'Yeroo abbaan manaa koo mana jiru bobbaaf mana fincaanii hin dhaqu'

Madda suuraa, Elodie Guig
Gorsi barruuleen dargaggootaa tokko "jaalalleenkee osoo hin beekin dhoksaan attamiin bobbaaf bahuu dandeessa" jedhu irratti dhiyaate Jiin Moorii irratti dhiibaa umurii guutuu uume.
Sirummaa gorsi tokko, dubartii tokko hiriyyaashee waliin halkan dabarsuuf yoo yaaddeetti mana fincaanii deemuu akka hin barbaadneef qoricha ajaja ogeessa fayyaa malee bitamu fudhachuu akka dandeessu yaada akka kenne yaadati.
Dubartiin ganna 35 tun amala kana keessaa muraasa akka fudhatte dhiheenya kana kan hubatte yoo ta'u, qaaniisuu garuu haala fayyaa hamaa haguugee ture jetti.
Abbaa warraa ishee waliin jalqaba yeroo wal baran, hanga inni manaa bahutti bobba'uuf taa'uuf mana fincaanii hin dhaqxu turte ykn yoo inni darbii gamoo olaanurra jiraate isheen ammoo gara ''harka dhiqachuutti fiiguun bishaan gadi diisuun fincoofti'' turte.
''Barreeffaman dubbise sana ofitti fudhachuu hanga yeroo dhiyootti ofirratti hin beeku ture,'' jette.
Dhimma kanarratti hin haasoftu turte, Abbaan warraa Jiin, Kiriis garuu dhimma kanarratti akka haasoftuuf ishee jajjabeessa ture.

Madda suuraa, Jen Moore
Bara darbe garuu ''waa'ee dhimma bara dheeraaf akka icciitiitti qabadhee dubbachuuf dirqamte sababii dhimma ishee mudateetiin'' jedha Kiriis. Jiin karaa teessumaatiin dhiigni yaa'u eegale.
Abbaa warraa ishee Kiriis wajjiin gaa'ilaan gara waggoota 15tti dhiyaatuuf waliin jiraatanillee yeroo jalqabaaf waa'ee kan haasofte jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wa'laansa baqaqsanii yaaluu erga argattee ji'a afur booda, dhiiguun ishee mudates sababi yeroo dheeraaf osoo hin yaalamiin turteef, mallattoon dhukkubichi walxaxaatti adeemuu hin oolle jettee yaaddofte.
Booda garuu erga MRIn ilaalamteen booda dhukkuba qaamni dubartii (gadameessi bakka socha'u) ta'un hubatame.
Dubartiin dhimma fayyaa dubartoota irratti duula gaggeessitu fi UK, Kaanbirijii jiraattu tunis: ''Waa'ee qaamota kootii nan haasa'a, akkasuma waa'ee laguu kootii yeroo hunda karaa intarneetiinan haasa'a. Waa'ee qaama kootii waanti na qaanessu jira jedhee hin yaadu, duraan garuu akkas hin turre,'' jetti.
Kanaan dura ''goga garaatiin akka rakkaattu'' barreeffama dhimma fayyaashee ibsuuf hakimaan barreeffame yaadattee kolfite.
''Amman beekutti gmana fincaanii hin fayyadamu jechuun bobbaaf hin taa'u, torbanitti yeroo tokkicha bobbaaf yeroon itti ta'uu jira ture,'' jette.
"Dhugaa dubbachuuf, namoonni dhuguma yeroo hunda mana fincaanii keessa yoo turan wantisaan mudate tokko jira jedheen yaade. Hawaasa shamarraniin dhuufuun keessan akka ifaa balaqee fi sabbata Waaqaa fakkaata jedhamuun itti himamu keessatti guddadhe."

Madda suuraa, Emma Williams-Tuly
Jiin akka hin dubbanne kan ishee sakaale qaaniidha. Dubartiin Emaa Wiliyaams ammoo isheerra adda.
Dubartiin ganna 39 tun, rakkoo fayyaa tishuun gadameessa keessatti biqiluun walqabtu (endometriosis) jedhamu qabdi.
Hakiimonni yeroo waa'ee bobbaa qabachuu ykn bobbaan goguu fi ulaan bobbaan qaama keessaa dhabamsiifamu (buubuun) dhiiguu akka salphaatti fudhatte.
''Yeroo garaan na gogu qorichan barbaade yoon fudhe, guyyoota kudhaniif bobbaa'af mana fincaanii hin dhaqu, na dhukkubsa'' jetti.
''Ingilaaditti ispeeshalistoota fayyaa bira dhaqee yeroon ilaalamu, qorannoon kolonooskoppii rakkoo fayyaa akka hin qabne akeeka,'' jetti.
Ganna 21tti rakkoo fayyaa tishuun gadameessaa bakkaa biraatti biqiluun ykn 'endometriosis' qabaachuu barte. Dubartiin kun hakiimota ishee wal'aanan guddoo galateeffatte.
Dubartiin kun waggootaaf yeroo dhibee kana dhukkubsataa turte ''suukaneessaa'' ta'uu ibsiti.
Waliigalatti yeroo 11 wal'aansi baqaqsanii yaaluu kan taasifameef yoo ta'u, fiixee mari'amaan furdaa (colon) ishee ogeeyyiin muranii baasuun karaan bobbaan qaama keessaa ittiin bahu gara biraatti dabe.
Sababa kanaan, rakkoo fayyaa walqabtu 'ileostomy stoma' jedhamuuf saaxilamte.
''Garuu namoonni garaa kaasaaa fi gogu garaa yoo isaan mudate tarii rakkoon fayyaa akkasi kun nu mudachuu mala jedhanii akka yaadda'an hin barbaadu'' jetti.

