Daandii qaxxaamuraa Iraan: Gabbisa nikularasheerratti dhiibbaa US fi Israa'el irraa mudate

Ayaatolaa ali Kameenii

Madda suuraa, Getty Images

Iraan waraana Israa'el wajjin guyyaa kudha lamaaf gaggeessiteefi haleellaa US irratti gaggeessiteen heddu akka miidhamtetu himama.

Kanarraa ka'uun gaggeessitoonni biyyattii karaan qaxxaamuraa isaan mudateera: gabbisa nikularaa taasisftu akka dhaabduuf dhiibbaa irratti taasifamu dura dhaabbachuun tarkaanfii Israa'eliifi US gara fuulduraatti gaggeessuu malan eeggachuu, ykn daandii dippilomaasii filachuun gabbisa nikularaa addaan kutuu.

Ammaafa garuu Tehraan tarsiimoo siyaasaa yeroo dheeraa caalaa of baraaruu irratti xiyyeeffateera akka xinxaala madda oduu Rooyitarsitti.

Ji'a Waxabajjii keessa Israa'el gabbisa nikularaa Iraanirraa yaaddoo nageenyan qaba jechuun haleellaa gaggeessitee waraanni guyyaa 12 gaggeeffamee ture. Ameerikaan ammoo Israa'el irra goruun buufataalee gabbisa nikularaa Iraan haleeltee ofumaammoo jaarsummaa teessee Iraanifi Israa'el dhukaasa akka dhaaban gidduu seente.

Israa'el haleellaa osoo hin gaggeessin dura USfi Iraan dhimma gabbisa nikularaa Iraan irratti marii marsaa shan gaggeessanii turan. Iraan gabbisa nikularaa dhaabuun qoqqobiin akka irraa ka'u gaafatti US. Iraan ammoo gabbisi nikularaashee boombii nikularaa hojjachuuf akka hin taane waakkachuun dhaabuu akka hin dandeenye irra deddeebin ibsite.

Waraanni Iraanifi Israa'el ammaaf dhaabbatus fuuldureen gabbisa nikularaa Iraan ammayyuu yaaddoo keessa jira.

Gaggeessitoonni Iraanis daandii dippilomaasii moo gabbisa nikularaa itti fufuun haleellaa Israa'elifi US irraa itti dhufuu malu dura dhaabbachuu wayya kan jedhurratti waliigalteen akka hin jirre odeeffannoo keessaa argadhe jechuun Rooyitars gabaase.

Maddeen keessii bulchiinsa Ayaatolaa Kameenii beekan sadi waabeffachuun Rooyitars akka gabaasetti, qondaalonni siyaasaa muddama Iraan dhimma gabbisa nikularaashee ilaalchisee keessa galte furuufi waraanni deebi'ee karaan sirriifi furmaata waaraa fidu karaa dippilomaasiin Ameerikaa wajjin mariyachuudha jedhanii amanu.

Haleellan Israa'el Iraanirratti gaggeessitee turte, dhimma gabbisa nikularaa Iraan irratti USfi Iraan marii marsaa jahaffaa gaggeessuf beellama qabatanii guyyaan lama yeroo hafutti.

Kanarraa ka'uun seera tumtoonnifi qondaalonni waraanaa Iraan mariin jedhamee ture Iraan kiyyoo keessa galchuuf duraanuu kan karoorfameedha jechuun mariin dippilomaasii bu'aa akka hin qabne mormu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoota siyaasaa Iraan sadi Rooyitars dubbise keessaa tokko akka jedhetti, qondaalonni siyaasaa Iraan hedduunsaanii waraana Israa'elifii US dura dhaabbachuun gatii inni biyyattii baasisu waan hubataniif ijjannoo laaffisuun daandii dippilomaasii deeggaru.

Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan Hagayya 10, 2025 akka dubbatanitti, bulchiinsi isaanii US waliin marii nikularaa adda cite itti fufuu akka barbaadu ibsuun, mariin deebi'ee eegaluu jechuun "harka laachuu miti" jedhanii turan.

