Iraan ittaanaa ministira ittisaa duraanii 'na basaaseera' jechuun himatte du'aan adabde

Madda suuraa, EPA
Iraan ittaanaa ministira ittisaashee duraanii 'na basaaseera' jechuun himatte Alirez Akbar du'aan adabuu miidiyaan biyyattii gabaasan.
Aanga'aan Iraan duraanii kun lammummaa UK fi Iraan kan qabudha.
Gaafa Roobii maatin isaa mana hidhaa deemuun nagaa akka itti dhaaman itti himamee ture. Haati manaa isaas qophaatti baafamee du'a eeggataa ture jette.
Alirezan UKdhaaf basaasa jedhamee hidhamee ture.
Kanarraa ka'uun murteen du'aa itti murtaa'ee ajjeeffame. Iraan murtoo ishee jijjiirtee atattamaan mana hidhaatii akka hiiktuuf UKn gaafattee turte.
Iraan garuu gaaffii UK kanaafis gurra kennuu hin dhaqne, Alirezaa Akbarii akkuma du'a itti murteessitetti ajjeeste.
Sekireetariin Dhimma Alaa UK Jeems Kileevarlee murtee du'aa kana "gochaa kaayyoo siyaasaa qabuufi mootummaa gochaa gara jabinaafi lubbuu namaaf kabaja hin qabneen dalagameedha," jechuun ibse.
Barruun oduu Iraan Mizan jedhamu akka gabaasetti, Alizeraa Akbarii fannifamee ajjeefame.
Torbee darbe keessa namni lammummaa UK qabu kuni osoo yakkamaa ta'uu isaa amanuu kan agarsiisu viidiyoon isaa mootummaa Iraanin gadi lakkifamee ture.
Haata'u garuu, BBC Pershiyaan sagalee isaa argatee akka gadi lakkisetti hiraarfamee akka yakkamaa ta'u amanu godhame.
Ministeerri Basaasa Iraan ammoo, "Alizer Akbar namoota Iraan keessatti UKdhaaf basaasan keessaa isa murteessadha" jechuun ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkuma UKn gaafatte, US illee ministeerri ittisaa duraanii Iraan kun akka hin ajjeeffamne gaafattee turte.
Jalqaba torbee kanaa odu himaan biiroo dhimma alaa UK BBCtti akka himetti, mootummaan UK maatii Alizer Akbaritiif gargaarsa ni taasisa.
Alizerin waggootaf Iraanin ala jiraataa osoo jiruu dippiloomaatii Iraan tokkoon waamichi godhameefi dhimma nikularaaa irratti haasa'uuf gara biyya isaa Iraan imaluu isaa ergaa sagalee dabarseen dubbate.
Ergaa isaa kana keessatti, akkuma Iraan gaheen icciitii biyyaalessaa dabarsee kennuun himatamee sa'aatii 3,500 oliif osoo qorannoofi hiraarsi irraa gahaa akka ture hime.
Walitti dhufeenyi UKfi Iraan jiuudd jiru yeroo dhiyoo as haala garrirra hin jiru. Keessumaa Iraan sarbama mirgoota namokomaa namoota mootummaa morman irratti raawwattuun wal qabatee UKn Iraanirra qoqqobbii erga keessan booda wal gaarreffannaan isaanii hammaatera.
Iraanis namoota lammiilee ishee lammummaa biyaa biraas qabaniifi Iraab keessa jiraatan biyyoota biroof basaasu jechuun heddu to'annoo jala oolchiteetti.












