Ruhollaah Zaam: Iraan gaazexessaa mormii deeggare du'aan adabte

Ruhollaah Zaam

Madda suuraa, Reuters

Iraan gaazexessaa appii ergaa midiyaa hawaasummaatti fayyadamuun biyyattiin akka hintasgabboofne taasiseera jette du'aan adabte.

Ruhollaah Zaam to'annaa jala erga oolfamee waggaa kan guute yoo ta'u, kaleesssa Sambata fannifamee ajjeefame.

Manni murtii olaanaa biyyattiis gocha raawwateen yakkamaa ta'ee argadheera jechuu buufanni TV mootummaa tokko gabaaseera.

Gaazexeessaan kunis baqannaan biyya Faransaayi jiraataa kan ture wayita ta'u, osoo gara Iraaniitti imalu bara darbe to'atamee jedhameera.

Ruhollaah marsariitii motummaa mormu kan ''Amad News'' jedhamu olaantummaa ogganaa ture jedhame.

Biyyattiinis Ruhollaah bara 2017- 18'tti jeequmsi biyyaaleessaa akka cimuuf kakaaseera jechuun himatti.

Fuulli telegiraamii Ruhollaah Zaam hogganuufi hordooftoota miliyoonaa ol qabu irrattis, ergaawwaniifi viidiyoowwan aanga'oota Iraan ilaallatan garaagaraa irratti ni qoodama ture.

Mootummaan Iraanis fuulli teeleegiraamii kunis akka cufamu taasisuu kan danda'e ta'ulleen, yeroo muraasaan booda maqaa biraatiin deebii'ee banameera.

Ministirri Haajaa Alaa Faransaayi jalqaba torban darbeerratti, murte Zaam du'aan adabuuf dabarfameen ''haleellaa cimaa bilisummaa yaada ofii ibsachuufi bilisummaa pireesii Iraan keessaati'' raawwate jechuu isaanii Royitarsi gabaaseera.

Gaazexeessaan kunis sababii filannoo pirezidantii Iraaq kan bara 2009 irratti waldhabuun hidhameef, biyya Faransaayiitti koluugaltummaan kennameef ture.

Gareen Eegdoota Warraaqsa Iraan (IRGC)n duraan gaazexessaa kana to'achuufi tajaajilawwan biyya alaa akka cabsan kan taasisee ''malawwan kalaqaafi maloota basaasaa hammayyaa'aa'' ittifayyadameera jedhanii turan.

Gareen Eegdoota Warraaqsa Iraan ammoo gaazexessaan Zaam ''ergama'' fi eegumsa tajaajilawwan tika Faransaayi, Israa'eel fi US keessaa jira jechuun himata.