Iraan hogganaa kamiin bulaa jirtii?

Hiriira mormii du’a dubartii mana hidhaa keessatti mudate hordofuun biyyattii guutuutti gaggeefamaa jiru irratti humnootiin nageenyaa tarkaanfii cimaa fudhataa jiru.
Shamarreen wagga 22 Mahsaa Amiinii sirriitti rifeensa ishee hin haguugganne jedhamuun to’atamte turte.
Mormii biyyattii guutuutti gaggeeffamaa jiruun walqabate yoo xinnaate namoonni 150 ajjeeffamuu gareewwan mirga namoomaaf falman ni himu.
Ofii namoota hiriiraaf bahan irratti tarkaanfiin humnaa akka fudhatamuuf kan murtessu eenyu?
Aanga'aan olaanaa eenyu?
Iraan keessatti aangoo olaanaa irra kan jiran Ayaatolaah Alii Komaanii, erga bara 1989 kaasee hogganaa olaanaa biyyatiiti.
Aanga'aan ittigaafatamaa biyyattiifi ajajaa olaanaadha. Akkasumas, poolisii biyyaaleessaafi poolisii naamusaa, kanneen Mahsaa Aminii jedhaman to’atan irrattis aangoo qabu.
Kana malees,Ayaatolaah Komaanii Garee Eegdoota Waraaqsa Isalaamaa (IRGC), kan nageenya keessootiif ittigaafatamoo ta’an fi damee tola-oltootaa kan ta’an Humna Diddaa Baasijiis ni to’atu.
PirezidantiEbraahim Raa’isin qondaalaa olaanaa filatamaniifi sadarkaa aangootiin nama laafadhaa.
Innis hojiiwwan guyyaa guyyaa mootummaatiif itti gaafatamadhaa. Akkasumas, imaammata keessoofi dhimmoota alaa irratti dhiibbaa olaanaa qabu.
Haata’u malee, aangoonsaa, keessattuu gama dhimmoota nageenyaatiin baayyee daangeeffamaadha.
Ministeera dhimma biyyaa pirezidaantiitu humna poolisii biyyaaleessaa, kan hiriirtoota irratti tarkaanfii fudhatan gaggeessa.
Haata’u malee, ajajaan isaas ammoo Ayaatolah waan mudameef itti waamamni isaas kallattiin isaafiidha.
Haaluma walfakkaatunis ajajaan Garee Eegdoota Warraaqsa Islaamaa fi kan Baasijii isumatti waamamu.
Kanaaf, hogganaa olaanaan mormiin humnaan akka dhaabbatu yoo barbaadan, pirezidaantichi filannoon qaban baay’ee murtaa’aadha.
Akkasumas, aangoon pirezidaantii paarlaamaa kan seera haaraa tumuun madaalama.
Manni-maree Egdootaa kan michuuwwan hogganaa olaanaa hammate ammoo seerawwan raggaasisuufi sagalee kennuuf aangoo qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin naamusaa eenyufaadha?
Poolisiin naamusaa ykn paatirooliiwwan qajeelchaa qaama pooliisii biyyaaleessaati.
Humnichis bara 2005tti akka naamusaafi seerawwan Islaamaa kabachiisaniif hundaa’e. Kunis ‘uffannaa sirrii’ kan bara 1979 Warraaqsa Islaamaatiin boda baheedha.
Innis qondaaltoota dhiiraafi dubartoota 7,000'tti tilmaaman kan aangoo akeekkachiisawwan baasuu, adabbii kaa’uufi shakkamtoota hidhan qaba.
Pirezidaantii Raa’isii harbeessaa kan ta’anis, dhiheenya seera hijaabaa hojiirra oolchuuf tarkaawwan haaraa hedduu baasan.
Dubartoota hin haguuggatiin adda baasuuf jechas kaameeraawwan hojiirra olfamu. Namoota miidiyaa hawaasaa gubbaatti hojiirra oolmaa hijaabaa morman irratti hidhaan dirqii ni labsame.
Eegdoonni Warraaqsaa eenyufaadha?
Eegdoonni Warraaqsaa waraana idileetiin addatti kan hojjataniidha. Garee Eegdoota Waraaqsa Isalaamaa Iraan keessatti nageenya eegsiisuuf dhaabbata isa mummeedha.
Innis erga waraaqsa sirni Islaama bayyattii injifateen booda kan ijaarameedha. Garee Eegdoota Waraaqsa Isalaamaa amma Iraan keessatti miseensoota isaa 150,000 ol qabachuun human waraana, siyaasa fi dinagdee cimaadha.
Innis humnoota lafoo kan mataasaa kan qabuufi meeshaalee waraanaa sirnaawaa kan to’atuudha.
Innis garee ‘Quds Force’ jedhamu kan to’atu yoo ta’u, garichis icciitiin kan maallaqa, meeshaa waraanaa, teknoloojii fi leenjii michoota Jidduugala Bahaatiif kennuudha. Akkasumas Humna Diddaa Basij ni to’ata.
Baasijiin eenyuu?
Humni Diddaa Baasij kan duraan Dhaabbata Gargaarsa Warra Cunqurfamanii (Organisation for the Mobilisation of the Oppressed) jedhamuufi kan bara 1979tti akka dhaabbata loltoota tola-oltotaatti hundeeffame ture.
Innis ollaa fi magaalaa Iraan hunda fi dhaabbilee biyyattii baayyee keessatti dameewwan qaba.
Miseensoonni dhiiraafi dubartoota dhaabbata kanaa ‘‘Basijis’’ jedhaman, warraaqsichaaf amanamoo fi ajaja IRGD jalatti bulu.
Kanneen gara 100,000 ta’anis hojiiwwan nageenyaa biyya keessoo akka hojjatan amanama. Isaanis erga waldhabdee filannoo bara 2009 asii qabee mormiiwwan farra mootummaa irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu keessatti baay’inaan himaatan.












