UK'n Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan shororkeessummaan farrajuuf

Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC)

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC) waggoota 40 dura warraaqsa Islaamaa Iraan keessatti ka'e eeguf kan hundaa'edha

UK'n garee Eegdota Warraaqsa Islaamaa (Iran's Islamic Revolution Guard Corps) dhaabbata shororkeessatti farrajuuf akka jettu beeksifte.

Seerri dhaabbata kana shororkeessummaan farraju raggaanaan UK keessatti qaama Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan ta'uun ykn dhaabicha deeggaruun yakka shororkeessummaan himachiisa jechuudha.

Maddi masara mootummaa UK akka ibsetti waa'ee dhaabbata nageenyaa Iraan kana shororkeessummaan farrajuu ammatti waanti baay'een ifa ta'uu baatus mootummaan garuu garicha shororkeessatti farrajuuf karoora qaba.

Gareen Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan qaama humna waraanaa mootummaa biyyattiiti.

Bara 2019 US Eegdota Warraaqsaa Iraan kana shororkeessummaan farrajje. Amma immoo UKn itti dabalamuun garicha shororkeessaa jettee farrajuuf wixinee seeraa qopheessitee akka jirtutu himame.

Bara darbe irraa kaasee UK'n ijjannoo Iraan irratti qabdu cimsaa dhufteetti.

Sababni ammoo bara darbe qofa Iraan kallattiidhaan Biritiish ykn namoota UK keessa jiraatan irratti wantoota yaaddoo ta'an 10 uumtetti kan jedhudha.

Bara darbe ji'a Sadaasaa keessaa gareen Iraan ajjeechaa raawwatu gaazexeessaa dhalataa Iraan lammii UK ta'e irratti London keessatti yaaliin haleellaa godhamee ture kan jedhu gabaasni ture.

Torbee darbe ammoo Eegdonni Warraaqsa kun mormii ji'oota darbaniif Iraan raasaa tureen wal-qabatee namoota UK waliin hidhata qabu jedhe torba to'annaa jala oolchera.

UK'n garee kana shororkeessummaan farrajuuf hojii shororkaa garichi raawwatu qofa osoo hin taane, yaaddoo inni UK fi lammiilee Biritiish biyyaa ala jiraatan irratti uumu ilaalcha keessa galchuu qabdi.

Seerichi ragga'ee UKn garee kana shorokeessaadha jettee farrajji taanan, miseensa ykn qaama garichaa ta'uu qofa osoo hin taane ilaalchi garichi qabate deeggaruun, beeksisuun, miseensota garichaa qunnamuun, asxaa ykn alaabaa garee kanaa qabatanii argamuun yakkamaa nama taasisa jechuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Murteen UKn garee Eegdota Warraaqsa Islaamaa (Iran's Islamic Revolution Guard Corps) irratti fudhattu kamiyyuu waa'ee sagantaa nikulara Iraan gabbisaa jirtu irratti marii gara fuulduraatti taasifamu kan danqu ta'a.

Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan waggoota 40 dura warraaqsa Islaamaa Iraan keessatti ka'e eeguf kan hundaa'e yoo ta'u amma baha giddu galeessaa keessatti qaama waraanaa ga'uumsa addaa qabu jedhama.

Akkasumas humna waraanaa guddaa ta'ee qaama Iraan ittiin mootummoota michuu ishee ta'an aangessituudha.

Gareen Eegdota Warraaqsaa kun baha giddu galeessaa keessatti milishoota biyyoota michuu Iraan ta'an leenjisuufi aangessuudhaan beekama.

Ji'a darbe keessa ministeerri dhimma alaa UK Jeems Kileeverliin garee waraanaa Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan kanarra guutummaan qoqqobbiin kaa'amuu beeksisee ture.

Garuu tarkaanfiin dabalataa akka fudhatamuuf miseensonni parlaamaa UK mootummaa irratti dhiibbaa gochuu itti cimsan.

Iraan yeroo ammaa waraana miseensa garee Eegdota Warraaqsaa ta'an 190,000 ol akka qabdutu himama.