Iraan jaalaleewwan daandii gubbaatti shubbisan hidhaa waggaa 10 itti murte

Jaalalleewwan shubbisan
Ibsa waa'ee suuraa, Jaalalleewwan shubbisan

Cimdiiwwan Iraan umriin isaanii digdamoota keessa jiru daandii Teehraan irratti yoo shubbisan waraabanii miidiyaa hawaasaarratti erga qoodan booda to'atamanii hidhaan ganna 10 irratti murtaa'e.

Jaalalleewwan kunniin kan himataman malaammaltumma fi sagaagaltummaa jajjabeessuu akkasumas piroopaagaandaa oofuuni.

Viidiyoo lameen isaanii Inistaagiraam gubbaatti gadhiisan kan agarsiisu yeroo isaan wal baachaa gamoo Azaadii jedhamu biratti shubbisanidha.

Iraan ji'oota dura dubartiin tokko seera safu cabsitee jedhamtee poolisiin qabamtee, mana hidhaa keessatti erga duutee booda hokkorri dhalachuun booda murtee jajjabaa fudhachaa jirti.

Daraggoonni kunniin shubbisa isaanii malee mormii biyyattii keessa deemuun wanti walqabsiisanii jedhanis ta'e agarsiisan hinjiru.

Maddi BBC mooniitariing tokko jaalalleewwan dhiiraafi dubaraa kunniin viidiyoo isaanii Inistaagiraam gubbaa erga qoodanii booda qabaman jedha.

Lameen isaanii walitti hordoftoota miiliyoona lama ta'u qabu.

Dubartiin ganna 21 Astihaas Haqiiqi fi jaalelleen ishee Amiir Mohaammad Ahimadi kan ganna 22 himannaawwan adda adddaa sadiin himataman.

Qabamuu isaanii duras manni maatii Haqiiqii sakatta'ameera. Dubartiin kun ogeettii dizaayinii uffannaa faashiniiti.

Himannaawwan sadaniif murteen hidhaa waggaa meeqaa tokkoon tokkoon isaaniif akka irratti murtaahe adda bahee hin beekamne.

Haata'uyyuu malee, walitti garuu hidhaa waggaa 10 fi ji'a jahaan adabaman.

Yoo ol-iyyannoon isaanii fudhatama argate himaannaawwan sadan keessaa isa adabbiin isaa guddaa ta'e tokkotti gadi hir'ataaf jedhameera.

Dabalataanis cimdiiwwan kun miidiyaa hawaasummaa waggaa lamaaf akka hin fayyadamne adabbiin irra taa'eera. Biyyaas akka hin baane dhorkamaniiru.