Teekinooloojii fakkeessanii mul'isuun (virtual) nama du'e quunnamuun gadda jalaa nama baasaa?

Haatii fi intalli wayita walargan

Madda suuraa, MBC

Dhala namaaf yeroon gaddaa baay'ee ulfaataadha, keessattuu wayita daa'ima akkaan jaal'atan du'aan of biraa dhabanfaa bakka itti baqatantu nama dhiba.

Inni gaddi hube garuu nama of biraa dhabe quunnamuuf kufee ka'a, ekeraa nama sanaarraa fagaachuu hin barbaadu.

Kooriyaa Kibbaatti haati tokko intalashee waggaa torbaa du'aan of biraa dhabde quunnamuuf teekinooloojii fakkeessee agarsiisutti dhimma baate.

Ijoollee Jang Ji-sung keessaa ishee sadaffaa kan turte Na-yeon waggaa afur dura dhibee rakkoo dhiigaa ishee mudateen duute.

Ogeeyyiin suur-sagalee biyyattiis teekinooloojii fakkeessee mul'isu(Virtual reality) fayyadamuun suuraa Na-yeon akka waan qaamaan jirtuutti midhaassan.

Teekinooloojii 3D fayyadamuun jalqaba daa'ima taatoo fiilmii taatee hojjettu waraaban, isa booda akka waan Na-yeon hojjettuutti bakka buusan.

Erga sagalee fi viidiyoo daa'ima duutee qopheessanii booda bakka haatii fi intalli itti walarganis teekinooloojii 3D'tiin hojjetan.

Haala kanaan haatii fi intalli duute akka walargan taaisan

Dookimantariin mata dureensaa '' "Meeting You" jedhu kun miidiyaalee gurguddoo biyyattiirratti darbaa ture.

Lammiileen biyyattii miiliyoonaan lakkaa'aman ilaalaniiru.

Kutaa dookimatarichaa keessaa kan daran miira namaa tuqe wayita haatii fi intalli walarganiidha.

Viidiyoo fi sagaleen Na-yeon hanga bakka haati ishee Ji-sung,''Dhalakoo, eessa turte? Waa'ee koo yaaddeettaa?'' jettutti mul'ate.

Haati kun wayita daa'imashee haammachuuf bira geessu baay'ee bootte.

Miseensonni maatiishee garuu waan ta'etti mufataniiru.

Michuu du'aan of biraa dhaban quunnamuu

Jang Ji-sung intalashee du'aan of biraa dhabde argattee nagaa itti dhaamteetti

Madda suuraa, MBC

Ibsa waa'ee suuraa, Jang Ji-sung intalashee du'aan of biraa dhabde argattee nagaa itti dhaamteetti

Dookimantariin kun dhiibbaa xiinsammuu fi hamilee namootaarratti inni qabu ilaalchisee yaadota wal falmisiisoo kaaseera.

Kaan yaadaa fi sammuu gaddaan cabe wal'aana jedhu, kaan ammoo duudhaa jiruu fi jireenya dhala namaa kan faallessuudha jedhu.

Miidiyaan MBC kan gochuusaatiin haadha gaddaan cabdee turte miira ishee qotee baaseera jedhamuun baay'otaan qeeqamaa jira.

Kilippiin daqiiqaa 10 kan YouTube irratti maxxanfame kun yeroo miiliyoona 13 ilaalameera, yaadi 19,000 irratti kennameera.

Namoonni hedduun wanti hojjetame kun Ji-sung gadda caalu keessa buusa jedhu.

Gareen pirodaakshinii TV dokimantarii kana ji'oota saddeet keessatti hojjetan

Madda suuraa, MBC

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen pirodaakshinii TV dokimantarii kana ji'oota saddeet keessatti hojjetan

Jang Ji-sung garuu baay'ee na fayyadeera jetti.

Erga intallishee duutee as qaama ishee hunda suuraa ishee dibdee, mana keessa bakka hunda suuraa ishee keessee yaadaan dhiphatti.

Abjuusheetiin intallishee wayita gadditu akka argite kan dubbattu Ji-sung dookimantarii kanarratti garuu ni kofalti.

Kanaafuu yaaddoo fi gadda keessa turte jalaa sammuunshee yeroof akka boqote himte.

Ogeeyyiin xiinsammuu Ji-sung yaaddoo fi gadda keessaa baateetti jedhan

Madda suuraa, MBC/ YouTube

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeeyyiin xiinsammuu Ji-sung yaaddoo fi gadda keessaa baateetti jedhan

Qindeessaan sagantichaa Lee Hyun-seok akka BBCtti himanitti gareen saganticha hojjete xiyyeeffannaan akka hojjeteefi dokimantarichis yaadannoo Ji-sung irratti kan hundaa'eedha jedhan.

Saganticha garaa xumuraa irratti daa'imni Ji-sung, Na-yeon ilallii haadhasheetiif kenniti.

Yeroo hunda haadhashee akka jaal'attu itti himaa turte.

Lamaanuu erga waliin dubbatanii booda nagaa walitti dhaamanii isa booda Na-yeo ciiste.

Dhumarrattis akka billaachaatti barristee badde.