Saalaaddin Sayiid baroota kubbaa miilaa taphataa dabarse maal hima?

Madda suuraa, Kidus
Saalaaddin Sa'iid jaalala kubbaa miilaaf qabu maatii isaa irraa akka dhaale dubbata.
Abbaan Saalaaddin taphataa magaalaa Jimmaa ture.
Obboleessi isaa angafaa garee kubbaa miilaa Bunaa, akkasumas garee Yaman keessatti taphateera jedha.
Saalaaddiin dargaggeessa ganna 12 yeroo ture kubbaa taphachuu jalqabe.
ALI bara 1996 kilabni Kubbaa Miilaa Mugar B jalatti dabalamee deeggartoota kubbaa miilaa waliin wal bare.
Sana booda Itoophiyaa Bunnaa [Buna Itoophiyaa], Qul. Giyoorgis, Sidaamaa Bunnaaf taphate.
Piriimiyer Liigii Itoophiyaa keessa waggoota 19'tti siqu kan taphate Saalaaddiin biyyoota alaa afur dhaqee taphateera.
Erga kubbaan miilaa na gahe jedhee taphachuu dhaabuu beeksise booda BBC'n isa haasofsiiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maaliif kubbaa miilaa taphachuu dhiisuuf murteessite?
Saalaaddin: Duraa kaaasee miidhaan irra deddeebiin na mudateera. Barana dhiisuuf murteesseen ture. Garuu sababa biraa hin qabu.
Miidhaan sirra gahe akka ati sirnaan hin taphanne si dhorkee?
Saalaaddin : Inni jira; garuu yeroo dheeraaf taphadheera. Kubbaan miilaa alarraa akka ilaalamu miti.
Gaara fiigdee baata. Yeroo laachuufii qabda. Maatii yeroo horattuufi alatti hojii yeroo jalqabdummoo xiqqoo rakkisaadha. Yeroo isaatii jedheen yaada. Kanaaf jedheen tapha dhaabe.
Garee kubbaa miilaa Itoophiyaa keessatti taphattoota beekamoo ta'an keessaa ati tokko. Yeroo kubbaa miilaa taphataa turte keessatti yeroon ati hin daganneefi milkaa'inni eertu jiraa?
Salaaddin: Hedduudha. Akka dhuunfaatti kubbaa miilaa keessatti yeroo rakkoo keessaas qaxxaamureera. Yeroon adabame waggaa tokko guutuu dorgommiirraa hafe.
Maaliif adabamte?
Saalaaddin : ALI bara 2003’n adabame; Abbaa murtii waliin wadhabneetu, ana, Adaane Girmaa fi Mikii Xaaliyaan taphataa jedhamu abbaan murtii sadeen keenya adabe.
Yeroo sanatti adabbiin sun sirrii hin turre.
Waggaan tokko anaaf yeroo rakkoo ture. Haa ta'u malee, galata rabbii cimseen shaakalaa ture.
Sana booda namoota biyya alaa waliin hariiroo uumeen garee biyya alaa waliin hojjechuuf gara Sarbiyaa dhaqe.
Yeroo sana gara biyyaatti deebi'ee torban tokko osoo hin guutin Naayijeeriyaa waliin taphanne.
Tapha sanarratti hirmaadheen Naayijeeriyaa waliin 2-2 qixa baane.
Anatu goolii lachuu galchee ture. Yeroon biraa anaaf yeroo addaa ture yeroo gareen Itoophiyaa waggoota 31 booda Waancaa Afrikaaf Sudaan asitti [Finfinnee] 2 fi 0n injifannedha.
Yeroon lamaan kun yeroo yoomiyyuu hin daganne.
Yeroon taphataa pirofeeshinaalaa turtetti yeroon baay'ee rakkisaa ta’e kami?
Saalaaddin: Akkuman jalqaba himetti miidhameen ture. Awurooppaa dhaqee taphadheera. Al-Ahlii [Masrii] seenee taphadheera.
Masriis ta'e Beeljiyeem wal'aansi isaan kennan sadarkaa olaanaarra jira.
Wal'aansa ni argatta. Haa ta'u malee, miidhamuutu na dhiphisa ture. Abjuun koo guddaa ture. Abjuun koo yaada kootii ol ture.
Yeroon Al-Ahlii seenus hin rakkanne. Taphattoota yeroon argu adda natti hin taane.
Sana booda carraaqqii kee waliin ni milkoofta. Miidhamuun na rakkiseera, osoon hin miidhamne ta’ee bakka fooyya'aa nan ga'a jedheen yaade.
Miidhaan sun bakkan yaade akka hin geenye na danqeera. Wantan yaade bira hin geenye kanan jedhee yaadu kanadha.

Madda suuraa, Qiddus Goorgis
Taphoota hanga yeroo dhiyootti irratti hirmaatterratti goolii galchita ture.
Garuu miidhamaas turte maalif sitti fakkaata? Ofi hin eegganneefi ?