Juulii Koornish, ogeettii baqaqsanii yaalu mari'amanii fi qaama bobbaan bahuun (buubuu) yoo taatu, UK Kaardiif keessa jiraatti.
Dhukkuubsattoonni ishee bira ''dhaqan yeroo dheeraaf kan rakkataniidha'' jetti.
''Namoonni waa'ee dhibee kanatti qaana'uun himachuu dhiisuun ittuu akka hammaatu taasise'' jette.
Ogeettiin kun akka himtutti, gogni garaa hawaasaa keessaa namoota %20 miidha, darbee darbee dhukkubsattoonni ji'atti yeroo tokko qofa bobbaaf bahan illee jiru jetti.
Yeroo danuuf qoricha bobba'aan akka bahu gargaaru baayyisanii erga fudhatanii booda fiixeen mari'amaan furdaa (colon) akka muramee bahu of saaxilu jetti.
''Qaamni xuraawaa gara alaatti baasu nafa keenya keessaa isa ijoodha, yoo sirnaan kan hin hojjane ta'e ni beekna. Garuu ammoo waa'ee isaa hin haasofnu, isatu rakkoodha,'' jetti.
"Duulli fayyaa hawaasaa naannoo ujummoo fincaanii fi garaachaa nu barbaachisa."
Amala bobbaa garii qabaachurratti gorsa

Madda suuraa, Emma Williams-Tully
Yeroo biraatti hin dabarsin: "Namoota mana ofiisaanii keessatti yoo ta'e malee mana fincaanii akka fayyadamne murteessan arguu dandeessa," jette Juulii Kornish.
Fakkeenyaaf, "torban tokkoof yoo boqonnaaf kan fagoo deeman ta'e akka bakka biraatti mana fincaanii fayyadamu hin barbaanneef jecha waan isaan dhorku fudhatu. Yookaan lafa hojiitti mana fincaanii deemuun akka itti hin tolleetti sababii ilaalaniif ykn akka nama qaanessutti waan itti dhaga'amuuf bobbaaf bahu of ittisu."
Bishaan: "Bishaan baay'ee dhuguu kee mirkaneessi. Kaafeeniin qaama bobbaa keetiif baay'ee gaariidha, caalaatti akka hojjetu gochuudhaan gargaara. Garuu yoo bishaan gahaa hin dhugne ammoo sun baay'ee gaarii miti."
Sochii qaamaa: "Imala salphaa daqiiqaa 15 hanga 20 qofa taasisi. Kunis akka maashaaleen garaa keenyaa hundee akka maashinii uffata miiccuutti, qaamni bobbaan ittiin bahu akka socho'u ni gargaaru."
Nyaata: "Soorata keessan keessatti hamma fuduraalee fi nyaata faayibarii qaban dabaluu dandeessu. Akka socho'u jajjabeessuuf ammoo waan akka talbaa fa'i soorachuun ni gargaara.
Ofi bifti bobbaa maal fakkaachu qaba?
''Namoonni baayyeen erga mana fincaanii taa'aniin booda garagalanii bobbaasaanii hin ilaalan, garuu ta'u hin qabu'' jetti Juulii Kornish.
"Dhiiga qabaa laataa? Furdaadha immoo baayyee qalaadha? kan jedhu ilaalamu qabaata. Yoo baayyee gogaa ta'e, bishaan dhuguufi nyaata bobbaa keenya foyyeessan faayibarii qaban nyaachuu nu barbaachisa.''
"Akkasumas yeroo bobbaaf teessaniitti kan isin ittansiisu yoo ta'e, rakkoo garaan isin goguu ykn ammoo karaa qaama bobbaan bahuurratti rakkoo qabaachu maltu. Kanaafuu, hakiima marisiisuun barbaachisaa ta'a yeroos.
"Waluumaa galatti, yoo xinnaate namni kamuu guyyaatti al tokkoo hanga guyyaa sadiitti bobbaa sirri ta'e haruun akka waan idileetti ilaalama."
"Haala bobbaa keessan irratti jijjiirama guddaa yoo argattan, irra deddeebiin kan dabaluu ykn hir'atuu yoo ta'e, ykn dhukkubbiin guddaan, dhiita'uu, ulfaatina hir'isuu ykn dhiigni bobbaa keessatti yoo isin mudachuu jalqabe, maaloo atattamaan mana yaalaa dhiheenya keessaniitti argamu dhaquun ilaalamaa."












