Poolisiin Israa’el lammiilee basaaseera jedhamuun qoratamuufi

Bilbila moobaayilaa

Madda suuraa, Getty Images

Poolisiin Israa’el lammiilee Itoophiyaarraa deeman kan ‘Beeta Israa’el’ jedhamuun beekaman dabalatee bibila namoota beekamoo seeraan ala sakatta’eera himannaa jedhu komishiniin qoratu mootummaa Israa’eliin akka hundaa’u ibsame.

Appii bibila sakatta’u seeraan ala fayyadamuun ilma ministirri mummee duraanii Israa’e,l Beenyaamin Naatanyaahuu dabalatee bibilli gaazexeessitootaa, qondaalota mootummaafi mormitootaa basaasameera jedhe gaazexaan ‘Kaalkaast’ jedhamu.

Himannaa malaammaltummaa Netaaniyaahuu keessatti bibilli akka ragaatti qabame butamee akka tures ibsameera.

Haa tahu malee odeeffannoon basaasaan argame mana murtiitti akka ragaatti dhiyaachuun hin beekamne.

Ministirri mummee ammaa Naaftaalii Beneet, ‘’gabaasni kuni dhugaa taanaan balleessaa guddaatu raawwate,’’ jedhan.

Akka gaazexessitoonni jedhanitti poolisoonni Israa’el appii basaasaa Peegaasas jedhamu fayyadaman.

Gabaasa gaazexaan Israa’el baase kanaan bibilli lammiilee Israa’el baayyee eeyyama isaanii malee basaasameera.

Namoota qorannoon seeraa irratti hin banamneefi akkasumas ajaja mana murtiin ala basaasni kuni raawwate.

Ministeerri geejibaa, maallaqaafi haqaa kanneen basaasa kanaaf saaxilaman keessaati.

Kana malees lammiilee Itiyoo-Israa’elii fi falmitoonni mirgoota qaama miidhamtootaa warreen basaasaman keessa jiru jedhameera.

Appii basaasaa Pegaasas jedhamu kana kan oomishe dhaabbata Israa’el NSO jedhamu yoo tahu akka addunyaatti mootummoota abbaa-irreef appii basaasaa gurguruun komatama.

Dhaabbatichi garuu appii kana takka erga gurguree booda akka hin hordofneefi lammiilee Israa’el basaasuuf akka hin oolle ibseera.

Gabaasa ammaa irratti garuu deebii ifa tahe hin kennine.

Appiin Pegaasas jedhamu bibbila keessaa barreefama, suuraa, viidiyoo fi sagalee sirna butee fudhachuu danda’u qaba.

‘’Pegaasas yakka kanneen akka shororkeessummaa loluuf appii dandeessisu dha. Haa tahu malee lammiilee Israa’eliifi qondaalota akka basaasuuf hin hojjetamne,’’ jedhan Ministirri Mummee biyyattii Naaftaalii Beneet.

Abbaan alangee biyyattii dhimma kana hordofaa akka jiruufi dhiyootti uummataaf deebii akka kennu himeera.

Pireezidantiin biyyattii Ayizaak Herzoog immoo,’’demookiraasii keenya dhabuu hin qabnu. Poolisii keenya dhabuu hin qabnu. Uummatni poolisii keenya irratti amantii akka dhabu hin feenu,’’ jedhan

Ministirri nageenya uummataa, Omaar Baarliiz, komishiniin dhimma kana qoratu abbaa seeraa sooruma bahaniin akka hogganamuufi nama kamiyyuu ragaaf waamuu akka danda’u hubachiisaniiru.