Daawwaa Hoxxeessaa: 'Kubbaa miilaan sadarkaa guddaa gahuu nan barbaada' - Taphataa garee Itoophiyaa

Madda suuraa, KENZO TRIBOUILLARD/Getty Images
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Nairobi
Ijoollummaatti tikee ture. Horii warrasaa tiksaa, barumsas barata. Ta'us, garaan isaa kubbaa jaalate. Dirree mana isaanii fuuldura jiru yookiin dallaa mana isaanii bal'aa ta'e keessa kubbaa ari'a ture.
Warri isaa kubbaa taphatuu isaa hin feene. Inni garuu itti ciche. Sababa kanaan dikama [adabbii] baay'ees dikame [adabame]. Ejjennoon isaa abbaa isaa bulchaa aanaa turanillee rakkise.
Xumurarratti filannoon lama dhihaatef; 'barumsaafi kubbaa miilaa keessaa tokko filadhu?' kan jedhau. Filachuuf hin rakkanne, kubbaa filate. Ilmi Gujii biyya bunaatti dhalate buna caalaa kubbaa miilaa caalsifate.
Osoo kubbaa taphatuu jaalallees argate. Kubbaanis tura keessa jireenya gaariitti isa baase. Biyyaafis gumaate. Miidhama booda yeroo jalqabaaf Waancaa Afrikaa irratti hirmaatee ofiifis biyyaafis waan haaraa dalage.
Waancaa Afrikaa Kaameroon qopheessite irratti gareen Itoophiyaa walumaa gala tapha sadiirratti galchii lama galche. Lamaan keessaa tokko kan dargaggoo abbaa ijoollee lamaa kanaati.
Galchiin kuni galchii jalqabaa walmorkii kanarratti galcheefi keessumaa boqonnaa dura gareen Itoophiyaa qopheessituu walmorkichaa haalaan itti morkate turedha.
Maqaan isaa Daawwaadha, Daawwaa Hoxxeessaa. Ijoollummaa, kaayyoo, guddinaafi imala isaa kubbaa miilaa irratti BBC waliin turtiin taasise kunooti.

Qarcaa - Biyya bunaa
Ani Godina Gujii Lixa, Magaalaa Qarcaa keessatti dhaladhee guddadhe. Mucaa magaalaati, Ganda 01. Yoggaa sana Aanaa Qarcaadha, amma magaalaa Qarcaa jedhamti.
Bakkan dhaladhee guddadhetti taphataan as bahe anuma, namni biraa hin jiru [hin beeku].
Qarcaan oomisha bunaan baay'ee beekamti. Warqeedhaanis. Kuduraafi muduraa, miidhaan gosa garagaraas ni omishama.
Ani buna nan dhuga. Garuu guyyaatti siinii tokko ala hin dhugu. Horiis, aannan horiillee baay'ee jaaladha. Aannan ijoollummaakootti dhuge na cimseera jedhee yaada.
'Bakka an ciisetti na tumu'
Yeroo ijoollummaa kaasee kubbaa miilaa taphachuuf fedha qaba ture. Mana keenya fuuldura dirreen waan jiruuf achittis, qe'ee keenya keessattis lafni bal'aa waan tureef kubbaa taphadhan ture.
DSTV [Televijinii saatalaayitii] ]biraas hin fagaadhu. Televijinii ilaaluuf qarshii nama kanfalchiisu. Daa'ima waan tureef qarshii argachuun rakkoo ture.
Maatiin keenya horii baay'ee qabu. Nuti tiksituu turre. Horii qofa tiksina, achiin immoo gara mana barumsaa deemna. Ani kubbaa jaaladhus maatiin koo kubbaa miilaa akkan taphadhu hin barbaadan ture, nan deeggaranu.
Sababa kubbaatiin dikama [adabbii] baay'ee dikameera [adabameera]. Horii bakka biraatti dhiisee gara dirree deemee taphadhee horii gara manaa galcha ture.
Yooggas bakka an ciisetti dhufanii na tumu, keessumaa abbaakoo. Animmoo kubbaa miilaa kanarraa akka na dhorganu hin barbaadu ture.
Yeroo kubbaa miilaa irraa na dhorgan sagalee [nyaata] illee mana keessaa hin nyaadhu. Hanga kutaa sagal baradhu kana keessa darbe. Kutaa sagalitti abbaan koo maali fedhiinkee jedhee na gaafate.
Anis kubbaa dhiisuu dide. Ani kubbaa itti fufuu barbaada jedhee itti hime. Achumaan barumsa dhiise. Barumsaanis sadarkaa guddaa gaha jedhee nama yaadu ture hoggaa sana.

