Fayyaa: ‘Ani hakiima waggaa shaniif qaamakoo hin dhiqannedha'

James Hamblin

Madda suuraa, James Hamblin

Yunivarsitii Yeelitti ogeesssi fayyaa ittisa dhibee, Dr Jeems Haambliin akka yaaliitti bara 2015 irratti wa’ee qulqullina qaamaa isaa irratti jijjiirama uumee. Erga sanaa dhaqana isaa dhiqatee hin beeku.

Akka BBCtti himeetti bu’aan yaalii isaa hanga yaadeen ol gaariidha.

“Guutummaan guutuutti fayyummaatu natti dhagahama.”

Waggaa shan dura murtee dhaqna isaa dhiqachuu dhaabuu isaa irratti Dr Jeemsi Haambliin qaaffii dhiiyaateef akkanaan deebisa.

“Itti barta. Waanumma sirrii fakkaata,” jechuun BBCtti hima.

Haamblin, ganna 37, Yunivaarsitii Yeel damee Fayyaa Hawaasaa keessatti barsiisaa fi ogeessa fayyaa qorannoo ittisaa dhukkubaa irratti hojjatudha.

Dabalataanis barruulee Ameerikaa The Atlantic jedhamuu irratti barreessa yoo ta’u, bara 2016 irratti gaabaasa mataduree “Dhaqna dhiqachuu dhabeera, jireenyi itti fufe,” jedhu barreesse ture.

“Jireenya keessatti waggaa lama dhaqna dhiqachuun dabarsina. Yeroo, bishaanii fi maallaqa hangamtu kanarratti bada?” jechuun barreesse.

Bara 2020tti, Hamblin mudannoo isaa kana bal’inaan kiitaba Clean: The New Science of Skin and the Beauty of Doing Less (Qulqulluu: Saayinsii gogaa haraa fi bareedina waa muurasa gochuu keessa jiru) jedhu keessatti ibseera.

Dubartii qaama dhiqataa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Haamblin harka keenya dhiqachuu fi ilkaan keenya rigachuu dhiisuu hin qabnu jedhus, kuutaalee qaamaa keenya biro irratti garuu danuu dhiphachuu hin qabnu jedhee amana.

Yaalii ‘saamunaa-lagachuu’

Murteen dhaqna dhiqachuu dhaabuun akka yaaliitti eegale.

“Maaltu uumama kan jechu hubachuun barbaade,” jechuun ibsa.

“Namoota yeroo muuraasa qofa dhaqna dhiqatan beeka. Akka danda’amu beeka, garuu miidhaa akkamii akka qabu hin ofiikoo yaaluun barbaade.”

Kanaaf, erga bara 2015 dhaqna dhiqachuu dhaabee maaltu ta’e?

“Yeroo keessa dhaqnikee itti baraa deema, kanaaf yoo ati samunaa fi doodiraanti fayyadamuu dhiisne foolii hamaa hin qabaatu,” jedha.

“Googaankees ammoo akka malee hin cululuqu.”

“Namootni hedduu rifeensa isaanii keessa zaayitii uumamaa baasuun shampoo fayyadamanii sana booda zayitii namtolchee itti dabaluuf ammo koondiishinara itti fayyadamu. Shakala kana yoo dhaabde riifeensikee utuu wantoota kana fayyadamuun dura isa turetti deebi’a,” jedha.

Dubatii shaawarii keessa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ta’us garuu kun adeemsa suuta suuta ta’uu isaa haakimni kun ni ibsa.

Jalqabarra samuunaa, shaampooo fi doodiraantii fayyadamuu fi guyya guyyaan qama dhiqachuu hir’isuun eegale, utuu guutummaatti hin dhaabiin dura guyyaa sadiitti al takkaa dhiqachuu eegalee ture.

“Waanan yaadeef yeroon anitti dhaqnakoo dhiqachuu bitti barbaade hedduutu ture. Fooliinkoos hammaatee, dhaqnikoos zaayitii baayyee qaba ture,” jedha Haambliin.

“Boodarra garuu hir’achaa hirachaa deeme.”

Sababni Haambiin dhiyeessu yeroo bishaaniifi wantoota biro fayyadamuu “hir’isaa deemeetti”, barbachisummaan isaanii isaaf “hir’isaa” deemu isaadha

Foolii qaamaa fi baakteeriyaa

Barnootni US fooliin qaamaa keenya kan dhufu baakteeriyaa gogaa keenyarra jiratan kan dafqaa fi zaayita qaamni keenya oomishu nyaataniin akka ta’edha.

Guyya guyyaan qaamaa fi reefensa keenyatti wantoota dibuun, maadaalli zaayita gogaa keenyaa fi baakteeriyaa jeeqna jechuun falma.

