Hojjataan mana Ministeera Ittisaa Israa'el, Iraanif basaasuu yaale adabame

Beenii Gaantiz

Madda suuraa, EPA

Manni murtii Israa'el namicha hojjetaa mana Ministeera Ittisaa Israa'el Beenii Gaantiz, osoo inni haakaroota garee Iraanin hidhata qabaniif odeeffannoo kennuu yaaluu to'atame irratti adabbii murteesse.

Namichi Muummicha Israa'el duraanii Beeni Gantiz basaasu yaale jedhame kun Omrii Goreen yoo jedhamu nama ganna 38 ti.

Manni murtii biyyattii himata basaasummaa kufaa gochuun waggaa 3 itti murteessee jira.

Ministeerri Haqaa Israa'el akka jedhetti, Omrii Goreen dhabbata haakaroota Iraan wajjin hidhata qabu Black Shadow jedhamu dubbisuun qarshii yoo kennaniif waa'ee Minsiteera Ittisaa Israa'el- Beeni Gantiz- odeeffannoo akka isaanif irratti kennuu fi kompitara isaa irratti vaayirasii akka fe'u walii gale jechuun himata dhiyeesse.

Omriin garuu beekee Iraanif basaasuu akka hin yaalle waakkate. Iraanifi Israa'el diinummaa cimaa qabu.

Dhaddacha Fulbaana 6, 2022 manni martii taa'e irratti abukaatonni isaa "Kuni waan yakka basaasummaatin nama himachiisu miti, innis basaasaa miti," jechuun falmaniif.

"Dhimmichi waa'ee himatamaan kun qarshii dhabee rakkachuu irraa kan ka'e dambii nageenyaa cabseedha malee basaasa miti," jedhan abukaatonni isaa.

Omrii Goreen, warreen haakaroota irraa odeeffannoo homaatuu osoo hin kenniin sobee qarshii irraa fudhachuu karoorsee akka ture qorattoota yakkaatti hime.

Omriin ministeera ittisaa biyyattii basaasuu yaale oduu jedhe miidiyaa Israa'el irratti erga dubbiseen booda karaa Telegiraamitiin garee basaasaa Black Shadow jedhamu qunname jedhame.

Mana Beenii Gaantiz keessa gargaaraa ta'ee hojjate waan ta'eef meeshaalee manaa kanneen akka minjaala, kompitaraa, galmeewwan gibiraa fa'aa kan ministerichi itti fayyadaman suura kaasuun ergeera jedhama.

Yaalin basaasa nama kanaa tajaajila nageenyaa Shiin Beet jedhamuun fashaluu fi odeeffannoon murteessan basaasaf saaxilame hin jiru jedhe ministerri haqaa Israa'el.

Omriin kanaan duras hanna meeshaa waraanaa dabalatee yakkawwan garaa garaatin himatamee si'a afur hidhameera.

Nama si'a afur hidhamee bahe akkamitti hojjataa ministeera ittisaa akka hojjatu godhame gaaffiin jedhu mana murtiitin tajaajila nageenyaa Shiin Beetiif dhiyaatee dhimmicha amaneera.