Salaaddin : Ta'uu mala. Garee xixiqqaa fi gurguddaa waliin yeroo taphannu hunda hangan danda’u nan taphadha, Of hin qusadhu.
Sababni isaa hojiin koo naaf kaffala jedhee waanan amaneef hangan danda’e nan taphadha. Sababni tokko isa natti fakkaata.
Miidhaa yoo jedhamu akka namaatti inuma deemta. Dhukkubbii hangas maras miti.
Miidhaa irraa kan ka'e hin fiigdu. Hin utaaltu. Kan biraa maaltu jira, yeroo taphataan kubbaa miilaa miidhamu....
Miidhaa jechuun maal seete, shaakala irratti ji'a sadii ykn ji'a afur keessatti waan argatte duwwaatti si jalaa deebisa.
Sana booda jalqabarraa eegalta. Qaamni kee dadhabeetu deebi’ee bayyanata. Miidhaa irraa bayyanachuu dandeessa.
Garuu ga’umsa keetti deebi’uuf shaakaluu qabda.
Daftee ga’umsatti deebi’uuf sochii qaamaa dabalataa hojjachuu qabda. Miidhaa jechuun miidhaa qaamaa qofa miti, miidhama sammuus ni dabalata. Kanatu ulfaataa taasisa.
Miidhama waliin wal'aansoo qabdus biyyaa fi gareewwan hiriirtee taphatteef gumaachiteetta. Miidhaa jalqabaa sirra gahe yaadattaa?
Saalaaddiin: Mugar ture; harkatu na cabe. Jeessoon jiʼa sadiif naa hidhamee ture.
Nama dinqisiifattoota ispoortii biratti beekamu Isaaq jedhamu bira dhaqeen jeessoo torban lama keessatti harkarraa naaf hiikee, na wal’aanee jennaan guyyaa digdama boodan taphatti deebi'e.
Inni miidhaa jalqabaa narra gahe ture. Kana malees baqaqsanii yaaluun jilbaa naaf taasifameera.
Dugda koo irrattis miidhaa xiqqaa qaba. Kan yeroo dheeraa narra ture isadha. Akkasumas maashaaleen kootti miidhaan ni marmaara ture.
Tapha tokko ni taphatta, ni wayyoofta, hamma ga’uumsa keetti deebitu xiqqqoo rakkachuu dandeessa; ammas deebitee miidhamta.
Bara kana qofa yeroo laman miidhame. Sun waan ta'uu barbaaddu akka hin taane danqaa sitti ta’a.
Umuriin kee hamma dabalaa adeemuu yeroon miidhaan irra fayyuuf si barbaachisa ni dabala.
Taphoota si barbaachisa. Tapha kana keessatti bu'aan fiddu ni eegama. Yeroo hunda taphataa colleetu barbaadama. Wantoonni sun immoo na dhiphisaa turan.
Sarbiyaa, Masrii, Aljeeriyaa fi Beeljiyeem taphattetta.
Ati taphataa kubbaa miilaa Itoophiyaa biyyoota hedduu dhaqee taphatee fi muuxannoo horatan keessaa tokko.
Yeroo biyyoota kana turte dhuunfaan muuxannoo akkamii argatte?
Saalaaddin : Ani kanan arge dargaggoonni ol guddataa jiran otoo arganii nan gammada. Yookaan nama ogummaa kana keessa jiru otoo hordofanii nan gammada.
Yeroon Al-Ahlii ture garichi guddaadha. Yeroon seenee taphattoonni sarara fuulduraa na waliin taphatan argu, shaakala irratti waan hojjennu yeroon argu, kubbaan miilaa qajeelummaa barbaada.
Barumsi guddaan ani baradhe adda ta'uu jechuun samii keessa fiigaa jiru jechuu miti, akkuma keenya, adda miti, taphataan as jirus taphachuu danda'a.
Wanti addaa immoo hin jiru. Taphataan Itoophiyaa kamuu dhaqee taphachuu ni danda'a.
Akkuman jedhe garaa qulqulluu fi of amansiisuu si barbaachisa.
Yeroo biyya alaa taphaaf garee biyyaleessaaf ta’ee kilabiif dhaqnu wanti xiqqoo nu rakkisu of amansiisu dhabuudha.
Ta'uu akka danda'u yoo deemtee qaamaan argite jijjiiramni ni jiraata jedheen yaada.

Madda suuraa, Getty Images
Garee idil-addunyaatiif yeroon taphadhu na keessa homtuu hin jiru.
Kilabii tokko keessatti garee biyya alaa waliin yeroon taphadhu keessa koo waanti addaa homtuu hin jiru. Waan argeef jechuu kooti.
Ijoolleen na waliin taphatan miira akkasii akka qabaatan hawwa. Wanti guddaan ani baradhe waan addaa miti.
Wanti ani asitti arge achi jira. Wanti ani achitti argees as jira. Kun waan guddaa ani biyya alaa irraa baradhe.