Dubbiin pirezidaant Masuud garuu qondaalota olaanoo waraana Iraan mariin US waliin godhamuu hin qabu jedhanii amanan ni dheekkamsiise.

Ajajaa Eegdota Warraaqsaa Iraan kan ta'an Aziiz Ghazaanfarii dubbiin pirezidaantiin biyyattii dubbatan narraa haa baatufi balaa guddaa kan geessisu ta'uu eerun Pirezidaant Masuud qeeqan.

Gaggeessitoonni olaanoon Iraan dhimma gabbisa nikularaa irratti mariin dippilomaasii US waliin itti fufuu qabaafi hin qabu kan jedhurratti yaadan gargar bahanis, murtee dhumaa kan kennu Gaggeessaa Olaanaa Ayaatolaa Kameenidha.

Keessa beektonni akka jedhanitti Ayaatolaa Kameenii dabalatee gaggeessitoonni amantii (clerics) siyaasa Rippaabilika Islaamaa Iraan baraaruuf mariin nikularaa deebi'ee akka eegaluuf walii galaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Iraan garuu mariin nikularaa irra deebi'ee akka eegaluuf hanga ammaa murteen kenname akka hin jirre beeksise.

Dhiibbaa alaafi keessaa

Iraan gabbisa yuraaniyeemii itti fufti taanan, Pirezidaant Tiraamp fi Beeniyaamiin Netaaniyaahuu Iraanirratti haleellaa gaggeessuu akka danda'an akeekkachiisanii turan.

Torbee lama dura ammoo Tiraamp Iraan akeekkachiisee ture. Iraan yuraaniyeemii deebistee gabbisti taanan, haleellan akka ji'a Waxabajjii darbee Iraan akka eeggatu dubbate.

Iraan haleellan Israa'elifi US kana dura gaggeessan deebi'ee yoo mudate dandeettii diinagdeefi waraanaashee akka miidhu gamanumaa yaadda'uun mana maree ittisaa hundeessitee jirti.

Kunis tarii manguddoon ganna 86 aggaammii jalaa miliqsuuf biyyattii keessa bakka fagoo yoo geeffaman manni maree nageenyaa hojii akka itti fufuuf yaadameeti jedhame.

Waashingtanitti kan argamu Inistiitiyuutii Baha Giddu Galeessatti daayireektara Sagantaa Iraan kan ta'e Aleeks Vataankaa akka jedhutti, Iraan waliigaltee dippilomaasii osoo hin taasisin ykn wabii nageenyaa hin qopheeffatin hatattamaan gabbisa yuraaniyeemii taasisti yoo ta'e, Israa'eliifi US Iraanirratti haleellaa banuunsaanii waan hin oolledha.

Tehraan sagantaa nikularaa kaayyoo nagaaf ta'e gabbisuun mirgashee akka ta'eefi ijjannooshee akka hin jijjiirre irra deddeebin beekisaa turte.

Tiraamp ammoo Iraan guutummaatti gabbisa yuraaniyeemii akka dhaabdu irraa barbaada.

Gama biraan ammoo biyyoonni Awurooppaa kanneen akka UKfi Faransaayi fa'aa qoqqobbiin UN Iraanirra kaa'amee ture yeroonsaa akka dheeratuuf akeekkachiisaniiru.

Iraan ammoo Waliigaltee Non-Proliferation Treaty (NPT) jedhamu keessaa bahuu akka dandeessu beeksifteetti.

Lammiileen Iraan biyyisaanii waraana, wal-tajjii idiladdunyaarraa moggeeffamuufi rakkoo bulchiinsaa biyyattii mudateen miira abdii kutannaa keessa galaniiru.

Diinagdeen Iraan irra hedduunsaa boba'aa irratti hundaa'e qoqqobbii irra kaa'ameen mudhukeera.

Yeroo Iraanifi Israa'el guyyaa 12 wal-waraanan sana lammiileen Iraan warri bulchiinsa Ayaatolaa hin deeggarre illee sagalee tokkoon mootummaa duuka hiriiranii turan.

Amma garuu galiin dhabuufi hacuuccaa mootummaa irraa irra gahuun yaaddoo keessa galaniiru.