Hakiima Iraanitti basaasummaan himatamee duuti irratti murtaa’e

Ahmadreza Djalali

Madda suuraa, CENTER FOR HUMAN RIGHTS IN IRAN

Ahimadriizaa Djaalaalii oggummaan hakiima wal’aansaa hatattama yoo tahu, qondaalota Iraaniin Teeraan iddoo leenjii kennutti yeroo baayyee barbaadama ture.

Isaafi maatiisaaf torbee lamaaf adda bahuuniyyuu yeroo dheeraa itti ta'a ture.

Hakiimni kun erga hidhamee waggaa afur taheera, ergasiiti lammummaa Siwiidiinis kan argate. Haa ta'u malee erga humnoota tikaa Iraaniin qabameen booda du'aan kan adabame.

Iraan odeeffannoo icciitii tahe dhaabbata basaasaa Israa’el Mosaadiif dabarsee kennuun saayintistiin niiwkileeraa Iraan akka ajjeefamu gargaareera jechuun himatte.

Abukaatoon isaa nama kanarraa jecha isaa dararaadhaan fudhatan jedha.

Baatii Onkololeessaa keessa Ahimadriizaa mana hidhaa beekamaa Iraan namootni siyaasaa keessatti hidhaman Eviin jedhamutti dabarfame.

Baatii Muddee gaafa guyyaa 1, maatii isaatti bilbilaan akka haasa’u eeyyamameefi akka adabbiin du’aa irratti murame itti hime.

Haati warraasaa abbaan warraashee namni ganna 45 ’’akka lubbuusaa baraarru cimsee na gaafataa ture,’’ jechuun BBC'tti himteetti.

Mucaan isaanii ganna 18, yeroos abbaa isheetti haasofte, ‘’namooti siyaasaa fi rogeessonni mirga namoomaa abbaashee du’arraa akka hambisan bo’aa turte,’’ jetti Viidaan.

‘’Baayyee dararaa hamaa keessa dabarsaa jirra, daraaraa hamaadha,’’ jetti.

Mucaan isaanii lammataa yeroo abbaan isaa hidhame ganna afur ture abbaan isaa akka hidhame itti hin himne jetti Vidaan.

Ahmadreza Jaalali

Madda suuraa, Vida Mehran-nia

Ibsa waa'ee suuraa, Ahmadreza Jaalali Iraanitti murteen du'aa itti murameera

Hakiimichi barnoota olaanaaf ture bara 2009tti Istookolm kan seene.

Barnoota PhD achuma Siwiidiin Yunivarsiitii Kaarooliniskaatti argate jennaan maatii isaa fudhatee, achiis bara 2015tti barnoota postdoktaraaliif Xaaliyaan erga dabarsaniin booda Siwiidinitti deebi’anii jiraachuu jalqaban.

Bara 2018'tti Siwiidiin Ahimadriiziif otoonni hidhaa jiruu lammummaa kenniteef. Namooti Iraan tokko tokko warri Lixaa ijaa itti fayyadamaniif lammummaa kennaniif jedhu.

Haati warraa garuu abbaan warraashee nama kabajamaa eeyyama jiraataa Siwiidiin kan argate ture dha jetti.

Hospitaalota akkamiin balaa irraa bilisa taasifna kan jedhurratti nama hojjechaa ture dha jetti.

Ammallee hospitaala damee Yunivarsiitii Kaaroliniskaa Soodoojuukiheest keessa suuraansaa mata duree PHD'isaa ‘Qophaa’ummaafi Hospitaala nageenyi eegame’ jedhu gabatee beeksisaarra fannifamee jira.

Bara 2017'tti namoonni badhaasa noobeelii mo’atan 75 qondaalota Iraan Ahimadriizaan hatattamaan akka gadhiifamu gaafatanii turan.

Torbee lama dura immoo Looreetoonni Noobeelii 150 tahan xalayaa kan biraa hogganaa olaanaa Iraan Alii Kaahaameeniif barreessuun dhimmicha gidduu seenanii hakiima kana akka gadhiisisan gaafatanii turan.

Baatii darbes Aministii Intarnaashinaal adabbiin du’aa kun akka hafu gaafatee ture. Ministeerri Haajaa alaa Siwiidiin gita isaanii Iraanii waliin haasa’uun adabbiin du’aa akka hafu gaafatanii turan

Haa tahu malee Iraan gaaffii Siwiidiin kuffisuun giddugaltummaa kennamu kamiifiyyuu akeekkachiisa kennite.

Lakkoofsi namoota biyya alaafi lammummaa lama qaban, kan basaasummaan shakkamanii Iraaniin hidhaman baayyee dha.

Bara darbe nama lammummaa Biriitishii fi Awustiraaliyaa qabu basaasummaan hiite waggaa 10nin booda geeddaraa hidhamtoota Iraan sadiitiin hiikteetti.

Ahiimadriizaan qorannoo PhD isaa yaadannoosaa ummata Iraaniif taasise. Fuula jalqabaarratti, ‘’ Ummata addunyaa balaa garaagaraan du’uufi miidhamuuf, keesumaa immoo uummata magaalaa Baam’f ,’’ jedhe.

Bara 2003tti uummatni magaalaa Baam 26,271 tahutu kirkira lafaan du’e.

Digriin inni wal’aansa hatattamaa irratti hojjete du’atti na dhaqatee jedhee hin yaadne ture jetti haatiwarraasaa.

Kan inni barbaadu jireenya namaa baraaruufi balaa irraa ittisuu tures jetti.

Intalli isaanii faana abbaashee hordofuun yunivarsiitii inni PhD baratetti barachaa jirti.

Viidaan,’’yeroo intalli keenya barnoota sadarkaa lammataa qabxii olaanaan xumurtu abbaanshee waliin hin turre,’’ jettii imimmaan buusaa.

‘’Yeroo Yunivarsiitii Kaarooliniskaa galtu akkuma abbaashee damee barnootaa fayyaa filatte, ammas abbaan waliin hin jiru,’’ jechuun miira gaddaaf gammachuun dubbatti.