‘Iraan, amma Raashiyaaf deeggarsa meeshaa waraanaa guddaa taasifti-US

Yuukireen biyyi Iraan diroonii Raashiyaatti erguu himataa turte

Madda suuraa, Reuters

Raashiyaafi Iraan hariiroon tumsa gama waraanaatiin qaban sadarkaa olaanaarra qaqqabuu Ameerikaan beeksisfte.

Raashaan akkaataa hin eegamneen Iraan deeggaraa jirti jedhan Dubbi-himaan Kaawunsilii Dhimma Nageenyaa Ameerikaa Joon Kirbi.

Ameerikaa gabaasni argatte akka agarsiisutti, biyyoonni lamaan dirooniiwwan walta’iinsaan oomishuuf jiru.

Awustiraaliyaan gama isheetiin lammilee Iraan sadii fi daldalaa Iraan kan biraa tokkos Raashiyaa waraana Yuukireen keessatti gaggeessitu tumsuuf diroonii dhiyeessaniif jettu qoqqobde.

Tumsi Iraanii fi Raashiyaa tibbbana kun Yuukireen kanaan dura Raashiyaan dirooniwwan Iraaniitti gargaaramuun haleeluu himataa turte ifatti mul’ise.

Iraan jalqaba dirooniwwan waraaanaa kamiyyuu Raashiyaatti hin ergine jechuun haaltee turte, boodarra garuu otoo Yuukireen hin weeraramiin diroonii dhiyeessuufi amante.

Qondaalli Dhimma Nageenyaa Ameerikaa Joon Kirbiin akka himanitti, Iraanii fi Raaashiyaan waltumsanii diroonii oomishuun Yuukireen, olloota Iraanii fi hawaasa addunyaa miidha.

‘’Raashiyaan Iraan waliin dhimmoota akka meeshaalee waraanaa tolchuu fi leeenjiirratti waliin hojjachuu feeti,’’jedhan.

Pirezedantii Raashiyaa Puutinii fi gitasaanii kan Iraan Ibiraahim Ra'isii

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti dabaluun qondaalli kun ‘’Raashiyaan meeshaalee waraanaa ammayyaa kan akka helikoptarootaa fi farra xiyyaaraa Iraaniif kennuuf jiraachuun Ameerikaan yaaddoo qabdi,’’jedhan.

‘’Iraan biyya meeshaa waraanaatiin Raashiyaa deeggartu ishee ijoo taate,’’ jedhan Dubbi-himaan Kaawunsilii Dhimma Nageenyaa Ameerikaa Joon Kirbi.

‘’Raashiyaan dirooniwwan Iraanitti gargaaramtee bu’uuralee misoomaa Yuukireen haleeluun namoota miliyoonaan lakkaa’aman ibsaa malee hanbistee, tajaajiloota bu’uuraa ijoo addaan kute. Namoonni Yuukireen jiraatan gocha Iraan raawwatteen du’aa jiru,’’ jedhan.

Yaada Kirbin dubbatan ilaalchise yaada kan kennan Ministirri Dhimma Alaa UK Jeems Keleverlii, Iraan biyya meeshaa waraanaatiin Raashiyaa deeggartu keeessa tokkodha, hariiroon isaanii nageenya addunyaaf yaaddoodha jedhan.

Waliigalteen’’badaan’’ biyyoota lamaan gidduutti uumame bu’uureffachuun Iraan dirooniwwaan dhibbaan lakkaa’aman Raashiyaatti ergite jedhan.

Raashiyaan ammoo deebii kanaaf deeggarsa waraanaa fi teekinikaa bulchiinsa Iraaniif kenniti. Kuni ammoo michoota keenya Baha Giddugaleessaafi addunyaatti yaaddoo jabeessa,’’ jedhan.

Itti dabaluun, misaayiloota dabalatee deeggarsi Iraan meeshaa waraanaa Raashiyaaf kennitu ji’oota ittaanan keessatti akka dabaluu UK’n ni amanti jedhan.

Yuukireen biyyi Iraan dirooniiwwan badanii baleessan ‘’kamakaazii’’ jedhaman Raashiyaaf dhiyeessiti jechuun himattee turte.

Iraan garuu himannaa kana erga haaltee booda gara boodaa’’dirooniwwaan muraasa waraanni Yuukireenitti otoo hin jalqabiin ji’oota muraasa dura Raashiyaatti ergineerra,’’jette.

Pirezedantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskiin gamaa isaaniitiin kan Iraan jette sun ''dubbii dharaati'' erga jedhanii booda Yuukireen guyyaatti dirooniiwwaan Iraan 10 kuffisaa turte jedhan.