Madda suuraa, Dawa Hotessa
Abbaankoo kana dura bulchaa Aanaa Bulee Horaa ture. Eega hojii dhiisemmoo qonnaan bulaadha.
Suutuma suuta mana barumsaaf, akkasumas muuxannoo haa fudhatu jedhanii aanaa bakka bu'ee Nageellee Booranaatti na fuudhaa deemaa turani.
Nageelleen yeroo sana Liigii Oromiyaa keessa taphata ture. Nageelleef yeroo taphadhu kaffaltiin kiyya yeroo jalqabaatif qarshii 300'n ture. Yeroos pirojektii jedhamti.

- Hojjaa: 1.87cm
- Barumsa: 9'tti adda kute [ALI bara 2005], eegasii itti hin fufne.
- Umrii: 26 [ALI 1988 dhalate]
- Karoora? : Pirofeeshinaala ta'un sadarkaa guddaa gahuu
- Waan si bashannansiisu?: Geemii [play station], puulii taphachuu, maatii waliin turuu
- Weellisaa jaalattu? : Hacaaluu Hundeessaa
- Bakka taphatuu feetu? : Fuuldura
- Leenjisaa jaalattu? : Ashannaafii Baqqalaa [leenjisaa duraanii Adaamaafi Waaliyaa]
- Qarshii guddaa ji'aan siif kanfalame?: Birrii 150,000 (kana dura, Adaamaatti)

Abbaa ijoolleeti
Jaalalleen kiyya atileetiksii akkasumas kubbaa miilaa jaalatti. Ta'us, ishiin ispoortii dhiiftee barumsa qofa itti fufte. Jaalallee kiyya ijoollummaan fuudhe. Jaalallee waggaa dheeraati.
Waggaa 6 dura maatii waliin godhanne. Amma daa'ima lama qaba. Jireenyi kiyya magaalaa Adaamaadha. Mana bitadhee waan qabuuf kiraa manaa hin kanfalu.
Daawwaa jechuun bosona guddaa namni ka tuquu hin dandeenye jechuudha. Hoxxeessa jechuun nama halkan gidduu keessa dhalate jechuudha.
Lafa dhalootakoo yeroo boqonnaaf deemu pirojektii garagaraa gidduu dorgommii taasisaa ijoolleen akka cimtu sochii godha. Dhihoo garuu sababa nageenyaan gara bakka dhalootaa hin deemne.

Eegan kilaba Pirimiyeer Liigii taphatutti makame waggaa torbaffaakooti. Kilaboonni ani taphadheef:
- National Cement (Dirree Dhawaa)
- Qiddus Goorgis - waggaa lama taphadhe
- Kilaba Adaamaa - waggaa afur taphadhe
- Kilaba Haadiyyaa Hosaa'inaa - waggaa tokko taphadhe
- Amma Adaamaatti deebi'e taphataa jira

Guddaa gammade
Waancaa Afrikaa jechuun sadarkaa guddaadha. Sadarkaa guddaarra taphadhee galchuu kiyyaan gammachuu guddaatu natti dhagahame.
Osoo ramaddiirra dabarre caalaatti baay'ee nu gammachiisa ture. Tapha sadii Itoophiyaan taphatte keessaa lamarratti [Kaamerooniifi Burkinafaasoo] hirmaadhe.
Waancaa Afrikaa irratti taphattoota beekamoo keessaa lammii Senegaal Saadiyoo Maanee [Liivarpuulif taphata], akkasumas lammii Gaanaa Toomaas Paartey [Arsenaalif taphata] argeera.

Madda suuraa, Dawa Hotessa
Garee Itoophiyaa wanti hanqatu hin jiru. Garuu, akka taphataatti wanti nuti hojjechuu qabnu baay'eetu jira. Fakkeenyaaf teknikaan malee ga'umsa qaaamaan [physical] isaaniin wal hin arginu.
Waancaa Afrikaan booda kilabiin alaa qaamaan dhufee na dubbise hin jiru. Garuu eejantoonni [bakka buutonni] garagaraa karaa inistaagiraamii na dubbisan jiru.
ALI 2007 jalqabee garee biyyaaleessaa irratti hirmaachaa jira. CECAFA [walmorkii taphattoonni liigii biyya keessaa qofti irrati taphatan] irrattis hirmaadheera.
Ta'us, akka atileetotaatti Itoophiyaa sadarkaa guddaa dhaqqabsiisuu dhabuu keenyaan baay'een aara. Akka nama tokkootti ani nan aara. Ani waan baay'ee tolchuu barbaada biyya kanaaf.















