniiru.
Abukaaton kun mana murtii sadarkaa gadiifi mana murtii walii galaatti xalayaa barreessus namni garagalee abbaa kanaa hin jenneen.
Adda baafamanii kaa'amu
Seyad Mohaammada nama ganna 39 yoo ta'u fedhiidhan ijoollee leenjisuudhan beekamu yoo ta'u gaafa Amajjii 7, 2023 fannimee du'e. Karaamii wajjin himatuma tokkotu irratti banamee ture, waluma faana mana murtiittis dhiyaatanii duuti itti murtaa'e.
Maatin isaas lubbuun hin jiran waan ta'eef erga duuti itti murtaa'ee namni du'a isa oolchuf falmeef hin turre.

Madda suuraa, WANA/REUTERS
Iraanitti namoonni du'i itti martaa'e hanga guyyaa du'a isaanitti mana hidhaa keessatti gidiraafi hiraarsan akka irra gahu maatiifi abukaatoo isaanitti himatu.
Sodaachifamanii balleessa akka waan qabaniitti akka amanan godhamanii viidiyoo waraabamu.
Waan fala hin qabne
Gareewwan mirga namoomaaf falman manni murtii Iraan siran haqaa ragaa "dirqisiisanii amansiisan" irratti hundaa'uu isaaf baay'ee qeequ.
Maddoonni BBC Pershiyaatti akka himanitti, abukaatonni mootummaan himatamtootaf dhaabu ofii isaanii "qorattoota" ta'uun himatamtoonni yakkamaa ta'uu isaanii akka amanan dirqisiisu.
Dhaabbanni Mirgoota Namoomaa Iraan akka gabaasetti yeroo ammaa namoonni 109 ta'an guyyaa du'a isaanii eeggataa jiru. Kanneen keessaa 60 kan ta'an umuriin isaanii giddu galeessan 27 yoo ta'u namoonni sadi ammoo waggaa 18 gadi.
Seyed Mohaammad Hoseenifi Mahaammad Mahdi Karamin erga fannifamanii booda Iraan namoota fannisuu akka dhaabduf biyoonni lixaa gaafataa jiru.

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA
Kuni ta'ee torbee tokko booda Iraan nama lammummaa Biriitish qabu tokko fanniftee ajjeesuu beeksifte. Namni kun Alireza Akbari jedhama. Lamuummaa Iraanifi Biriitish kan qabu yoo ta'u kanaan dura ittaanaa Ministiira Ittisaa Iraan ta'ee tajaajilee ture.
Iraan garuu Alirezan UKdhaaf basaasun Iraan irratti yakka araara hin qabne hojjateera jechuun fannifte.