“Yeroo garmalee dhaqna kee dhiqattu, madaalli qamakee balleessita,” jechuun bara 2016tti The Atlantic irratti barreesseera.

“Dafanii deebi’u, garuu kun ammo gosa miiykiroobii foolii uumaan akka baayyatan godha.”

Ta’us garuu haakimni kun qaama dhiqachuu dhaaniin adeemsa madaalli eegalsisee akka nuti foolii hamaa hin qabannee godha jedha.

“Akka abaaboo ykn shittoo hin urgooftu garuu foolii hamaas hin qabaattu.” “Foolima namaa qabaatta,” jedha.

Gaffiifi deebii Onkololeessa 2020 BBC Science Focus waliin taasiseen Haamnliin tarii yoo namootni foolii hamaa qabaachuu isaa ‘qaana’anii’ itti himuu dhisaniiru ta’e yaaddoo qabaa jedhamee gaafatamee ture.

Innis wayiloota fi hiriyyoota isaa kun yoo ta’e soda malee akka itti himaniif gaafachuu isaa ibsa.

Akkanaan yeroo qaamni isaa foolii hamaa barame oomishuu dhaabe irra akka ga’e hima.

Kanarayyuu darbe haati warraa isaa foolii isaa haara kana akka jaallattuu fi namootni biros ‘hamaa miti’ akka jedhaniin dubbata.

“Seenaa keenya keessatti, fooliwwaan kan namoota biro waliin walii galuuf fayyadamnu qabna,” jedha.

Ta’us garuu fooliwwan akkanaa baayolojii hawaasa keenya keessa baayyinaan badaniiru jedha.

“Kanaaf namootni akka homaa homaa hin urgoofne ykn ammoo foolii shittoo, urguuftuu fi samuunaa wayii akka qabaatan hawwina.”

“Kanaa achii foolii gadhee qabu jechuudha. Fooliin namaa namatti dhufu yoo jiraati, hamaadha,” jedha.

Garuu Haamblin guutummatti dhaqna dhiqachuu dhaabeeraa?

Ispoortii hojjachuu booda ykn ‘xurii argamu’ yoo qabaate takka takka akka bishanumaan akka ofirraa dhiqu hima.

Garuu ogeessi kun xurii ofirraa kaasuufi zaayita qaama keenya hir’isuf “akkanumaan harka keenyaan of sukkuumuu fi darbee darbee rifeensa keenya filachuu dandeenya” jedha.

Googaan haala jireenya kan agarsiisudha

Haambliin dhaqna dhiqachuu dhaabuun isaa yaalii qofaaf miti.

Kiitaabaa isaaf qorannoo taasise keessa isa tokkodha, dabalataanis namoota hedduu kan akka ogeessota fayyaa gogaa, ogeessota ittisa dhibee ittisaa fi qorattoota amantaallee dubbiseera.

Kiitaabni kun industirii oomishaa kunuunsa gogaa kan qeequdha.

A woman with freckled skin

Madda suuraa, Getty Images

Ogeessi fayyaa kun shaakalli of qulqulleesuu kun wanta yeroo ammayyaatti uumamedha jedha.

“Hanga wagga 100n har’aatti namootni hedduu bishaan hin argatan turani,” jedha Haambliin.

“Tarii warra mootota ykn sooressaatu qaba,”

“Tarii gara laga ykn haro bira deemanii dhiqatu ta’a garuu kun wanta guyya guyyaan goonu hin turre “ jedha.

Kiitaaba isaa irratti Haambliin garmalee dhaqna keenya waan dhiqannuuf hir’isuun bu’aa qabaachu mala jechuun xumura.

Ogeessi fayyaa kun kun sirriidha kun daabaadha jedhee yssda kennuuf akka hin feeneefi malli isaa kun hundumaaf ni ta’a jechuu akka hin barbaanne ibsa.

Kun wanta isaaf ta’edha.

“Garuu namoota rakkoo gogaa qaban ykn mala kana yaaluu barbaadaniif suuta eegalatii hanga isiniif mijateetti deemaa jechuun barbaada,” jedha.

Bars of soap

Madda suuraa, Luis Diaz Devesa

Fakkeenyaaf namoota tokko tokkoof shampoo hir’isuu kaaniif ammo doodiraantii fayyadaman hir’isuu ta’uu danda’a.

“Dhaqna kee yemmuu dhiqattu yeroo gabaabaaf, darbee darbee fi saamunaa xiqqoo fayyadamuun eegaluu dandeessa.”

“Jijjiirama bayyee guddaa ta’uu hin qabu.”