Ministeerri Ittisaa US gamaaggama haleellaa Iraan booda hoogganaa tikaa ari'e

Leetinaal Jeneraal Jeefirii Kiruus

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Leetinaal Jeneraal Jeefirii Kiruus ammaan booda Ministeera Ittisaa US keessatti hoogganaa ejensii odeeffannoo fi tikaa ta'anii hin tajaajilan

Ministirri Ittisaa US Peet Heegiz haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwate ilaalchisee gamaaggama dhihaate Waayit Haawus erga fudhachuu didee booda hoogganaa tikaa aangoorraa ari'an.

Pentaagon ibsa isaa keessatti Leetenaal Jeneraal Jeefirii Kiruus hoogganaa Ejensii Odeeffannoo Humna Ittisaa US ta'anii hin tajaajilan jedhe.

Ajajoonni waraanaa gameeyyiin biroo lamas aangoorraa kaafamaniiru.

Ministirri Ittisaa US waa'ee namoota ari'amanii sababa isaa waliin ibsa ga'aa hin kennine.

Waxabajjii darbe giddugala humna ittisaa US kan ta'e Peentaagon waa'ee haleellaa US qilleensarraan Iraan irratti raawwatee gamaaggamuun wayita gabaasa dhiheessu, haleellaan raawwatame buufataalee nukilaraa Iraan akka hin barbadeessine ibsee ture.

Qorannoon jalqabaa tarii haleellaan kun karoora gabbisa nukilaraa Iraan ji'ootaan boodatti deebisuu mala kan jedhu ture.

Yeroo sana Waayit Haawus gamasaan ''kun gamaaggama dogoggoraa'' tuuta tikaa fi odeeffannoo dadhaboo ta'aniin miliqee ba'edha jechuun kuffisee ture.

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp buufataaleen nukilaraa Iraan guutummaa guutuutti barbadaa'eera jechuun jala muranii dubbatan.

''Seenaa keessatti tarkaanfii waraanaa milkaa'aa ta'e xiqqeessuuf,'' tarkaanfii miidiyaaleedhaan fudhatamuuf yaalamedha jechuun gamaaggama dhihaate kuffisan.

Kora Nato yeroo sanatti gaggeeffamee ture irratti Heegiz gabaasichi kan dhihaate ''odeeffannoo tikaa gadi bu'aa fi hin bilchaanne'' irratti hundaa'uun jedhan.

FBI odeeffannoo miliqee ba'e kana qulqulleessuuf qorannoo eegaluus ibsanii turan.

Kiruus ari'amuu jalqabe kan gabaase Waashingitan Post ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ejensiin Nageenyaa Raayyaa Ittisaa US qaama Peentaagon kessaa tokko yoo ta'u hojiilee ykn ergama isaa milkeessuuf odeeffannoo waraanaa irratti hirkata.

Ejensichi odeeffannoowwan teeknikaa heddumminaan walitti qabus, odeeffannoon CIA fi ejensiiwwan tikaa kaan irraa argaman garuu adda.

Heegiz ajajaa eeggataa hoogganaa humna galaanarraa fi hoogganaa addaa humna waraanaa Humna Galaanarraa US aangoosaaniirraa akka ka'an ajaja dabarsuu maddeen eenyummaansaanii akka eeramu hin feene Rooyitarsitti himaniiru.

Seenaatarri US Maark Waarnar ibsa baasan keessatti ari'amuun Kiruus bulchiinsi Tiraamp ''waajjira tikaa eegumsa biyya keenyaaf oolchuu mannaa bakka itti amanamtoota isaanii horatan gochuun itti fayyadamuun amala balaafamaadha,'' jechuun akeekkachiisan.

Pirezidant Tiraamp aanga'oota yaada isaaniin walii hin galle yookiin yaada faallaa dhiheessan hedduu aangoorraa kaasaniiru.

Adoolessa darbe garee isaanii keessatti Komishinara Istaatistiksii Hojjettootaa kan ta'an Eriik Maaktarfarn hojiirra akka gaggeeffaman ajajan.

Kunis erga qondaalli kun guddinni hojjetaaf kennamu akkaan gadi bu'uu eeraniiti. Hoogganichi gabaasa qabiyyee akkanaa qabu erga dhiheessanii yerosuma aangoorraa kaafaman.

Ebla darbes sababuma walfakkaatuun Daarektara Olaanaa Ejensii Nageenya Biyyaalessaa Timootii Haawu hojiirraa ari'an.

Akkasumas hojjettoota mana maree nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus hedduu ari'an.

Heegiz gamasaaniin Peentaagon keessatti qondaalota waraanaa hedduu ari'aniiru.

Guraandhala darbe Jeneraala Humna Qilleensaa Sikee Biraawun adimiiraalotaa fi jeneraalota shan faana aangoosaaniirraa kaasan.