Pirezidaantiin Iraan haleellaa Israa'eliin madaa'aniiru jedhame

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Kasra Naji
- Gahee, BBC Persian
Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan haleellaa Israa'el ji'a darbeen madaa'anii akka ture himame.
Miidiyaan mootummaa Iraan Farsi jedhamu akka gabaasetti, Waxabajji 16, yeroo pirezidaantiin Iraan Masuud buufata lafa jalaa tokkotti wal gahii ariifachiisaa gaggeessaa jiran karaa galma buufatichaa Israa'el boombiiwwan jaha buustee ture.
Pirezidaanti Masuud yeroo Israa'el haleellaa kana raawwattu Mana Maree Nageenyaa Olaanaa Iraan waliin wal gahii ariifachiisaa gaggeessaa turan.
Miidiyaan kun Humna eegumsa warraaqsaa Iraanitti dhiyeenya qaba.
Yeroo qondaalonni kaan karaa hulaa yeroo hatattamaa bahan haleellicha jalaa miliqan pireizdaantiin Iraan kun ammoo miilara miidhamanii ture jedhe miidiyichi.
Iraan amma basaastota Israa'el hanga handhuura biyyattiitti galuun icciitii jalaa baasanii fi iddoowan gaggeessitoonni biyyattii jiran Israa'eliif himaa turan adamsaa jirti.
Gabaasni farsi kun qaama walabaa biraa irraa hin mirkanoofne. Israa'elis waa'ee haleellaa kanaa irratti homaa hin jenne.
Viiidyoon miidiyaa hawwaasaa irratti maxxanfame tokko Kaaba Lixa Teeraan gaara tokko cinaatti haleellaan irra deddeebiin yeroo raawwatu agarsiisa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kun yeroo waraana guyyaa 12 Israa'elii fi Iraan gidduutti raawwatedha.
Amma odeeffannoon bahe haleellichi buufata icciitii lafa jalaa jiru gaggeessitoonni Iraan olaanoon keessatti wal gahanii turan irratti kan qiyyeeffate ture jedhe.
Israa'el Iraan irratti haleellaa qilleensarraa bantee gaafa guyyaa arfaffaa akka tahe odeessaaleen bahan himaniiru.
Gabaasni miidiyaa Farsi jedhamu akka jedhutti Israa'el hulaa buufaticha ittiin seenanii fi bahan jaha, akkasumas veentileeterii qilleensa galchuuf danqitee ture.
Tajaajilli elektirikii buufata lafa jalaa kanaaf galus addaan citee ture.
Haa tahu malee pirezidaantiin Iraan Pezeeshkiyaan iddoo nagaa qabeessatti bahuu danda'eera.
Manni Maree Nageenyaa Olaanaan Iraan qaama hogganaa olaanaa biyyattii Ayaatolaa Alii Kaameeniitti aanee murtee gurguddaa kennudha.
Torban darbe Masuud Pezeshkiyaan Israa'el isa ajjeesuuf akak yaaltee ture himatan.
Ministirri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaat garuu himata kana haalan. ''Galmi Israa'el qaama bulchiinsaa Iraan jijjiiruu hin turre'' jedhan.
Israa'el waraana guyyoota 12'f ture keessatti hoggantoota olaanoo IRGC dhabamsiifteetti. Guyyuma jalqabaa hoggantoota waraanaa Humna Eegdota Warraqqsa Iraan ajjeeste.
Hoggantoonni olaanoo Iraan haleellaa gonkuma hin eegne akka taheefi sa'a 24 tahuuf murtee dabarsuufillee rakkoo keessa akka galan himan.
Israa'el ammoo Ayatolaa Alii Kaameenii qiyyeeffannaa isaanii keessa akka turan himte.
Garuu Ayaatolaa Alii Kaameenii iddoo hin beekamnetti geeffamuun akka dhokatan himame. Sana booda ija addunyaa irraa dhokatanii turan.
Hanga ammaatti Israa'el akkamiin hoggantoonni olaanoo Iraan bakka tokkotti akka walitti qabamanii fi sa'aa isaanitti wal gahan akka odeeffannoo funaannate ifa miti.
Waxabajji 13 Israa'el Iraan nuukileera hidhachuuf aduu ji'ootaa ykn waggaa tokkootu hafa jechuun buufataalee gabbisa nuukileeraa Iraan irratti haleellaa jabaa bante.
Waxabajji 22, Humni Qilleensarraa Ameerikaa fi Humni Galaanarraa haleellaa buufataalee gabbisa nuukileeraa Iraan irratti raawwataniin nuukileera Iraan ''guutummaatti dhabamsiisaniiru'' jedhame.
Iraan Israa'el irratti haleellaa misaa'elaa guddaa gaggeesite. Haa tahu malee gabbisa nuukileeraa boombii nuukileeraa hidhachuuf ishee gargaaru akka hin gaggeessine himte.
Yuuraaniyeemii gabbisaa kan jirtu tajaajila nageenya qabuuf qofa akka tahe himte.












