Iraan haleellaa diroonii irratti gaggeeffame qoladhe jette

Madda suuraa, EPA
Iraan haleellaa diroonii buufata waraanaa ishee magaalaa Isfahan keessatti argamurratti qiyyaafate fashaleessuu beeksifte.
Ministeerri Ittisaa biyyattii akka jedhetti yaaliin haleellaa kan gaggeeffame dirooniiwwan sadii fayyadamuun yoo ta'u miidhaan homaatuu osoo hin qaqqabiin qolachuu ibse.
Dirooniin tokko mala farra haleellaa qilleensarraan rukutamte yoo kuftu, dirooniiwwan lama ammoo "kiyyoo ittiin qabanii kuffisaniin" qabamanii kufamanis gamoo tokkorra miidhaan gahuu ministeerri ittisaa Iraan ibseera.
Haleellaa gaggeeffame jedhame kanaaf ammatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Ministirii dhimma alaa Iraan Huseen Amiir Abdullaahii taaten "lugnummaa" kun Iraan jeequdhaaf kan kaayyeffatameedha jedhan.
Ta'us yaaliin haleella kun "Iraan nikularaa kaayyoo naga qabeessaaf gabbisuuf kutannoo qabdu" duubatti akka hin deebisne ta'u dubbatan.
Dubbii himaa Pentaagon kan ta'an Birgaader Janaraal Paatrik Raayider US haleellaa kana keessaa qooda akka hin qabne ibsuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Haleellaan kun kan gaggeeffame yeroo dhimma gabbisa nikularaa Iraan irratti muddamni jiruufi Iraan Raashiyaadhaaf dhiyeessii meeshaalee waraanaa gooti jedhamtee komatamtuttiidha.
Miidiyaan biyya keessaa ministeera ittisaa Iraan waabeffachuun akka gabaasetti haleellaan diroonii kun kan gaggeeffame gaafa Sanbataa halkaniidha.
Miidiyaan Iraan IRNA jedhamu akka gabaasetti haleellaan diroonii kan qiyyaafate warshaa oomisha meeshaa waraanaa irrattidha.
Bakki haleellan kun itti raawwate bulchiinsi Isfahan bakka buufanni humna qilleesarraafi buufanni gabbisa nikularaa biyyattii itti argamuudha jedhame.
Waggoota dhiyoo as Iraan keessatti dhohiinsi, balaan abiddaafi haleellaan saayibarii bu'uuraalee nikularaafi waraanaa irratti xiyeeffate mudataa jira.
Bara 2021 balaa abiddaa buufata nikularaa Iraan magaala Nataanzitti gaggeeffame hordofee Israa'eltu harka keessaa qaba jechuun balaaleffattee turte.
Bara 2020 ammoo ajjeechaa saayintistii nikularaa Iraan Mohsen Fakrizadeh irratti gaggeeffameefis Israa'el balaaleffattee turte.












