Koronaavaayirasii: Ispeen namoota talaallii fudhachuu didan galmeessuuf

Maanguddoo talaallii fudhataa jiran

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Ispeeniitti maanguddoonni kanneen dursa talaalliicha argatan keessaayi

Ispeen namoota talaallii koronaavaayirasii fudhachuu didan galmeessuun biyyoota Gamtaa Awuroppaa biraa waliin qooduuf ta'u, ministirri fayyaa biyyatti beeksise.

Saalvaador Ilaa akka jedhaniitti galmeen kunis hojjattootaan ykn ummatatti ifa hintaasifamu.

Haalli gaariin ittiin vaayirasichi to'atamu ''hunda keenya talaaluuni'' jedhan.

Ispeen biyyoota Awuroppaa vaayirasii kanaan garmalee miidhaman keessaa tokko.

Amaan tanattis talaallii Pfizer-BioNTech kan miseensoota Gamtaa Awurooppaatin torban darbe mirkaneeffame kennaa jirti.

Gaaffiifi deebii Mr Ilaan 'TV La Sexta' jedhamu waliin Wiixata taasisaniin, talaallicha fudhachuun dirqama akka hintaane himan.

''Kan raawwatamu galmeessuu qofaadha. Innis waltaatoota keenya Awuroppaa waliin kan qoodamuudha,'' jedhan.

Galmeen kunis of eeggannoo cimaan kan raawwatamuufi ummatatti ifa akka hintaanes himan.

Haala talaallii dhiheenya eegaleetti, lakkoofsi lammiilee Ispeen talaallicha hinfudhannu jedhanii %47 irraa baatii Mudde keessa gara %28 gadi bu'eera.

Vaccination

Madda suuraa, Reuters

Yaada biraa Mr Ilaan guyyaa Wiixataa kennaniin namoonni talaalamuun dabaree isaanii wayita ga'utti aanga'oota naannootiin itti himama jedhan.

''Namoonni talaallicha fudhachuu diduuf murteessan kan nuti dogongora jennee yaadnu, mirgasaaniti'' jechuunis himan.

''Shakkii jiruu hiikuuf yaalii gochaa jirra. Talaalamuun lubbuu oolcha. Weerara kana keessaa bahuufis faladha'' jedhan.

Nammoonni Ispeen keessatti Covid-19 du'an kuma 50 ol kan darbe Wiixata tare. Erga weerarichi eegale ammoo lammiileen biyyatti miliyoon 1.8 vaayirasichaan qabamun mirkanaa'eera.

Ispeen hanga jalqaba Caamsaatti akka guutuu biyyaatti uggura halkan sa'aa 5:00 hanga barii 12:00'tti turu jala jirti.

Bakkeewwan baayyeettis hojii deemuuf, qoricha bitachuu, ykn namoota umuriin deeman ykn daa'immaniif kunuunsa taasisuu qofaaf namoonni manaa bahuu danda'u.

Aanga'oonni naannoolee ammoo sa'aatii ugguraa fooyyeessuufi daangaasaanii imalaaf cufuu ni danda'u.

Koroonaavaayiras
Banner