Teekinoolojii: Waa'ee konkolaataa elektiriikii gaaffilee gurguddoo shan ka'aniif deebii

Teeslaan konkolaataa elektiriikii adda durummaan eeramudha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Teeslaan konkolaataa elektiriikii adda durummaan eeramudha

Waggootii saddeet dhufan keessatti, mootummaan UK gurgurtaa konkolaatota boba’aa hunda dhaabuun, wiirtuuwwan chaarjii ummataa 300,000’tti babal’isuu barbaada.

Kana jechuun, UK’n bara 2050’tti karoora 'net-zero' dhugoomsuuf, konkolaatonni elektirikii (EV) nama konkolaataa haaraa qabaachuu barbaadu kamiifuu filannoo isa jalqabaa ta’a jechuudha.

Konkolaatota miiliyoona 35 daandilee UK irra jiran keessaa bara 2020 %1.3 qofaatu EV ture, ta’us lakkoofsi kun dabalaa jira.

Fayyadamtoonni konkolaataa garuu ammayyuu konkolaataa elektiriikii (EV) irraa shakkii qabu.

Gaffilee gurguddoo gaafataman shaniif deebiin kunooti.

Konkolaatonni elektirikii maaliif baay'ee qaalii ta’an?

Gatiin konkolaatota elektirikii yeroo hedduu konkolaatoota boba’aa paawondii kumaatamaan ni caalaa.

Sababni isaas baatirii EV oomishuun mi’aa ykn qaalii waan ta’eefi warshaaa konkolaataa jiru gara warshaa teekinoolojii haaraatti geeddaruun invastimantii guddaa waan gaafatufi.

Ta’us dhiyeenyatti gatiin isaani ni hir’isa jedhamee yaadama. Ogeessonni baasiin konkolaaataa kana dhuunfachuun booda dhufus yaadamu qaba jedhu.

Baasiin konkolaataa elektirikii (EV) chaarjii gochuuf ba’u dhiyeenya keessaa dabalaa dhufeera ta’us garuu ammayyuu baasii boba’aa gadidha.

Malli ittiin maallaqa oolchan biroonis jiru. Ashuraan [qaraxi] konkolaataa hangam akka gaazii qilleensa faalu baasu irratti hunda’a, kanaaf konkolaatonni gaazii hin baafne kan akka EV qaraxa irraa bilisadha.

Akkasumas konkolaataan boba’aan socho’u kutaalee baduu fi sirreeffamu qaban hedduu qaba, EV’n garuu hin qabu kanaaf baasiin haaromsuuf ba’un ni xiqqaata.

Iddoo itti konkolaataawwan elelktiriikii itti chaarjii guutan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Iddoo itti konkolaataawwan elelktiriikii itti chaarjii guutan

Konkolaachistoota EV’f wiirtuuleen chaarjii ummataa ga’aa ta’an jiruu?

Yeroo ammaatti, UK keessa wiirtuulee chaarjii 30,000 ta’an jiru, isaan keessaa walakkaa ol chaarjii ‘arifataa’ ykn ‘hatattamaa’ jedhamanidha akka Zap Map jedhutti.

Mootummaan Jimaata darbe akka beeksisetti bara 2030’tti wiirtuulee chaarjii 300,000’tti babal’isuuf karoora qaba.

Hogganaan Vauxhall, Pool Wilkooksi akka jedhutti, lakkoofsi wiirtuulee amma UK keessa jiru ‘guutummaati ga’aadha kan jedhurraa kan fagaatedha.''

Garuu bara 2030’tti yeroo EV caalatti baramaa deemu, fedhiin waan dabaluuf, lakkoofsi wiirtuulee chaarjiis dabalaa akka deeman nan amana jedhaniiru.

Manatti chaarjii guutuun ni danda'ama garuu namoota hedduuf hin mijatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Manatti chaarjii guutuun ni danda'ama garuu namoota hedduuf hin mijatu

Konkolaataan guutummaatti chaarjii ta’e hagam imaluu danda’a?

Faageenyi EV’n tokko chaarjii guutuun imalu danda’u, gosa konkolaaticha irratti hundaa’a.

Hogganaan dhabbata baatirii EV oomishuu, Biritishvoolti jedhamu, Piitar Rooltan, teeknolojii fageenyaa EV dabaluuf hojjatamaa jiru foyya’aa deemaa jira jedha.

“Ammatti konkolaataan tokko fageenya km 320 hanga km 400 ga’u imaluu danda’a.” Dhuma waggootii kurnan dhufanitti, baatiriiwwan foyya’uuu fageenya kana km hedduun dabalu malu.

Konkolaatonni elektirikii baatirii liitiyam-aayon ta’e fayyadamu, dandeetti isaanii foyyeessuuf ammo qorannoowwan gaggeeffama jiru.

Jijjiirama guddaa fiduu kan danda’u, yeroo oomishtoonni -teeknoolojii ammayyaa’aa- baatirii solid-state jedhamu yoo gabaaf dhiyeessuu danda’anidha.

Baatiriiwwan kunneen kan liitiyum-aayon ta’an caalaa saffisaan chaarjii kan ta’u danda’anidha.

Kanaaf EV’n gara fulduraatti chaarjii guutuu tokkoon fageenya dheeraa deemuu danda’u jedhamee eegama.

Dubartii konkolaataa elektiriikii chaarjii guutaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii konkolaataa elektiriikii chaarjii guutaa jirtu

Mana ofitti chaarjii gochuu yoo hin dandeenyewoo?

Manneen jireenyaa harki caalaan UK keessa jiran, miiliyoona 18 (%65) kan ta’an, paarkiingii mataa isaanii ykn daandii itti konkolaataa dhaabuu danda’an qabu, akka gabaasa RAC’tti.

Ta’us garuu akka Abbaan taayitaa Gabaa fi Dorgommii jedhutti, kana jechuun manneen miiliyoona saddeet ta’an bakka chaarjii itti taasisan hin qaban jechuudha, kun kanneen appaartimantiii keessa jiraatan dabalateeti.

Akka dhaabbata Zap Map irrraa Melenii Shaffilbootam jettuutti, filannoowwan biroo jiru. “Aanga’ooti nannolee chaarjaroota daandirra dhaabbatan ijaaraa jiru.

''Kanarra darbee ammoo gabaalee naannoo ofii jiranitti charjii barbaaduudha, akkuma boba’aaf wiirtuulee adda addatti imallu.”

Gara fulduraatti namni hundi konkolaataa elektirikii (EV) ni qabaataa?

Kun ta’uu dhiisuu danda’a. Akka Pool Wilkooksi jedhantti, “jijjiiramni suuta dhufaa jira.” Lakkoofsi fayyadamtootaa dabalaa akka deemuu malu tilmaama.

Wanti biraan gara fulduraatti dabalaa deema jedhamee eegamu, “abba qabeenyummaa waliinii” ykn gaartuulee waliin konkolaataa fayyadamaniidha.

Meleniin akka jettutti konkolaataan ofiin of oodu hanga guutummaatti baramutti, konkolaataa waliin fayyadamuun beekkamtii argachaa deemuu malu.

“Mee yaadi, akka amma Uber waammattu, konkolaataa ofiin bakka barbaadde akka si geessuuf yoo waamu dandeesse. Dhiyeenyatti konkolaataa waliin fayyadamuun furmaata barbaachisaadha jedheen amana.”