Dubartii haadha ishee waliin hospitaala turte osoo agartuu 'Covid' jalaa ajjeese

Madda suuraa, Anabel Sharma
Dubartiin haadha ishee waliin hospitaala siree wal cinaa jirurratti yaalamaa turte - kan osoo agartuu Covid-19 haadha jalaa ajjeese namoonni of eeggannoo akka godhan dhaamte.
Maariyaa Riikoo fi intalli ishee Anaabeel Shaarmaa lamaanuu koronaavaayirasiin erga qabamanii booda dhukkubsatanii guyyaa tokko hospitaala galan.
UK Leesistarshaayar irraa kan taate Maariyaan nama ganna 76 yoo taatu ijoollee dubaraa qabdu lamaan nagaatti jechuuf oksijinii ofirra baafte - kuni lubbuu ishee du'aaf akka saaxilu ni beekti turte.
Anaabeel kan wayita haati ishee duutu argaa turte, "onnee nama cabsa" jechuun haala ture ibsiti. Ammoo haati ishee kophaa du'uu dhabuutti gammaduu himti.
Namooti akka waa'ee vaayirasichaa hubatan jettee suuraa ishee fi kan haadha ishee wayita hospitaala turan lakkifte.
'Jajjabina'
Anaabeel akka jettutti harmeen ishii oksijinii erga ofirraa fuutee daqiiqaa 30 duuba boqotte.
"Haati koo wayita oksijiinicha akka irraa fuudhan gaafattu, 'Yoo kana sirraa fuune ni duuta, yeroo dheeraa hin qabaattu' jedhaniin" jetti.
"Isheenis deebistee, 'Eeyyee nan beeka garuu na gaha,' jetteen" jetti dubartiin umrii ganna 49 Anaabeel.
"Erga irraa fuudhanii booda ishee waliin daqiiqaa shan kan isheen dubbachuu dandeessu waliin qabaanne, booda of wallaalte."
"Du'uuf sodaa akka hin qabne nutti himte, qophii akka turte. Ani manaa ijoollee waanan qabuuf dhukkubichaan sirritti wal'aansoo akkan qabu natti himte."

Madda suuraa, Anabel Sharma
Haati isaanii wayita duutu intalli ishee kan biroon Suzaanaanis uffannaa of-eeggannoo uffattee waliin turte.
"Hanga hafuura ishee isa dhumaatti harka ishee qabannee turre" jetti.
"Ishee waliin turuun keenya jajjabina naaf kenne, harmee kootifis jajjabina akka kenneef nan beeka," jette.
Maariyaan intala ishee Anaabeel, abbaa warraa Anaabeel fi ijoollee isaanii dhiira sadi waliin mana tokko keessa jiraataa turan.
Akka Anaabeel jettutti mucaan ishee inni tokko vaayirasicha mana barumsaati fiduu akka hin oolle himti. Sana booda ariitii sodaachisaan maati wal gahuu hin oolle jetti.
"Namoonni warraa kaaniif jecha tarkaanfiiwwan ittisaa akka hordofan gaafachuun barbaada," jette.

Madda suuraa, Anabel Sharma
Anaabeel fi haati ishee hospitaala kan galan Onkoloolessa keessa guyyaa wal fakkaataa ture, Maariyaan Sadaasa 1 lubbuun dabarte.
Sirna awwalcha haadha ishee Anaabeel hositaala ciistee kallattiin daawwataa turte.

Madda suuraa, Anabel Sharma
"Maaltu ta'uuf akka deemu sirriitti beekti turte, wal'aansi taasifameef gahaa tahus akka irraa hin hafnee beekti turte," jette.
Anaabeel erga hospitaalaa baate boodallee manatti ooksijiiniin yaalamaa turte. Sababni ammoo vaayirasichi somba ishee akka malee miidhee waan tureefi.
Haadha ishee wayita ibsitu "akkawoo gaarii kan kutannoo jabaa qabdu" turte jetti.














