TV'n foddaa isaa arraabuun nyaata dhandhaman Jappaan keessatti hojjetame

Foddaa TV(Screen) arraabamu kan agarsiisaaf dhiyaate

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Foddaa TV(Screen) arraabamu kan agarsiisaaf dhiyaate

Pirofeesarri Jappaan TV karaa foddaa isaa dhandhamaa fi urgaa foolii gara alaatti biifuun miira nama ilaaluu qabbaneessu hojjete.

Akka gabaasa Rooyitarsitti meeshaan akka fullee ykn pilaastikii-"hygienic film" jedhamu- foddaa TV irratti erga maxxanfamee booda arraabaan foddicha arraabuun dhandhamu.

Karaa TV ''Taste-the-TV'' jedhamu kanaa namni akka dhandhama soorata fedhee argatuuf TVichi meeshaalee kudhan waliin walqabsiifameera.

Meeshaaleen kunneen qabiyyeewwan urgaa yookiin dhandhama addaa addaa qaban kudhan of keessaa qabu.

Meeshaaleen kurnan kunneen akkaataa nyaata karaa foddaa TV ilaalaa jirru irratti hundaa'uun dhandhama yookiin foolii nyaata sanaan walqabatu gadi dhiisu.

Yeroo kana dhalli namaa foddaa TV irraa arraabuun dhadhamuu danda'a.

Dhandhamni meeshaaleen kurnan TV kanatti qabsiifaman of keessaa qaban ashabaawaa, mi'aawaa, kuraawaa, gubaa, urgooftuu fi hadhaawaa dha.

Pirofeesarri Yuuniversitii Meiji, Homei Miyashita teeknooloojii namoota ogummaa nyaataa fi oomisha wayinii fageenyarra taa'anii barsiisuuf akka fayyadu himan.

TV'n kun oomisha jalqabaa kana keessa darbee gabaarra yoo oole hanga doolaara 875'tti akka gurguramus himan.

"Kaayyoon keenya namoonni manasaanii taa'anii nyaata restoorantii biyya biraa keessatti hojjetamu karaa foddaa TV akka dhadhaman gochuudha,'' jechuun Rooyitarsitti himan.

Namni kun meeshaalee teeknooloojii karaa foddaa TV dhandhama namaaf fidan hedduu hojiirra oolchuuf oomishtoota TV waliin hojjechaa jiraachuutu gabaafame.

Kanaan dura dhandhama nyaataan kan milkaa'e Piroofeesar Homei Miyashita amma kan dhugaatiif hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Gara fuulduraatti dhandhamnis akkuma qabiyyeewwan biroo intarneetii irraa akka buufamuu danda'u gochuuf hojjechaa jiraachuu ibsan pirofeesarri kun.

Keessattuu bara weerara koronaavaayirasii kana keessaa teeknooloojiin akkanaa namoonni waan addunyaa biraa keessa jiru akka dhandhamaniif gargaara jedhan pirofeesar Miyashita.

Kanaan duras pirofeesar Miyashita barattoota isaanii waliin ta'uun meeshaalee dhandhamaan walqabatan hedduu oomishaniiru.

Kanneen keessaa tokko ''fal'aana sooratatti dhandhamaa fi urgaa dabaludha.''

Barattoonni shaakallii kana gaazexeessitootatti agarsiisanii turan.