Waggoota 20 kubbaa miilaa taphataa turte keessatti maal milkessee jettee yaadda?
Saalaaddin : Kubbaa miilaatiin bu'aa hedduu argadheera. Waan hundumaa dura kubbaa miilaa nan jaalladha,
Jaalallin qabuuf guddaadha, ijoollummaa kootii kaasee jechuu kooti. Maatii koo kubbaa miilaatiin hore.
Jireenyi koo guutuun kubbaa miilaa irratti bu’uureffame. Sababa kanaan daldala keessa seene. Ani dirree keessaattis ta'e dirree ala waan hedduu milkeessseera.
Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota 31 booda waancaa Afrikaaf darbuus, gara Waancaa Afrikaatti deebi'uu hin dandeenye.
Waggoota hedduuf taphataa waan turteef, akka ilaalcha keetti rakkoon ijoo kubbaan miilaa Itoophiyaa qabu maali?
Saalaaddin : Sababa tokkoffaan muuxannoo dhabuu taphattoota keenyaa ta’uu duraan himeera.
Hunda caalaa yeroon garee biyyaalessaa keessa ture yeroo hunda waanan jedhu qaba. Kubbaan miilaa obsa barbaada.
Leenjisaan tokkos dhufee waan jiru diigee garee mataa isaa ijaara. Garee tokko hojjechuuf waggaa sadii hanga afuriitti fudhata.
Garee ijaaruuf waggaa sadii ykn afur fudhatu namni biraa dhufee yeroo balleessu duubatti deebi’a.
Kun waan yeroo baay'ee kubbaa miilaa keenya keessatti osoo hin hubatamiin hafu.
Kubbaan miilaa beekumsa barbaada. Garee ijaaruun yeroo fudhata.
Bara kana taphattoota 15'n sadarkaa olaanaa qaban yoo fidde bu'aa qabeessa ta'uu dhiisuu dandeessa. Garuu akkuma walitti dabalamtee garee ijaarta.
Waa xiqqaan rifachuun ni jira, kun ammoo gatii nu baasisa. Garee biyyaalessaa keessatti leenjistoota hedduutu na leenjise.
Garee leenjisaa Sawunnat Bishoow kan ijaare, leenjisaan alaa yeroo dhufummoo kan ofiisaa ijaara.
Yeroo inni deemus leenjisaan biyya keessaa ni dhufa. Kan ofii ijaara. Kubbaan miilaa keenya akkasitti bu'aa dhabe.
Garuu dandeettiin taphatichaa hin badu. Kun yoo sirreeffame garee cimaan waggaa lama, sadii ykn afur keessatti uumuun ni danda’a. Taphataan taphachuu danda'u ni jira.
Taphattoonni erga tapha irraa fagaatanii booda ni rakkatu. Ati galii amansiisaa argattee tapha dhiiftee?
Saalaaddin: Nan hojjadha; hojii ijaarsaa hanga tokko hojjataan jira. Gamoo xiqqoo tokkoos nan qaba. Ani dhuunfaan nan hojjadha.
Alhamdulillahi [Galata Waaqaa] anaa fi maatii kootiif gahaadha (kolfa). Haala gaariirran jira.
Kana booda waa'ee kubbaa miilaa maal yaadda?
Saalaaddin : Kubbaa miilaa yeroo dheeraan taphadhe. Dadhabbii sammuu fi qaamaas qaba.
Amma boqonnaan yeroo dheeraa na barbaachisa jedheen yaada. Sana booda maaltu ta'a, yeroon boqonnaa gahaa argadhe jabaadhee wayitan deebi'u, rabbii biraa wanti naaf qophaa'e jiraachuu mala.
Nuti kanaaf sababaa ta'uudha. Garuu ammaa waantiin yaaduu guutumaan guutuutti boqonnaa qofa.
Leenjisaan ta'a jettee yaaddee beektaa?
Saalaaddin : Yaadee hin beeku; Kanan jaaladhu taphachuu ture. Amma ijoollee qaba. Ijoolleen koos taphattoota kubbaa miilaa otoo ta'anii nan gammada.
Kilaboota biyya keessaa ykn biyya alaa irraa kam deeggarta?
Saalaaddin : Biyya keessaa ani deeggaraa Giyoorgiisi. Kilaboota biyya alaa keessaammoo Arsenaal fi Riyaal Maadiriidin deeggara.
Taphattoonni hoo?
Saalaaddin : Taphattoonni colleen hedduun biyya keessaa jiru. Tarreessuuf baay'ee ta'a.
Akkuman duraan dubbadhetti, xiin-sammuusaanii yoo cime hundisaanii dandeettii qabu jedheen yaada.
Taphattoota biyya alaa keessaa Teerii Henirii nan dinqisiifadha.
Hunda caalammoo amma ani deeggaraa Roonaaldooti. Jireenyi Roonaaldoon dirree kubbaa miilaan alatti jiraatu daran akkan isa dinqisiifadhu na taasise.












