Israa'eel-Iraan: Iraan neetworkii basaasa dubartootaa akka fayyadamtu Israa’el himatte

Lammii Iraan Rambood Namdaara dubartoota karaa Feesbuukii itti dhiyaachuun basaasaaf bobbaasun shakkame

Madda suuraa, FACEBOOK

Ibsa waa'ee suuraa, Lammii Iraan Rambood Namdaara dubartoota karaa Feesbuukii itti dhiyaachuun basaasaaf bobbaasun shakkame

Eejensiin dhimma tikaa biyya keessaa Israa'el lammiilee Israa’el shan Iraaniif baasasuun himataman hidhuu beeksise.

Himannaan kun dubartoota Jewuush afur hidda dhalootaa Iraan qaban irratti dhiyaate. Dhaabbanni Tika Biyya Keessaa Israa'el maqaa Shin Bet jedhamuun beekamu akka himetti, dhalataa Jewuush Iraan akka jiraatu himatuun dubartootni kunneen basaasaaf qajeelfamu.

Dubartoonni kunneen suura iddoowwan xiyyeeffannoo basaasaaf barbaadaman kaasuuun doolaarri kumaatamaan kaffalamaafii ture jedhamuun himataman.

Haala tika biyyattii hordofuu fi qondaaltoota siyaasaa biyyattii waliin hariiroo uumuun shakkaman. Abukaatoonni dubartoota kanaa gama isaaniitiin akka jedhanitti, dubartoonni sun namtichi isaan basaasaaf filate qaama basaasa Iraan ta’uu hin beekan ture.

Abukaatoonni kunneen akka jedhanitti dubartoonni kun itti yaaadanii tika Israa’el miidhuuf kaayyoo hin qaban.

Haata’u malee, Shin Bet dhimmichi ‘’dubbi akkaan jabduudha,’’ karoora neetworkii basaasaa Iraan Israa’el keessatti diriirsuuti, Kanaaf dubartoota kanneen irratti ‘’himannaan jajjabaatu dhiyaate’’ jedhe.

Namtichi lammii Iraan sun dubartoota kana karaa feesbuukii haasofsiisuun, ganna dheeraaf dubartoota sana waliin hariiroo karaa ‘WhatsApp’ iccitiin qabaachaa ture Rambood Namdaara jedhama.

‘’Dubartoonni kunneen nama Iraaniif baasasu ta’uu otoo shakkanii hariiroo isa waliin cimsatanii, maallaqa argachuuf jecha waan inni ajaju raawwataa turan,’’ jedhe Shin Bet.

Akka Ensichi jedhutti, dubartiin ganna 40 taatee fi qarqara Tel Avivitti bakka argamu Holon jiraattu Imbaasii Ameerikaa suura kaasuu, gamoo Ministeera Dhimma Hawaasummaa fi Biyya Keessoo, akkasumas giddugala gabaa suura kaasuuf namticha waliin walii galtee uumtetti.

Namtichi hojii basaasaa kanarratti isaan bobbaase dubartiin kun ilmi ishee basaasaa waraanaa Israa’elitti akka dabalamuu gaafateera.

Dubartiin ganna 57 magaalaa Beyit Shemeshi taate tokko haaluma walfakkaatuun ilmi ishee basaasa waraana Israa’e’l keessatti akka hirmaachuun ragaalee waraanaa gara isaatti dabarsu jajjabeeffamte.

Akka Shin Bet jedhutti, dubartiin kun lammilee Israa’el hidda dhaloota Iraan qabaniif kilaabii akka hundeessitu ajajamte, kana malees odeeffannoo waa’ee isaanii akka sassaabduu fi dubartoota miseensota paarlmaa Israa’el waliin hariiroo uummachuuf yaalaa turte.

Kana malees, dubartiin kun kaameeraa dhoksaa mana ishee keessatti, maamiltoota ishee tajaajila maasajiif bira dhaqan kaasuun qaanessuuf fannisteetti.

Ministirri Muummee Israa’el Naaftali Benet akkas jedhan:’’ Biyyi Israa’el Iraan waliin duuula keessa jirti. Kuni ifaadha, waraanni Iraan lammilee Israa’el basaasuuf tattaaffii addaan hin citne taasisu argineerra’’ jedhan.