Bobbaan namaa bishaaniirra maalif bololi’a?

Mana fincaanii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mana fincaanii

Icciitiin bobbaan namaa yeroo tokko tokko bishaan bollaa mana fincaaniirra bololi’uu fi yeroo kaanimmoo osoo hin argamne bollaa mana fincaani keessa gadi lixu duuba jiru barameera.

Taateen kun waan qoosaa miti, fayyaa baakteeriyaa garaa keenya keessa jiraatanii maal akka fakkaatu akeeka.

Namni maqaan isaa Nagarajan Kaanan jedhamu gaaffii kana qaba: "Ati nama bobbaa bololiisumoo bishaan keessa gad dhidhimsu?" jedhee gaafate.

Gaaffiin kun Daayreektara laaboraatoorii baayoloojii seelii bu'uuraa (stem cells) fi baayolojii kaansarii Maayo Kilinikii, Rochester Minisootatti argamuu mata-duree qorannoo ta’eef.

Ogeessi kun hojiin idileesaa harki caalaan wantoota sadarkaa seelitti fi molokiyuulitti kaansarii harmaa namatti fidan qorachuudha.

Garuu yeroo hojiirra hin jirretti, Kaanan gaaffii biraa waliin wal'aansoo qabaa – bobbaan namaa maaliif yeroo tokko tokko bishaanirra bololi’a? jedhee gaaffii kaasa.

Irra caalaan keenya yeroo ta’etti taateen akkasii nu mudachuu hin oolu. Bobbaan akka salphaatti bishaanin dhabamsiifamu, dirra boollaa mana fincaaniirra bololi’uun mudachuu mala.

Yeroo biraammoo bobbaan keenya salphaatti osoo hin argamiin dhidhimuu mala. Kuni maalirra madde jettanii yaaddanii beektuu?

Kun dhuguma waanta iccitiidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deebiin gaaffii kanaa, waan qaama keenya keessatti raaawwatamu fi fayyaa lubbu-qabeeyyii xixiqqoo qaama keenya keessa jiraataniirratti hubannoo ajaa'ibaa akka qabaannu taasisa jedha Kaanan.

Jalqabarratti sababni darbee darbee bobbaan namaa bishanirra bololi’uuf hanga cooma karaa bobbaa bahuu wajjiin hidhata qaba jedhame yaadamaa ture.

Garuu jalqaba bara 1970 qorattoonni fayyaa sirna bullaa’insa sooraata Yunivarsiitii Minisotaa lama yaalii ittifufinsa qabu gaggeessaa turan.

Erga qorannoo bobbaa namoota 39 fi kan ofiisaanii qoratanii booda deebiin isaanii cooma osoo hin taane, gaaziirraa kan madde ta’uu mirkaneessan.

Hammi gaazii bobbaa keessatti argamu garaa garaa ta’uun bobbaan akka bololi’u ykn gadi dhidhimu taasisa jedhan.

Gaaziin bobbaa keessa jiru yoo walitti rukkate bobbaan asi gadi akka dhidhimu ykn gadi lixu himan.

Sababni garaagarummaa kanaas oomishni miteenii garmalee baayyachuu ta'uu gudunfaa qorannichaarratti ibsan.

Waggoota ittaanan, saayinsiin wal’aansa fayyaa gahee guddaa lubbu-qabeeyyii xixiqqoon ijaan hin argamne fayyaa keenyaarratti qaban hedduu ifoomse.

Furdina garmaleerraa kaasee hanga dhukkuba onneetti lubbu -qabeeyyi xixiqqoon kunneen qooda qabu.

Qorataa kan ta'e Kaanan akka jedhutti, jijjiiramni kun uumama baakteeriyaa, fangasii fi maayikiroo-orgaanizimoota biroo tiriiliyoona 100 ta’an kanneen garaa keenya keessa jiraatan, bobbaan namaa akka bishaanirra bololi'u fi dhiisu taasisu jedhee shakka.

"Qabiyyeen bobbaa harki caalaan paartikilii soorataa jijjiiramee tuuta baakteeriyaa uumuu of keessaa qaba," jedha.

Yaad-rimee kana qorachuuf Kaanan fi waahillan isaa Kilinika Maayootti, bobbaa hantuuta lubbu-qabeeyyii xixiqqoorra bilisa taasiisuun qorataa turan.

Hantuutni jarmii (lubbu qabeeyyii ijaan hin mul'anne) irraa bilisa taasifaman.

Bobbaan hantuuta kunneenii otoo addaan hin citiin bishaan keessa gadi kan lixe.

Firiin qorannoo hantuuta ilaallatu of eeggannoon ilaalamuu qaba, garuu ammallee bobbaan namaa bishaanirra bololi’uufi bishaaniin liqinfamuu wajjin hidhata qabachuun isaa hin mirkanoofne.

Ogeessi Kaanan jedhamu garuu bobbaan namaa bishaaniin liqinfamuu ykn bishaaaniirra bololi’uun agarsiiftuu jijjiirama qabiyyee baakteeriyaa garaa keenya keessa jiranii ta'uu danda'a jedhee amana.

Haalli soortaa keenya, tamboo xuuxuu fi dhiisuu keenya, dhiphinni nu mudatuu fi qoricha fudhannu dabalatee wantootni hedduun lakkoofsa baakteeriyaa garaa keenya keessa jiranii jijjiiruu danda’u.