Koronaavaayiras: Qorichoonni du'aatii sababii Covid-19n dhufan hir'isu jedhaman lama dabalataan argaman

Madda suuraa, Getty Images
Yunaayitid Kingidom keessatti du'aatii sababii koronaavayirasiitiin qaqqabu afur keessaa harka tokkoon hir'isuu danda'u qorichoonni jedhaman lama argaman.
Qorichoonni kunneen bifa xabbiitaadhaa kan kennaman yoo ta'u dhukkubsattoota yaaliin irratti taasifame irratti jijjiirama guddaa gargamsiisaniiru jedhu ogeessonni.
Ogeessonni fayyaa dabalataanis, Yunaayitid Kingidom keessa dhiyeessi qorichoota kanaa haala gahaa ta'een waan jiruuf faayidaarra ooluu danda'a jechuun dubbataniiru.
Qorichoonni kunneen maqaan isaanii toosiliizumaab (tocilizumab) fi saariilumaab (sarilumab) jedhamu. Qorichoonni kunneen Yunaayitid Kingidom keessa bal'inaan kan jiran yoo ta'an, lubbuu namoota koronaavaayirasiin dhukkubsatanii oolchuurra darbee akka dafanii dandamatan gochuufillee ni gargaaru.
Kana malees, turtii dhukkubsattoonni kutaa wallaansa addaa namoonni haalaan dhukkubsatan keessa jiran hedduu gabaabsa jedhameera.
Hospitaalota Yunaayitid Kingidom keessa dhukkubsattoonni koronaavaayirasii 30,000 ta'an kan jiran yoo ta'u,kun ammoo Ebla waggaa darbe waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu %39n dabaleera.
Mootummaan UK qorichoonni 'tocilizumab' fi 'sarilumab' jedhaman kunneen haala itti dhukkubsattootaaf dhiyaatan irratti omishitoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjataa jiraachun himameera.
Qorichoonni kunneen rakasa ta'u baatan illeen, (dhukkubsataan paawundtii 750 hanga 1000) ta'ulleen yoo qoricha 'dexamethasone' jedhamurratti dabalamee faayidaansaa olaanaa ta'u himuqorattoonni.
Qorataa mummeen 'Imperial College London' Pirofesar Antonii Gordan akka jedhaniitti. ''Tokko tokkoo dhukkubsataa 12 qorichi kun kennameef hundi du'arraa fayyusaanii hubanneera. Kunis bu'aa olaanaadha.'' jedhan.
Daarektarri Fayyaa Biyyaaleessa Inglizii Pirofesar Isitiifan Paawiis gama isaanitiin, ''Yeroo kanatti qorichi du'a namoota Covid-19n qabamanii hir'isan dhufunsaanii oduu guddaadha. Qabsoo vaayirasicha waliin taasisaa jirruuf kun guddina olaanaadha,'' jedhan.
Ministirri Fayyaafi Kunuunsa Hawaasaa Maat Hankook gama isaaniin, ''UKn ammatti talaalliiwwan dhukkubsattoota koronaavaayirasiitiif ta'an adda baasuufi argachuun dursaa jirti',' jedhan.
Hakimoonni dhukkubsattoota Covid wallaanaa jiranisisaan kanneen qoricha 'dexamethasone' jedhamu waliin akka kannaniif ajajamaniiru.
Haata'u malee, qorichoota kanneen UKn ala gara biyyoota biraatti erguuf uggurri kaa'ameera.
Bu'aan qorannoo kunis barruu Medikaal irratti kan hin maxxanfamneefi oggeessoota walfakkaataniin xinxalli kan irratti hingaggeefamneedha jedhameera.















